Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sadarkaa amma irra geenyetti booneera-Arteettaa
Artaatteen injifannoo Niwkaastil irratti argataniin boda yoo dubbatan bara dorgommii kana booda baay'een ofitti boona jedhan.
Sadarkaa kilebichaa baka keenye, aadaa fi xiin-sammuu taphattootaa akkatti jijjiirre gaafan ilaalu inumaayyuu hedduun boona'' jedhe.
Bu'aan barbaade galmaa'eyyuu waan dandeenyu hundaa gooneerra, kan barbaadamus isadha jedhe.
Ceephoo isarratti ka'u ilaalchisee, ''waan gaariidha. Yoo waan namoonni sirraa eegan ol kaaste, ceephoon waanuma sitti dhufudha. Namni tokkoyyuu sadarkaa kanarra akka geenyu hin barbaadu. Garu waan guddaa kana galmeessuu dandeenyeerra'' jedhe.
Bakka amma geenye kana waggaa sadii fi afur tahuuf geenyeerra. Isaan ol galmeessuuf yaaleen ture. Garuu ni ulfaate'' jedhe."
Arsenal ammayyuu rakkoo taphataa sarara duraa hin furre. Hogganaan kilebichaa Joosh Kirooyinkee'' hundi keenyayyuu waancaa Piriimer Liigii mo'achuu barbaanna'' jedhe.
''Bara dhufu waancaa injifachuuf taphattoota ciccimoo mallattesisuuf qophiidha. Mallaqa sanaaf tahus qabna. Amma milkaa'ina beelofne. Nmani hunduu kan kileba kanaaf hojjetu waancaa mo'achuu barbaadaa jira'' jedhan.
Xiinxaltoonni kubba miilaa akka Gaarii Neevil, Pool Merson fi kaan bara dhufu Arteettaan dhiibba jala galuun dorgommicha jalqaba jedhan.
Bakkuma dhokatu hin jiru. Bara kana sababa miidhama taphattootaa jedhu qaba. Garuu kilebni miidhama taphattootaa hin qabne hin jiru kan jedhe Gaarii Neevil.
Hnaga ayyaana Qilleetti sadarkaa tokkoffaa ykn lammaffaa irra hin taa'u taanaan yeroon Arteettaa Arsenaal keessaa dhumachuu isaati jedhe Pool Mersan.
Oduu biraan deeggartoonni Maanchister Yuunaayitid BBC Sport'f yaada isaanii ergan taphattoonni Yuunaayitid kana caalaa onnachuu qabu jedhan.
''Osooma Tootenhaamiin mo'annee waancaa Awurooppaa Liigii mo'anneyyuu bara dhufu Shaampiyoonsi Liigii taphanna jechuudha. Aston Viilaan dhugumatti garee Shaampiyoonsi Liigii taheera. Kanaaf taphattoonni Maan Yuunaayitid dhugumatti taphattoota sadarkaa Shaampiyoonsi Liigiif madaalan tahuu isaanii Ruuben Amoorimitti agarsiisuu qabu. Meeqan isaaniitu ani gurguramuu hin qabu, kileba kanaaf nan madaala jedhee dubbachuu danda'a?''
Five Premier League teams will battle it out for three Champions League places on the final day of the season, with Newcastle boss Eddie Howe saying he "had the feeling it would go right to the end".
Odeessa biraatti yoo deebinu, kileboonni shan Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuuf ammayyuu akka kileba waancaa mo'achuuf morkatuutti taphataa jiru.
Arsenaal Niwkaastil mo'achuun sadarkaa lammaffaa dhiyeenya ittiin beekamu mirkaneeffateera.
Niwkaastil garuu mo'amuun isaa kileboota qabxii 66 qaban sadii waliin akka hiriiru isa taasise.
Aston Viilaa fi Cheelsiin kileboota qabxii 66 qabanidha. Maanchister Siitii, fi Nootiingihaam Foorestii qabxii 65 qabu.
Kileboonni Ingilizii shan kallattummaan waancaa Shaampiyoonsi Liigiif darbuu danda'u. Kunis qabxii Piriimer Liigiin sadarkaa Awurooppaatti qabu fooyya'uu isaa irraa kan ka'eda.
Maanchister Siitiin tapha lama waan qabuuf hireen isaa harka isaa keessa jira. Barnimoozii fi Fuulhaam waliin taphata. Niwkaastil ammoo torban dhufu Everteeniin mo'achuun qofti gahaa akka tahe ni amana.
Cheelsiinis akkasuma mo'achuun gahaadha. Garuu kan isaan morkatan Nootingiham Foorest waliin waan taheef ulfaachuu mala.
Foorest Cheelsii mo'achuun yoo xiqqaate gareen isaan dura jiru tokko amma mo'amu eeguu qabu.
Aston Viilaan ammoo barana akkuma barame Maanchister Yuunaayitidiin mo'achuun carraa isaa eeggata.