Akka itti hantuunni kallattii balaliinsa xiyyaaraa jijjiirsifte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Daandii Qilleensa Iskaandeeviyaa (SAS) xiyyaarri isaa tokko osoo balaliinsarra jiruu sababii hantuutaatiin buufata xiyyaaraa biyya biraa keessa hatattamaan qubachuuf dirqamuu beeksiise.

Taateen isaa akkana ture. Xiyyaarichi balaliinsa eegalee wayita imaltootaaf nyaanni kennamutti saanduuqa nyaataa nama tokkoo keessaa hantuunni as baate.

Xiyyaarri qabeenyammaansaa kan SAS ta'e kunis magaalaa guddoo Norweey- Osloo irraa gara Ispeen-Maalaagaatti balalii'aa ture.

Haata'u malee, taatee guyyaa Roobii Fulbaana 18, 2024 mudate kanaatiin bakka yaade osoo hin gahiin hatattamaan Koppanhaagan-Deenmaark keessa qubate.

Dubbi-himaan Daandiin Xiyyaaraa Oysteen Schmidt AFPtti akka himanitti, xiyyaarichi daandiisaa jijjirachuudhaan Deenmaark keessa qubachuunsaa haaluma dambii dhaabbatichaatiin.

Imaltoonni xiyyara kanaan balalii'aa turan boodarra xiyyaara biraatiin gara Maalaagaatti balali'an.

Daandiiwwan qilleensaa yeroo baayyee hantuunni xiyyaara keessa akka hin seennee ilaalchisee, sababii sirna elektirikaa akka hin miineef jecha dhorkaa cimaa qabu.

''Kun waan garmalee yeroo muraasaaf ta'udha [mudannoo yeroo hedduu argamee hinbeekne],'' jedhan Mr Schmidt.

"Haalota akkasii kanaaf hojimaata diriirsinee qabna. Innis dhiyeessitoota nyaataa keenya waliin gamaaggama taateen akkasii akka deebi'ee hin mudanne mirkaneessuu dabalata."

Jaarlee Borrestad yoo hantuunni saanduqa laaqana imaltuu isa bira teessee keessaa bahu argu dubbata. Namni kun hantuunni saanduqa nyaataa dubartiin balaliirratti isa cinaa teessee ture, osoo nyaata banaa jirtu utaalee keessaa akka miliqe viidiyoo waraabameen BBC News Channel'tti himeera.

Borrestad, haalli ture baayyee tasgabbaa'aa akka turee fi namoonni ''tasuma dhiphina keessa akka hin turre'' dubbataniiru.

Haata'u malee, hantuunni miila isaa keessa akka ol hin seennee sodaachuudhaan surree isaa kaalsii miilasaa keessa kaa'e akka ture dubbata.

Borrestad akka jedhanitti, balaliichi gara buufata xiyyaara biyya biraatti kan jijjiirame yoo ta'u, imalasaanii irrattis sa'aatii muraasa qofaatu dabale.

Torban tokko keessatti imalarratti taatee hantuutaan walqabatee lammaffaa tu mudate.

Kibba Ingilaanditti tajaajilli baaburaa imalasaa walakkaatti dhaabuuf taateen itti dirqames kan mudate torbanuma darbe kana keessa ture.

Erga bineensoonni 'squirrels' jedhaman lama baabuura keessa seenanii booda tokkoonshee baatee inni lammaffaa garuu baaburicha keessaa bu'u dide.

Sababii kanaattis baaburichi imala wallakkaatti imala addaan kutee dhaabuuf dirqame ture.