Imalaan xiyyaara keessatti imaltuu irratti fincaa'e daandii qilleensaa qaanii keessa galche

Maxxanfame

Hogganaan dhaabbata Indiyaa Tata Sons, balalii isaanii tokko irratti namichi machaa’e tokko imaltuu tokkorratti fincaa’uu isaatti “guddaa gadduu” ibse.

Taateen kun kan uumame balalii Daandii Qilleensaa Indiyaa (Air India), kan dhabbata Tata jedhamuun hogganamu irratti Sadaasa darbe keessa ture.

Ta’us garuu dhimmi kun kan gabaafame torban darbe keessa erga dubartiin taateen sun mudate himattee boodadha.

Oduun isaas, haala Daandii Qilleensaa Indiyaa dhimmichaaf deebii itti kenne irratti biyyattii keessatti dheekkamsa guddaa kaase.

Namichi machaa’e dubartii irratti fincaa’es, dhuma torban darbee keessa to’annoo jala oolfame.

Akkasumas, hojiisaa dhaabbata baankii US, Wells Fargo irraa ari’ameera.

Ibsa Dilbata baheen, hoggnaanaan Tata Sons, N Chandrasekaran, daandiin qilleensaa deebii foyya’aa ta’e kennu qaba ture jedhe.

“Amala seera- maleessa akkanaaf deebii kennuuf ykn ittisuuf adeemsa hunda irra deebiin ilaallee sireessina,” jedheera.

Ibsi Hogganaa kun erga Hojii Gaggeessaa Olaanaan daandii qilleensichaa, Kaambeell Wilsan, “gochaa balaleeffamaa imaltoota isaanii tokkoon maamila isaani biroo irrtti raawwatameen “gaabbii fi gaddi” akka itti dhaga’ame dubbatan guyyaa tokkoon booda.

Taateen kun kan uumame Sadaasa 26 xiyyaara Niiw Yoork irraa gara Delhiitti imalaa ture keessatti kutaatti. 

Himatamaan Shankar Mishraa dubartii umurii ganna 72 irratti yeroo fincaa’etti machaa’ee akka ture himameera.

“Uffanni, kophee fi korojoonkoo guutummaatti fincaaniin tortoree ture,” jechuun ture dubartittiin guyyaa ittaanuu Mr N Chandirasekaraanif komii ishee kan barreessite. 

Dubartiittiin hojjatooti xiyyaarichaa bakka taa’umsa akka jijjiraaniifiif gaafattus, taa’umsi hin jiru jechuun teessuma hojjatoota xiqqoorra akka teessuuf gaafachuu isaanii himteetti.

Dabalataanis fedhiisheen ala hojjettoonni xiyyaarichaa namtichi akka dhiifama ishee gaafatuuf gara ishee geessulleen himteeti. 

Balaliin sunis jireenyashee keessatti balalii “xiinsammuu ishee miidhe” isa guddaa akka ta’ee fi daandiin qilleensaa kun walakkaa baasii tikkeeta ishee qofa akka deebiseef dubbateetti.

Namni Mr Mishraa bira taa’ee ture, ogeessi fayyaa US Sugata Batacharjee jedhamu himata dubartii kanaa mirkaneessuun deeggareera.

Sugata akka miidiyaa NDTV jedhamutti himetti, guyyaa gochi kun uumame irratti komii isaa Daandii Qilleensaa Indiyaatiif barreessuus “eessayyu hin ga’in hafe.”

Taatee kanaan boodas, Daandii Qilleensaa Indiyaa koree komii Obb Mishraa irratti dhiyaate qoratu hundeesse. 

Torban lama booda, daandiin qilleensaa kun guyyaa 30’f Obbo Mishraa balalii irraa dhorkeera - gabaabinni yeroo dhorkii kanaa wantoota dheekkamsa guddaa uumaman keessaa isa tokkodha.

Gaaffii maatii dubartiitiin, dhumarratti daandiin qilleensaa kun Mudde 28 irratti poolisii biratti himata baneera.

Torban tokko booda, dhaabbata to’annoo geejjiba qilleensa Indiyaa, DGCA jedhamutti gabaasa isaa galcheera. Dhaabbati DGCA torban darbe, qondaaltootaa fi hojjatoota balalii sanarra turan qajeelfama to’annoo imaltoota seera-maleessaa hin hordofne jechuun ibseera.

Dabaluunis amalli hojjatootaa “namuusa hojii kan hin eegne” ture jedheera.

Erga sanaatii Daandii Qilleensaa Indiyaa, balaliisaa tokkoo fi hojjatoota afur balaliirraa kaaseera.

Obbo Mishraa Sanbata irraatti Bangiloor keessatti to’annoo jala oolfame yakka qoccolaa saalaa fi uummata giddutti amala badaa agarsiisuun himatameera.

Sana booda gara Delhiitti dabarfamuun, mana murtiitti dhiyaachuun guyyaa 14’f  to’annoo sirna haqaa jalaa akka turu taasifameera.

To’annoo jala oolfamuu isaan dura, Obbo Mishraan karaa abukaatoo isaan ibsa kenneen, taateen sun uumamee guyyaa lama booda, uffataa fi korojoo dubartii kanaa michisiisee akka ture ibseera.

“Dubartiin kun komii ishee kan itti fufte daandii qilleensichaa irraa beenyaa ga’aa waan hin arganneef qofadha, kanaaf Mudde 20, 2022 irratti komii itti aanaaa kan dhiyeessite,” jedha.

Ibsi kun dabaluun, “himatamaan sirna haqaa biyyatti irratti amantaa guutuu qaba, akkasumas adeemsa qorannoo irratti deeggarsa ni kenna,” jedha.