Dorgommii muka haammachuu jalqabaa Iskootilaandi

Maxxanfame

Chaampiyoonshiippiin muka haammachuu Iskootish inni jalqabaa Sanbataa fi Dilbata adeemsifameera.

Dorgommiin Arditoornishitti gaggeeffame kun, daqiiqaa tokko keessatti muka hedduu haammachuu fi mala addaa ta’een hammachuudha. 

Injifatan dorgommii kanaa jiraataa naannichaa Alasdayiir Fiirz jedhamudha. 

Dorgommii kana kan qopheesse Chaampiyoonshiippii muka haammachuu Addunyaa Fiinlaand, dhaabbilee kunuunsa naannoo An Darach Forest Therapy  fi Darach Social Croft jedhaman waliin ta’uuni.