Pirezidantiifi Ittaanaan mana murtii waliigala Tigraay aangoo gadhiisuuf gaaffii dhiyeessan

Dr Tsagaay Birhaanaa fi itti aanaan isaanii Obbo Gabra’aamlaak Ya’iniyoo
Maxxanfame

Naannoo Tigraayiitti Pirezidantiin mana murtii waliigalaa Dr Tsagaay Birhaanaa fi itti aanaan isaanii Obbo Gabra’amlaak Ya’iniyoo aangoosaanii gadhiisuudhaaf gaaffii dhiyeessuu ittaanaan pirezidantiifi dubbii himaan mana murtichaa BBCtti himan.

Aanga’oonni lamaan aangoosaanii gadhiisuu kan barbaadan, ‘‘jijjiraman bara aangoosaaniitti eegalan milkeessuuf kallattiin dandeessisu’’ waan hin jireef ta’u beeksiisan.

Aanga’oonni baatiiwwan sagal darbaniif maneen murtii naannichaa hogganaa turan kunneen aangoo saanii gadhiisuuf akka jiran kan beeksisan xalayaa Waxabajjii 24, 2024 barreessaniin akka ta’e ittaanaan pirezidantii Obbo Gabra’amlaak BBCtti himaniiru.

Aanga’oonni kunneenis xalayicha kan barreessaan pirezidantii bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay kan ta’an Obbo Geetaachoo Raddaatiif.

Xalayaan mallattoo Dr Tsagaay fi Obbo Gabra’amlaak qabate kunis, aanga’oonni kunneen erga maneen murtii naannichaa akka hoggananiif mudamanii kaasee ‘‘ittigaafatamummaa ummataafi mootummaa itti kenname bahuudhaaf haala dandeettiifi ogummaansaanii hayyameefiin hunda’’ raawwataa turu kaasaniiru.

Aanga’oonni kunneen ‘‘ummata keenya balaa jiraachuufi jiraachu dhabuu cimaa keessatti kufee ture fi sirna haqaa sirreessuudhaa yaalii taasisaa turreerra’’ jechuudhaan baatiiwwan sagal aangoorra itti turan keessatti yaaliiwwan taasisan eeranniiru.

Manneen murtee naannichaatiis yeroo ‘‘haala ejjannoo gaarii hin taaneerra turaniitti’’ gara aangootti akka dhufan xalayicha irratti kan kaasan aanga’oonni kunneen, yeroo aangoosaanii ‘‘gabaabaa’’ ta’e kana keessatti ejjannoo maneen murtii fooyyeessuuf hojjachuu ibsaniiru.

Turtii aangoosaanii keessattis tarkaanfiiwwan ‘‘kanneen bulchiinsa milkaa’aafi kenniinsa tajaajila maneen murteetiif ni fayyada’’ jedhan fudhataa fi foyya’insa hedduu taasisaa turuu xalayicharratti ibsaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aanga’oonni kunneen ‘‘haata’u malee itti gaafatamummaan nuuf keenname cimaafi ergamasaa qabannee hoggansaan itti fufuudhaafi kallattii jijjirama eegallee galmaan gahuudhaaf haala dandeessisuu hin arganne’’ jechuudhaan aangoosaanii gadhiisuuf murteessuu beeksisan.

Annaga’oonni kunneen lamaanu itti gaafatamummaasaanii kana irraa ka’uuf kan murteessan, ‘‘waliigalattiiti rakkooleefi danqaalee sirna bulchiinsa haqaa fi murtee seeraa irra jiran ce’uu hin dandeenyee, sirreessuuf karaa biraatiin gargaaruu akka dandeenyu amanuudhaan’’ jedhan.

Aanga’oonni kunneenis itti gaafatamummaa saanii irraa akka ka’aniif kan isaan taasisee haalli mijataa hin taanee maal akka ta’e gaaffii BBCn dhiyaateef, itti aanaan pirezidantii mana mutichaa Obbo Gabra’amlaak dhimmicha gadi fageenyaan kaasuurraa of qusataniiru.

Ibsa dabalataa kan kennan erga gaaffiiwwan xalayicha irratti eeraman ‘‘furmaata argataniin’’ booda akka ta’e kaasan.

Gaaffiin pirezidantii bulchiinsa naannichaatiif dhiyaate hanga deebii argatuttis hojiirra ta’usaanii Obbo Gabra’amlaak dabaluun kaasaniiru.

Pirezidantiin mana murtee waliigalaa naannoo Tigraay Dr Tsagaay haaluma walfakkaatuun hojiirra jiraachusaanii dubbii himaan mana murtichaa Obbo Mallas Ashabirri BBCtti himaniiru.