‘Abukaatoowwankoo doorsifamaa jiru’ - Obbo Taayyee Danda’aa

Obbo Taayyee Danda'aa

Madda suuraa, MIN NAGAA ITOOPHIYAA

Maxxanfame

Qondaalli mootummaa duraanii Obbo Taayyee danda'aa har’a ALI Waxabajjii 18, 2016 dhaddacha oolerratti abukaatoowwan isaanii malee dhiyaatan.

Obbo Taayyee Danda’aa abukaattota shan kan qaban ta'us tokkoyyuu dhaddacha har'aa kanarratti hin argamne.

Deetaa Ministeera Nagaafi miseensa Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa, Seera Yakkaa ALI Bara 1996 bahe keewwata 251/C fi keewwata 257/E akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuun himatamanii dhimmisaaniis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa dhaddacha tokkoffaa kan yakkoota heeraafii sirna heeraa irratti raawwataman ilaaluun ilaalamaa jira.

Manni Murtichaas dhaddacha ALI Caamsaa 29, 2016 taa’een ragaalee Abbaa Alangaa lama irraa jecha ragummaa kan fudhate yemmuu ta’u, galmicha qoratee jalamurtii laachuuf ture har’atti beellama kan qabate.

Haata’u malee, kuufama galmeerraa kan ka’e galmee Obbo Taayyee Danda’aa osoo hin ilaaliin hafuu kan himan Abbootiin Seeraa, ALI Adoolessa 17, 2016’tti beellama biraa qabataniiru.

Obbo Taayyeenis beellama haaraa kennametti kan waliigalan ta’uu dubbataniiru.

Ammoo dhaddacha har’aa irratti iyyatawwan lama dhiyeeffataniiru. Abukaatoowwansaanii irratti doorsifni cimaan qaqqabaa jiraachuufi akka irraa dhaabbatu Mana Murtii gaafataniiru.

“Abbaan Alangaafii namoonnisaa abukaatoowwankoo doorsisaa jiru” kan jedhan Obbo Taayyen, abukaatoowwansaanii bilbila lakkoofsisaa hin mul’anneen itti bilbilamee doorsifamuu himan.

Galmee Obbo Taayyee jalatti abukaatoowwan shan galmaa’anii kan jiran yemmuu ta’u, beellama har’a ALI Waxabajjii 18, 2016 turerratti garuu abukaatoowwan Obbo Taayyee hundinuu hin argamne.

Obbo Taayyeenis qofaa isaanii dhaddacharratti argamuun iyyannoosaanii dhiyeeffatan.

Abukaatoowwansaanii shan keessaa lama namoota “waajjira tikaatii bilbilla” jedhaniin doorsifamuusaanii akka itti himan kan dubbatan Obbo Taayyeen, doorsifni kun abukaatoowwan hafan sadeen irratti qaqqabuusaa garuu akka hinbeekne himan.

Gama biraatiin abukaatoo dhaabbachuun mirga heeraan kenname ta’uufii kunis heera biyyattii Keewwata 20 irratti kan kaayame ta’uu, kan himan Abbootiin Seeraa galmicha harkaa qaban, doorsifni qabatamaan raawwatamaa jira taanaan sirna haqaaf gaarii akka hintaane dubbatan.

Kana malees dhimmicharratti akka mari’atan Abbootiin Seeraa himaniiru.

Abukaatoowwan namoota siyaasaaf dhaabatan yeroo dhiyoo as qaamolee mootummaa waliin hidhata qabaniin dorsifni irra gahaa akka jiru BBC odeeffannoo argateera.

Dorsisa kanarraa kan ka'es dhaddacharratti hirmaachuuf rakkachuu ogeessi seeraa dubbifne tokko yaaddoo jabaa waliin BBCtti himaniiru.

Dhimma meeshaalee harka Poolisii Federaalaa jiranii…

Beellama Mana Murtii har’aa irratti iyyatawwan Obbo Taayyeen dhiyeeffatan keessaa inni biraan meeshaalee elektirooniksii harka Poolisii Federaalaa jiran kan ilaallatudha.

Manni Murtichaa meeshaaleen egzibiitiin hinqabamne: mobaayilawwan lama, taableetiin tokkofii sanadni akka deebi’aniif ajaja kennee turullee hanga ammaatti akka hindeebineef Obbo Taayyeen himaniiru.

Poolisiin Federaalaa gama isaatiin meeshaleen eeraman egzibiitiin qabamanii kan jiran ta’uu xalayaa har’a Mana Murtichaaf ergeen himeera.

Manni Murtichaa garuu meeshaaleen kunneen galmee dhaddachaarratti egzibiitummaan galmaa’anii kan hinjirre ta’uu himuun meeshaaleen kunneen akka deebi’aniif irra deebiin ajaja akka laatu dubbataniiru.