Biyya gatiin qullubbii kan foonii caalaa itti qaala'e

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaa bakka adda addaatti soorata keessaa foon caala qullubbiitu itti danata. Foon akka nyaata gatii qaaliiti. Filippiins keessatti garuu gatiin qullubbii kan foon fi kan indaaqqooyyuu caala baay'ee qaala'eera.
Biyya Eeshiyaa kanatti amalli soorata ofii qullubbii adiifi diimaan tolchuun bara Ispeeniin koloneeffataman 1521-1898 irraa eegala. Dhiibbaa warra Ispeeni jechuudha.
Warra Filipiinsiif foon caala qullubbiin soorata gatii qaalii erga itti ta'e ji'a darbeera.
Gatiin qullubbii diimaa kiiloo tokkoo torban kana doolaara 11 galeera. Doolaaricha baankii Itoophiyaatti gara birriitti yoo jijjiirre kiiloon tokko gara birrii 650 jechuudha.
Faallaa kanaan foon indaanqoo guutuun isaa ammoo doolaara 4 fa'aan bitama. Gara birrii 220 jechuudha.
Kun ammoo galii guyyuu nama tokkoo isa xiqqaa doolaara 9 ta'a jedhamuun oliidha.
Akkaa ol qaala'uu gatii qullubbiin walqabatee qullubbiin seeraa ala huccuudha jedhamee Chaayinaarraa galuuf ture kan $310,000 baasu to'annoo jala oolfameera.
Warri Filippinsi miidiyaa hawaasaarratti qaalayinsa kana keessaa mootummaan harka qaba jechuun komatu. Qoosaadhaanis waayee rakkoo kanaa dubbatu. ''Chokkoleetii nagaatti, heloo qullubbii. Warra Filippinoof qullubbiin(Sibuyas) kennaa alaa bitanii manatti galan ta'uuf hiree argate'' jechuun tiwiitara gubbaatti kan barreesse lammii Filippiinsi US jiraatudha. Namni biraan ammoo ''dawwannaa keenya Saawdii Arabiyaarraa yeroo deebinu Chokoleetii osoo hin taane qullubbii bitannee galla'' jedha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Namni biraan US jiru supparmarkeettii keessaa qabee qullubbii daakamaa Filippiinsitti kennaa godhee namaaf hiruuf gabaa gurguddaa shan deemeen dhabe warra gurguraniin maalif bade jennaan tuuristoota Filippiinsitu hunda bitatee galeen jedhame jechuun qoosa.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Ogeessi diinagdee magaalaa Manilaa jiraatu Nikolaaas Mapa manneen nyaataa tokko tokko nyaata qullubbii qabu fakkeenyaaf kan akka bargarii meenuu isaaniirraa haqaa jiruu jedha.
''Gatii nyaata isaanii baasuun waan itti ulfaateef yookan qullubbii waan dhabaniif'' jedha.
Ogeessi nyaata bilcheessu Chef Jam Melchor ammoo bakka qullubbii wanta bu'u barbaaduutti akka jiran dubbata.
''Qullubbiin nyaata biyyanaa keessaa gahee olaanaa qaba. Nyaata hunda keessatti barbaachisa, Gosa Nyaataa Filippiins hunda keessatti galtee olaanaadha.''

Madda suuraa, ROLEX DELA PENA/EPA-EFE/REX/Shutterstock
Sababa haala qilleensaa hamaan hammi omisha qullubbii biyyattiin sassaabduu gad-aanaa akka ta'u muummeen qonnaa raagee kan ture ta'us omishni sassaabame kan eegameen gadi ta'uun sababa jalqabaa gatiin akka malee akka qaala'u godheedha.
Kan lammataa ammoo mootumaan biyyattii bittaa qullubbii toonii miiliyoona 22 raggaasisu bitanii biyyatti galchuun erga hanqinni mudatee fi gatiin ol ka'ee booda waan eegaleef qullubbiin mi'aa ta'ee jedhu ogeessi diinagdee Nicholas.
Gorsaa muummee qonnaa kan turan Fermin Adriano haalli amma jiru kun hanqina bulchiinsaa agarsiisa jedhu.
Akka yaada isaaniitti mootummaan hanqinni omishaa mudachuu yeroo hubatetti dafee dhiyeessii fedha jiruun gitu qopheessuu qaba ture.
Filippiinsi duru biyya qullubbi heddumminaan biyya birooti bitattudha.
Hangi bittus bara 2011 kiiloo miiliyoona shan irraa bara 2016 gara kiiloo miiliyoona 132'tti guddateera.












