Maawiiriiziyoo Pochetiinoo leenjisaa Chelsii ta'uuf waliigalan

Maxxanfame

The Telegraph akka jedhutti leenjisaan duraanii Tootenhaam Hootispeer fi PSG dorgommiiwwan Maawiriiiyoo Pochetiinoo pre season irraa qabee Cheelsii leenjisuuf waliigalaniiru.

Chelsiin Sanbata kaleessaa dirree isaa Staamfoord Biriijitti Nootiingihaam Fooresti simatee lama qixxee bahuun akkuma taphni xumurameen kilabichii fi Pochotiiinoon waliigalteerra gahan.

Nootiingihaam kilaba piriimiyeer liigicha keessatti dirree alagaa irratti seenaa gaarii hin qabneedha.

Chelsiin ammoo seenaa isaa waggoota as dhiyoo 20 keessatti akka baranaa ta'ee hin beeku.

Chelsiin bara kana bittaa taphattootaaf maallaqa riikardii liigichaa ta'e baase, leenjistootas kan akka isaa jijjiire hin jiru.

Ji'oota 12 dura kilabichi Toomaas Tuheeliifi Girihaam Pooter leenjisummaarraa erga kaasee booda bittaa taphattootaaf qofa paawundii miiliyoona 600 baase. Ammas taphattoota sarara gidduu fi goolii eegaa bituun irra jira jedhama.

Leenjisaan duraanii Tootenhaam kun ammaan tana UK ala kan jiru yeroo ta'u maatiin isaa garuu erga bara 2019 achuma Landan jiru.

Imaanaa Chelsii yeroof kan fudhate jifataan duraanii kilabichaa Firaank Laampaard taphoota jaha gaggeesse irraa qabxii afur qofa sassaabuu danda'e.

Erga bara darbe leenjisummaa PSG irraa kaafamee booda Pochetiinoon lafa ture.

Chelsiin akkuma leenjisaa kana 51 lammii Arjantiinaa kana waliin dubbachaa tura, leenjisaa duraanii Baayeer Muuniik Juuliyaan Neglemaanis leenjisaa godhachuuf dubbisaa.

Leenjisaan Ispeeniifi Baarseloonaa duraanii Luwiis Eneriikeeniis kanneen leenjisummaa Cheelsiif kanneen dubbifamaa turan keessaati.

Leenjisaan Barnileey gara piriimiyeer Liigiitti deebisee ittisni duraanii Siitii Viinseent Koompaniis maqaan isaa dhahamaa ture.

Pochetiinoon taphoota sadii Chelsiin liigii bara xumuruuf qabu irratti hirmaachuu baatus yeroo isa booda jiruu keessatti Laampaard harkaa amaanaa ni fuudha jedhamee eegama.