Poochetiinoo gara Cheelsiitti, Imbaappee fi Haarii Keen gara Maan Yunaayitid?

Maxxanfame

Cheelsiin leenjisaa duraanii Tootenahaamii fi PSG Mawurishiyoo Poochetiinoo qacaruuf fiixeerra gahuu himame.

Leenjisaan lammii Arjentiinaa tahe kun erga PSG irraa gaggeeffamanii hojii malee waan jiraniif Cheelsii galuuf fedha akka qaban ibsameera.

Ammatti waliigalteerra gahamuu baatus sadarkaa gaarii irratti akka argamu ibsameera.

Poochetiinoon amma ganna 51 tahe, leenjisaa yeroofii kan tahe Firaanki Laampaardi harkaa hojicha kan fudhatu taha.

Taphataan sarara gidduu duraanii Cheelsii Laampaardi jalqaba ji’a Eebilaatti yommuu Giraam Pooteriin hojiirraa gaggeessan yeroodhaaf kilabicha leenjisuuf hojicha fudhate.

Haa tahu malee, ofiis PSG irraa kan ari’aman Poochetiinoon ammumaan hojii kana Laampaardi harkaa fudhatumoo erga waliigalanii hanga xumura bara kanaatti eega kan jedhu hin baramne.

Jalqaba yeroo gaafatamu hojicha hin barbaadu jedhee ture. Ergasii aangoo jijjiirraa taphattootaa fi kaan to’achuu akka qabaatu erga fedha agarsiiisanii hojii leenjisummaa kanaaf fedha godhataniiru.

Dabalataan chelsiin leenjisaa dhiyeenya baayern Munikii gaggeeffaman Juuliyaan Naayijelsiman qacaruuf yaalee ture.

Boodarra garuu Juuliyaan dorgommicha keessaa bahe. Leenjisaan duraanii garee biyyaalessaa Ispeen Luwis Eniriikeenis akkasuma dorgommicha keessaa of baasaniiru.

Poochetiinoon waggaa shaniif Tootenahaamiin kan leenjise yoo tahu bara 2019 xumura waancaa Shaampyoonsi Liigiif geessisee, Liiverpuulitti waancicha mo’ate.

Bara 2015 xumura waancaa Liig Kaappiidhaaf dhaqqabsiise. Bara 2016/17 ammoo Piriimer Liigiidhaan sadarkaa lammaffaan xumuran. Yeroo lachuu waancaa kan fudhate ammoo Cheelsii ture.

Odeeffannoo jijjiirraa taphattootaan Maanchister Yuunaayitid taphataa sarara duraa Tootenahaam Haarii keen mallatesisuuf gaafataa jira.

Haarii Keen kan Maanchister galu yoo tahe, miindaa isaa kan amma torbanitti paawondii 200,000 tahe gara 300,000tti guddisuuf akka jedhe gabaafameera.

Dabalataan Maarkus Raashfoordi waliigaltee haaraa Maanchister waliin yoo mallatteesse miindaa wal fakkaataa paawondii 300,000 argata jedhamee eegama.

Maanchister PSG keessatti haala turtii Neeyimaarii fi Kiliyaan Imbaappees ni hordofa. Gabaasotni akka agarsiisanitti Neeymaar kilabicha gadhiisuu hin hafu.

Riyaal Maadirid waqtii gannaa darbe Imbaappee gaafatee waan dhabeef lammaffaa gaafachuu hin barbaadu jedhu gabaasaaleen.

Kun ammoo taphaticha kan barbaadu Maanchister Yuunaayitidiif karra saaqa jedhame.