Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namni siyaasaa Indiyaa Atiq Ahmed tamsaasa kallattii TV irratti itti dhukaafamee ajjeefame
Namni siyaasaa beekamaa Indiyaa Atiq Ahmed obboleessa isaa waliin tamsaasa kallattiin TVn darbaa jiru irratti haasaa taasisaa osoo jiranii itti dhukaafamee ajjeefaman.
Atiq Ahmed magaalaa Allahabad keessatti osoo kallattiin rippoortaroota waliin haasa'aa jiruu qawween tokko yeroo adda isaatti dhiyaate argame.
Namni siyaasaa kun nama butuudhaan yakkamaa jedhamee to'annoo poolisii jala ture.
Taatee Sambata galgala mudate kana hordofee namoonni sadii gaazexeessitoota ta'anii waltajjiirra waliin turan battalumatti to'atamaniiru.
Guyyaa muraasa dura ammoo ilmi Ahmed reefuu ol adeemaa ta'e poolisiin itti dhukaafamee ajjeefameera.
Atiq Ahmed waggoota 20 darban keessa yakkawwan akka namoota butuu, ukkaamsuu, ajjeesuufi saamuudhaan himatamaa tureera.
Manni-murtii naannoo sanaa Bitootessa keessa yakka namoota ukkaamsuutiin isaafi namoota biroo lamatti hidhaa umurii guutuu mureera.
Ahmed kanaan dura doorsisa poolisoota irraa irra gahuun lubbuu isaatiif yaaddoo akka qabu himatee ture.
Osoo itti dhukaafamee hin ajjeefamiin sekondoota muraasa dursee Ahmed fi obboleessi isaa Ashraf wayita harki isaanii cancalaan hidhamee fayyaa isaanii ilaalamuuf hospitaala geeffamaa jiran viidiyoon agarsiiseera.
Akka viidiyoon miidiyaa hawaasaafi TV chaanaal irratti gadhiifame kun agarsiisutti Ahmed sirna awwaalcha ilmasaa irratti argamuu isaa gaafatame.
Jechoonni dhumaa inni kaameraa irratti dubbates akkas jedha: "Isaan nu hin geessine, kanaaf deemnee irratti hin argamne."
Shakkamtoonni sadan bakka sana doqdoqeedhaan (motorsaayikiliidhaan) akka qaqqaban poolisiin ibseera.
Bakka sanatti poolisiin tokkoofi gaazexeessaan tokkos miidhamaniiru.
Waan Sambata galgala mudate kana hordofee Bulchaan bakka sanaa Yogii Adityanath ajjeechaan sun akka qoratamu ajajuun kutaa bulchiinsaa Uttaar Piraadesh keessatti nageenya mirkaneessuuf namoonni akka walitti hin qabamne dhorkaniiru.
Ogeessonni namni tokko akkamitti miidiyaafi poolisii fuulduratti ajjeefamuu danda'a jechuun gaaffii kaasaa jiru.
Akka gabaastuu BBC Hindi Anaant Zananee bakka sanatti kan dhiyaattu Prayagraj jirtu himtutti magaalaan sun waanuma cufamteettu fakkaatti.
Atiq Ahmed eenyu?
Atiq Ahmed siyaasaafi yakkawwan gurguddoo keessatti maqaan isaa baayyee ka'a. Yeroo jalqabaaf bara 1979 keessa yakka ajjeechaatiin himatamee ture.
Isaan booda waggoota 10f magaalaa Allahabad keessatti nama dhiibbaa guddaa uumuu danda'u ta'uun beekame.
Kanarraa ka'uun, bara 1989 dorgomaa dhuunfaa ta'ee filannoo irratti hirmaachuun mo'atee miseensa paarlaamaa ta'e. Marsaawwan filannoo itti aanan lamaanis dhuunfaadhaan dorgomee kan mo'ate namni siyaasaa kun, marsaa afraffaa irratti ammoo naannoo sana kan jiru Samajwadi party (SP) bakka bu'ee dorgomuun mo'ate.
Erga miseensa mana-maree ta'ee SP bakka bu'uun paarlamaa galee himannaan Allahabad fi kutaawwan bulchiinsaa biroo irraa irratti dhiyaachuu hin dhiisne.
Bara 2019 keessa manni-murtii Indiyaa guddaan tokko mana-hidhaa Uttar Piradesh keessa tursiifame keessaa akka mana-hidhaa Gujaraat geeffamuuf ajaje.
Manni-murtichaa kana kan godheefis Ahmed mana-hidhaa shakkamee hanga dhimmi isaa seeraan murtaa'utti akka tursiifamu taasifame sana keessa taa'ee abbaa qabeenyaa tokko ajjeesisuudhaaf shiraa ture waan jedhameefidha.
Bitootessa darbe ammoo Gujaraati irraa gara Prayagraj akka deebiyu gochuun yakkka nama ukkaamsuutiin himatamee itti murame.
Kana malees, Ahmed yakka biroo ittiin shakkamuufis akka gaafatamuuf ture kan gara magaalaa kana fidameef. Obboleessi isaa Ashraf ammoo mana hidhaa kutaa Bareilly keessatti hidhamee kan ture yoo ta'u innis akka gaafatamuuf gara magaalattii kanaa dhufe.
Obbolaan lamaan kun nama ajjeechaa miseensa mana-maree Raajuu Pal bara 2005 raawwatameef ragaa ta'ee dhiyaatee booda ofiinis ajjeefameef shakkamanii gaaffiif dhiyaatan.
Raajuu Pal ammoo bara 2004 keessa Bahujan Samaj Party (BSP) bakka bu'uun bakka Atiq Ahmed deeggarsa cimaa itti qaba jedhutti Ashraf filannoon nama mo'ate ture.
Umesh Pal ammoo Guraandhala keessa dhukaasa namoonni baayyee itti bananiin ture kan ajjeefame.
Ajjeechaa Umesh Pal kanaan ammoo ilmi Atiq Ahmed Asad jedhamuufi kaanneen biroon shakkamtoota turan.
Asad fi namni biraan tokko torban darbe jalqabarra dhukaasa poolisiin waliin ture jedhameen ajjeefame.
Ji'a darbe Atiq Ahmed poolisiin isa ajjeesuuf akka isa doorsisaa ture mana-muritiitti iyyatullee Manni-murtii Waliigalaa Idiyaa garuu hin fudhatiin hafe.