Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kaabaa misaayela baalaastikii waggaa kanaaf isa dhumaa dhukaaste
Kooriyaan Kaabaa misaayela baalastikii sadii kan fageenya gabaabaa furguggifaman gama baha galoo galaana Kooriyaadhaan gara galaanaatti dhukaasteetti, jette Kooriyaa Kibbaa.
Oduun miilanaa kuni Kooriyaan Kaabaa gara daangaa qilleensaa Kooriyaa Kibbaatti bara 2017'n asitti yeroo jalqabaaf diroonii balaliisuun booda dhagahame. Kooriyaan Kaabaa bara kana keessa yeroo kamiyyuu caalaa misaayeloota baayyee dhukaasteetti. Misaayelli boodana dhukaafame kuni Ameerikaafi michoota ishee irratti yaaddoo battalaa hin uumu kan jedhe immoo Waashingatani dha.
Misaayaloonni baalaastikii galgala kalee sa'atii 2:00 irratti naannoo kaaba biyyattii Hiwaangihii jedhamurraati dhukaafame jette Kooriyaan Kaabaa.
Gorsitoonni koomaandar humna waraanaa qilleensaafi lafoo Kooriyaa Kibbaa, ''misaayeloota kunneen dhukaasuun qoccollaa nagaafi tasgabbiif galoo galaan Kooriyaafi hawaasa addunyaaf iddoo hin kennine dha,'' jedhan.
Misaayelooti kunneen km350 fuguggifamuu jedhe waraanni Kooriyaa Kibbaa.
Eegduun qarqara galaanaa Jaappaan misaayelli tokko galaana keessatti kufee jedhe.
Waraannii Kooriyaa Kibbaa dirooniiwwan shan tibba darbee Kooriyaan Kaabaa daangaa isheerratti baliisiste lafaan dhahuu dhiisuuttti dhiifama gaafateera.
Kooriyaa Kibbaa diroonii magaalaa guddoo biyyattii Soowulitti siqee balali'aa turetti dhukaas akeekkachiisaa, jeetii fii heelikooptariiwwan itti ergitee ture. Jalqaba ji'a kanaarratti Ameerikaa fi michootishee Eeshiyaa, yaalii misaayelaan wal-qabatee qondaalota olaanoo Kooriyaa Kaabaa sadii irratti qoqqobbii kaa'aniiru.
Hariiroon Kooriyaa Kaabaafi Kibbaa erga Pireezidantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suuk-Ye'ool Caamsaa keessa gara aangootti dhufanii ittuu hammaate. Kooriyaan Kaabaa immoo hoggansa Kiim Joong-uun sagantaa oomisha meeshaa waraanaa hogganu jalatti jabaachaa dhufte. Dhihoo kana biyyasaa niwkileera jabaa addunyaa kanaa akka qabaattu akka barbaadu himee ture. Biyya niwukilaaraa, ''boodatti hin deebinee,'' jedheera.