Sirni maqaa moggaasuu ‘Gubbisni’ maali, Dubaartii maalif hin gubbisne?

Maxxanfame

Obbo Liiban Dheengee mucaa isaanii hangafaa argataniif dhiheenya sirna Gubbisaa qopheessan. Gubbisni kun mucaa dhiiraa sanuu isa hangafaa qofaaf kan qophaa’udha.

Waa'ee gubbisaa fi haala sirni isaa itti raawwatamu ilaalchisuunis Obbo Libaan akkasiin ibsan.

“Mucaa dhiiraa kan hagafaa dhalaniiidha kan gubbisan. Gubbisa jechuun maqaa baasuu jechuudha. Mucaan dhalatee waggaa tokko guutee jennaan gubbisuun ni danda’ama. Akka aadaatti lafumaa kaatee hin gubbifattu dura ayyaana laallatta,” jedhan.

Qorataan seenaa fi Barreessaa Jaatanii Diidaa ammoo sababiin Booranni mucaa dhiiraa isa hangafa qofaaf itti Gubbisuuf falaasama mataasaa qaba jedhu.

“Waaqni lafa uumee lafarratti galma dhaabe. Waaqni gaafa galma dhaabu muka dhadhacha jedhaniin lafa dongore. Booranni ‘waaqayyoo Qaalluu, waaqa qaalluu shananii ofii galmatti galii, quufaan namari qumbiin na eebbisi’ jedha.

''Galmi kan waaqaatii. Mucaa dhalate kana galma waaqaa ijaaree, galmicha keessatti maqaa baasee galateeffata jechuudha” jedhu.

Gubbisi jechuun kun Galata jechuudha. Namni kaan yoo tokko gubbise qaalluun ammoo lama gubbisa. Kunis qaalluun nama kaanirra waaqatti dhihoo jedhaamee waan amanamuufi jedhan.

Gubbisaaf maaltu qophaa’a?

Booranatti jilli gubbisaa kun sagantaa guddaa qophiin dursaa taasifamee gaggeeffamudha.

Jalqaba galma jilaatu ijaarama. Galmi kun akkuma nama jila kanaaf wamame irratti hundaa’uun guddachuu fi xiqqaachulleen mala.

Namni mucaa isaa Gubbifatu ijaarsa galmaatiin alatti Kalloo, Bunaa fi tamboo, sangaa jilaa, torban jilaa fi Qadaadduu qopheeffata. Qadadduun nama galma dongoru.

Sagantaan gubbisaa kun bakka hedduutti hanga guyyaa afurii kan fudhatu ta’ulleen kan isaan duralleen gubbisee xumuru inuma jira.

“Maatiin yoo akkam xiqqaate haga loon lamaa jila kanaaf qala. Tokko sangaa Jilaa jedhan. Sangaan inni biraa ammoo warra galma ijaaruuf qalama. Kun yoo qabaatte malee dirqama miti.

''Gubbisni waqtii Caamsaa fi Waxabajjii kan filatamuyyuu waqtii namni aananfaa itti qabaatu waan ta’eefidha,” jedhan Aab Jaataniin.

Jila Gubbisaa kanaaf namni loon hin qabne hoolaa jilaaf qala. Yoo hoolaalleen dhabe ammoo namarraa gaafatee jila kanaaf qala jedhan. Sangaa Jilaa waliif kennu jedhu Booranni. 

Yoo akka carraa ta’ee barri beelaa fi hongee taatee, mucaa hangafaa gubbisuuf loonis ta’ee hoolaan dhabamte ammoo hiddii bakka galmaa kanatti qalu jedhan.

Hiddiin kan filatameefis hiddiin garaa isaa keessaa waan akka garaacha loonii fakkaatu waan qabuuf mucaa osoo hin gubbisin darbuurra bara hamtuu taate akkasittilleen gubbifachuun ni danda'ama jedhu Oromooni Booranaa.

Ta’iin akkanaa kun Boorana biratti bara ‘cinnaa’ jedhamee kan beekamu yoo ta’u, bara Gadaa Booranaa 55ffaa, bara Minilik Boorana Qabate loon dhumee rakkatee Booranni waan akkasii keessa darbe jedhan qoraataan aadaa kun.

Namni gubbisa jilatu namalleen yoo argachuu dadhabe yoo xiqqaate nama torba argachuun garuu dirqama. 

“Haala rakkisaan yoo uumame Gubbisaaf namni aadaan barbaaddu namuma torba. Torban jilaa jechuudha. Torban kana argattee jennaan jilachuu dandeessaa. Wanni guddoon aadaan hin hafiniidha malee aadaa maaliin tolfaattee miti,” jedhan.

'Gubbisni ka’umsa qabeenya horachuuti'  

Gubbisni sagantaa maqaa moggaasuu ta’ulleen jilli kun ilma gubbifamu sanaaf guyyaa itti qabeenya horachuu itti jalqabudha. Aadaan kun ammoo handhuuraa jedhamees beekama.

Firrii fi ollaan jila Gubbisaa kanaaf gara galmaa dhufu loonii fi qabeenya adda addaa mucaa gubbifamu kanaaf gumaacha. 

Mucaa hangafaa kan waggaa sadii gadii kanaaf kennaan gubbisarratti kennamu yeroo barri quufa ta’e hanga loon 100 fi isaa ol illeen ta’uu mala jedhan Aab Jaatanii Diidaa.

“Dur warruma firaa fi fiixaatu walii kenna. Amma namni walbeeku cufti akkuma walbeekuun walii kenna. Namni tokko yoo mucaa gubbisu akkuma inni uummata keessati hirmaannaa qabuun loon 200,300 argachuu mala. Dur namni garmalee wal jaalatu farda kenna. Amma Motorii walii kennu,” jedhan.

Dubaartii maalif hin gubbisne?

Namni tibbana mucaa isaanii hagafaa Gubbifatan Aab Liiban Dheengee akka aadaa Booranaatti dubartiin yoo hangafa dhalattelleen sirna gubbisaa kana hin qabdu.

“Dubartiin ni heerumti. Maatiirraa fagaattee nama dhibii taati. Waan daaraa fi farda jedhantu jira. Gaafa heerumte ebelutu fuudhe jedhan malee warra dhalchetti hin waamamtu. Kanaaf hin gubbisan.

''Abbaallee maqaa ishiitiin hin waaman. Fakkeenyaaf har’a booranatti dhalattee boru saba biraattuu heerumuu malti. Kanaaf dhaala ni argatti garuu hin gubbisan,” jedhan.

Maqaa gubbisaan bahe jijjiiruun danda'amaa?

Maqaan gubbisaan moggaafame eebba qaba jedhamee waan amanamuuf jijjiiruun aadaa miti.

“Baakka jilaa sanatti maqaa haaraa mogaafame sana waamanii ‘jedhaa jedhaa’ jedhu si’a sadii. Hirmaattonni ammoo jalaa fuudhanii ‘Guddadhu haateetii fi abbee bulfadhu’ jedhu.

''Kanaaf, maqichi eebba wajjin siif baha. Maatiin ammoo Gubbisa dura maqaa qoraatee itti qophaa’eti kan gubbisu. Kanaaf maqichi hin jijjiiramu,” jedhan Aab Jaataniin.