Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bornimaawoz v Liiverpul, Arsenaal v Maanchester Siitii eenyutu mo'ata?
Taphni Piriimer Liigii Ingiliiz torban 24 taphoota ciccimoo eegaman keessaa kan Bornimaawoz v Liiverpuul, akkasumas Arsenaal v Maanchester Siitii walitti fidu akkaan eegama.
Kana malees, kan Notingihaam Forest v Biraayiten, Niwukasil Yunaayitid v Fuulhaam, Bireentifoord v Tootenhaam taasisanis warra eegaman keessatti.
Bornimaawoz bara kana kilaboota gurguddoo sadarkaa 1-5ffaa jiran keessaa afuran isaanii mo'ateera. Kana jechuun kilabni kun gahumsa gaarii agarsiisaa akka jiru agarsiisa. Miilana Piriimer Liigii dursaa kan jiru Liiverpuuliin mo'atee shaman hunda isaanii irra aanaa laata?
Gahumsa Bornimaawoz tobanoota muraasa darban keessa agarsiisaa jiru hedduu kan qalbii namaa hawwatudha jedha ogeessi BBC kubbaa miilaa xiinxalu Kiriis Saatan.
Kiriis Saatan taphoota kilaboota Piriimer Liigii gidduutti bara kana gaggeeffaman 380 hunda tilmaameera. Tilmaama isaa kenne keessaa kan sirriitti argate qaba; kan ammoo waan tilmaameen fallaa ta'es mudateera. Garuu gahumsa, muuxannoofi dhimmoota kaan ilaalcha keessa galchuun waan raaguuf harka caalu yeroo siirriitti kjaa'u ni mul'ata
Tilmaama Piriimer Liigii torban kanaa akkasiin kaa'eera. Dhiyaadhaa.
Sambata, Guraandhala 1
Notingihaam Forest v Biraayiten
Nootingihaam Foorest qabxii 44 qabatee sadaarkaa sadaffaarra kan jiruufi bara kana gahumsa gaarii agarsiisaa kan jiru Notingihaam Forest torban darbe Bornimaawoziin 5 fi 0n mo'ameera. Cimini bara kana agarsiisaa jiruun kun kan hin eegamne ture.
Biraayiten ammoo erga dhiyoo as tilmaamuuf rakkisaa ta'eera.
Tilmaama Saatan: 2-2
Bornimaawoz v Liiverpuul
Liiverpuul tapha Shaampiyoons Liigii Rooobii PSV waliin taphaterratti taphatto ciccimoo boqochiifateera. Tapha Shaampiyoons Liigii PSV waliin taphate kanarratti 3 fi2n mo'amus tokkoffaa ta'ee darbeera.
Liiverpuul bara kana tapha hunda mo'achuumaaf dirree seena.
Gama Barnimaawoziin ammoo miidhamni taphattootaa qoramaata itti ta'uu hin oolu. Kanaaf, akuuma Arsenaal, maanchester Siitii, Niwukasiliifi Notingihaam Forestiin mo'ate Liiverpuul mo'achuuf yaaluu danda'a ta'a, garuu akka yaade hin ta'uuf.
Tilmaama Saatan: 2-1
Everten v Leester Siitii
Kilaboonni kunneen lamaan torban darbe akka gaariitti morkattootasaanii mo'atanii ture. Leester Tootenhaam mo'ate. Kun ammoo taphoota torba walitti aansanii waan mo'amaniif dandamannaa guddaa isaaniif ta'eera. Everten ammoo Biraayiteniin mo'ateera.
Tilmaama Saatan: 1-0
Ibsiwiich v Saawozihampiten
Saawozihampiten amma qabsaa'aa kan jiran Piriimer Liigii keessaa kufuurraa hafuu miti, garee Piriimer Liigii seenaa keessatti dadhabaa akka hin jedhamneef qofadha. Taphoota 23 hanga ammaa taphatan keessaa qabxii ja'a qofa argatanii sadarkaa dhumaarratti argamu.
Bara kana Piriimer Liigiitti kan ol guddate Ipsiwiichis deebiyee kufuurraa of oolchuuf lafa qalaa jira. Tapha kanarratti garuu nan isaaniif sodaadha. Kana mo'amnaan carraan isaan kufaatiirraa ooluu qaban fagaataa deema.
Tilmaama Saatan: 2-1
Niwukasil v Fulhaam
Fuhaam garee biraa tilmaamuudhaaf na rakkisu tokkodha. Amma Niwukasil amma akkuma eegan ykn tilmaaman ta'aa dhufeera.
Niwukasliif Aleksaader Isaak fi Antoonii Goordan gahusa gaariirra waan jiraniif jijjiirama ni fidu jedheen eega.
Timlaama Suutan: 3-1
Woolvis vAston Viilaa
Jifataan warra Aston Viilaa jijjiiraan gara Sa'ud Arabiyaa kan deemu yoo ta'e baayyeen aara. Umuriin isaa waggaa 21 waan ta'eef achi yoo deeme maallaqa jireenya isaa guutuuf barbaachisu argachuu danda'a, garuu yeroo gahumsa gaariirra jirutti Liigii addunyaarratti jaallatamaa keessaa baha.
Arsenaal ammoo jifataa Aston Viilaa biraa Olee Waatkins fudhadhu malee jechaa waan jiruuf kun leenjisaa kilabichaa Unaayee Emiriif aarii guddaadha.
Villaan taphoota darban ja'a irratti hin mo'anne.
Wolvis ammoo taphoota afura darban walitti aansuun mo'amanii gahumsa gadi aanaarra jiru.
Tilmaama Saatan: 2-2
Dilbata, Guraandhala 2
Brentiford v Tootenhaam
Miikii Vaan De Veen miidhamarraa deebiyuun Tootenhaamiif oduu gammachiisaadha. Garuu kophaa isaa waan hedduu jijjiiru hin qabaatu. Torban darbe Leesteriin mo'ammuun leenjisaa garichaa Anjee Postekaagoluutiif qaanii guddaadha. Ammas leenjisaan kun taphattota barbaadee gabaarraa fudhachuuf gargaarsa waan argachaa jiru hin fakkaatu.
Amma Bireentifoord Tootenhaam gahumsa gadi aanaarra jiru kana akka hin qaanessine nan sodaadha.
Tphattoonni Bireentifoord Biraayaan Imbuumoofi Yohaanee Wisaan ga'umsa gaariirratti argamu.
Tilmaama Saatan: 2-1
Maanchester Yunaayitid v Kiristaal Palaas
Torban darbe Maanchester Yunaayitdiin ni mo'ama jedheen ture. Garuu taphaan amansiisanii ta'uu baatus Fulhaam mo'ateera.
Maanchester Yunaayitid Yurooppaa Liigiirratti kilaba Romaaniyaa FCSB jedhamu salphaatti mo'ateera.
Kiristaal Palaas garuu cimina gaariirra jiraatanillee torban darbe Bireentifoordiin mo'amuun isaanii nama ajaa'iba ture.
Tilmaama Saatan 1-1
Arsenaal v Maanchester Siitii
Leenjisaan Arsenaal yeroo hanga kanaatiif jifataa maaliif akka hin argatiin ta'uu namaaf hin galu. Yeroo dheeraaf taa'aa turee dhumarra lafumaa ka'anii jifataa Aston Viilaa Olee Waatkins gaafatu. Akkan yaadutti waan itti barfatedha. Kana maaliif jalqaba Amajjiirratti gochuu dadhaban? Bukaayoo Saakaa fi Gabreel Jeesu miidhamarra akka jiran beekamaadha.
Kun Ze Gaanersiif baayyeemurteessaadha.
Maanchester Siitiin ammoo erga dhiyootiin asitti deebiyanii of cimsuuf yaala ajiru.
Ani tapha kana Arsenaal irra aana jedheen yaada.
Tilmaama Saatan: 2-1
Wixata, Guraandhala 3
Cheslii v west Haam
Manaajerri Chelsii duraanii Girhaam Pooter kara Biriijitti deebiyeera, garuu kun gammachiisaadha jedhee hin yaadu.
west Haam ammoo erga Pooter Juulen Lopteeguutii bakka buusee baayyee cimaa jira.
Tilmama Saatan: -1