Raashiyaan erga Yukireen namoota 20 duraa ajjeesuu himatte booda haleellaan muddite

Raashiyaan guyyoota muraasa darban magaalaa Karkiiv haleelteetti

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaan guyyoota muraasa darban magaalaa Karkiiv haleelteetti
Maxxanfame

Yukireen ammas haleellaa diroonii Raashiyaan jala akka jirtu qondaaltonni biyyattii himan.

Guyyoota lamaan darban Raashiyaa fi Yukireen qilleensarraan wal haleelaa turan.

Kiyiiv fi Kaarkiv keessatti dhohinsi akka mudate kan gabaafame yoo ta’u, kantiibaan magaalaa Kiyiiv gamoowwan namoonni keessa jiraatanitti ibiddi qabachuu ibsan.

Mooskoon haleellaa Yukireen Sambata magaalaa Raashiyaa daangaarratti argamtu Beelgorooditti raawwateen yoo xiqqaate lubbuu namoota 20 dabarse haaloo ba’aa turte.

Haleellaan sun kan raawwatame erga Raashiyaan Jimaata darbe kutaalee Yukireen haleeltee booda ture.

Haleellaawwan sun lubbuu namoota 39 kan dabarse yoo ta’u, Kiyiiv hanga ammaatti haleellaa misaayila Raashiyaan waraana kanarratti raawwatte isa guddaa ta’uu ibsite.

Sirni ittisa qilleensaa Yukireen naannoo magaalaa Kiyiiv marsee jiru Sambata galgala haleellaa diroonii Raashiyaa ofirraa ittisuuf irratti hirmaachuu bulchiinsi waraanaa naannichaa Telegiraamirratti ibse.

Kaaba-baha magaalaa Kaarkiv keessatti haleellaan dirooniin qaqqabuu kantiibaan magaalattii Ihor Terekoov ibsan.

"Kunneen maadhee waraanaa osoo hin taane, kaaffee, gamoo mana jireenyaa fi waajjiraaledha," jedhan.

"Jala bultii Bara Haaraatti Raashiyaan magaalaa keenya sodaachisuu barbaaddi, nuti garuu hin sodaannu – addaan hin hiramnu, hin mo'amnus" jedhan.

Miidhaan qaqqabe hangam akka ta’e ifa miti, akkasuma hanga ammaatti miidhaan lubbuun namaa jiraachuU hin ibsamne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sambata ganama haleellaan Raashiyaan magaalaa Kaarkivitti namoota 19 madeessuu bulchiinsi naannichaa ibse.

Raashiyaan Jimaata darbe Yukireenitti raawwatte namoota 39 ajjeesuu fi namoota160 madeessuu Pirezedantiin biyyattii Volodimiir Zelenskiin himanii turan.

Magaalaa guddoo Yukireen Kiyiiv dabalatee magaalonni biyyattii hedduun haleelamaniiru.

Kantiibaan magaalaa Kiyiiv, Vitali Kilitichisko akka jedhanitti, magaalattii keessatti yoo xiqqaate namoonni 16 ajjeefaman.

Jimaanni darbe hanga ammaatti guyyaa namoota nagaa hedduun magaalaa guddoo biyyattii keessatti lubbuu ajjeeffamani.

Haleellaa kun kan qaqqabe Yukireen Raashiyaa haleeluu hordofeeti.

Mooskoon Yukireen haleellaa qilleensaa lubbuu namaa galaafate kibba-lixa biyyattiirratti raawwachuu himatte - halellaa Beelgorooditti raawwatameen namoonni 20 ajjeefamanii, namoonni 100 ol madaa’an.

Bulchaan naannichaa erga Raashiyaan Yukireen weerartee as haleellaa lubbuu namootaa galaafate keessaa kuni isa tokko jechuun daa’imman sadii namoota du’an keessaa jiraachu himan.

Maddi qaamolee nageenyaa Yukireen BBCtti akka himanitti, ''haleellaa shororkeessummaa Raashiyaan magaalota Yukireeni fi namoota nagaarratti raawwatteef haaloo bahuuf’’ diroonii 70 ol gara Raashiyaan dhukaafamu ibsan.