Dabre-Taboritti walitti bu'insa tureen namootaafi hospitaalarra miidhaan gahuun himame

Madda suuraa, DEBRE TABOR COMMUNICATION
Naannoo Amaaraa, magaalaa Dabre-Taaboritti Sanbata darberraa kaasee waraana raayyaa ittisa biyyaafi hidhattoota Fannoo gidduutti gaggeeffameen namoonni nagaan ajjeefamuu jiraattotaafi maddeen hospitaalaa BBC Afaan Amaaraa dubbise ibsan.
Waraana hanga Wixata waaree duraatti itti fufe jedhame kanaan namoonni nagaa ajjeefamuufi miidhaan irra gahu, akkasumas Dabre-Tabor Ispeeshaalaayizid Hospitaal irras miidhaan qaqqabuun ibsameera.
Jiraattonni magaalattii nageenya isaaniif maqaan isaanii akka hin eeramne barbaadan walitti bu'insichi Sanbata waaree boodarraa gaggeeffamuu ibsuun, yoo xiqqaate namoota 10 ajjeefamuu isaanii akka beekan BBC Afaan Amaaraatti himan.
Hakiimonni Dabre-Tabor Ispeeshaalaayizid Hospitaal keessa hojjetan gamasaaniin, magaalicha keessa haalli tasgabbaa'e waan hin jirreef sababa walitti bu'insichaan lakkoofsa namoota miidhaan irra gahee ibsaa akka hin dandeenye himuun, namoonni nagaa ajjeefamuu garuu BBC'f mirkaneessaniiru.
"Ammatti nama meeqatu miidhame, nama meeqatu ammoo du'e kan jedhu kaa'uun ulfaataadha. Warra namoota wallaansifachuuf hospitaala keenya jiraniifi hojjetoonni eegumsaas du'aniiru," jedhan hakiimonni maqaan isaanii akka hin dha'amne barbaadan.
"Namni deessuu gaafachuuf dhufe achuma hospitaalicha keessatti rukkutame. Wallaansi baqaqsanii yaaliin taasifameeraaf. Hojjetaa eegamusaarraammoo miidhaa salphaatu qaqqabe," jedhe hakiimni kun.
Dabalataan, "Namoota shan warra wallaansaaf namoota fidan keessaa karrarra turanirra miidhaan gaheera. Dargaggoonni naannawaa hospitaaichaa turan 27 madaa'aniiru," jedhe.
Namoonni miidhaan irra gahes sababa waraabnaan wallaansa osoo hin argatiin akka turan ibseera.
"Hanga ammaatti hospitaala hin galle ture. Amma lolichi magaalaa kessaa waan baheef hospitaala galanii gargaarsa kennuu eegalleerra," jechuun hakiimni kun BBCf ibseera.
Hakiimni kun itti dabalauun, hospitaalicharra miidhaan gahuu isaatiin tajaajilli gufachuufi ogeessonnis hojii isaanii raawwachuu dadhabuu isaanii dubbataniiru.
"Foddaan kutaalee hospitaalichaa caccabaniiru,ibsaa fayyadamuu hin dandeenyu, bakka maashinoonni wallaansaa jiran dhukaasaan miidhaan irra gahee meeshaaleen wallaansa baqaqsanii yaaluu hanga tokko miidhameera," jechuun miidhaa qaqqabe ibse hakiimichi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraataan magaalattii akka maqaan isaa eeramu hin barbaadne yoo xiqqaate namoonni nagaa 10 ajjeefamuu akka beekan BBCf ibseera.
"Sanbata waaree boodarraa kaasee hanga Wixataatti magaalaa Dabre-taabor keessatti waraanni gaggeeffameera. Humni ittisaa meeshaa waraanaa gurguddaa fayyadamaa waan tureef manneenirras, hospitaalarras bu'eera.
Kanan ani beeku namoonni 10 du'aniiru, namoonni lama ammoo madaa'aniiru," jechuun ibse jiraataan kun.
"Humni ittisaafi humnoonni nageenya abiroos du'aniiru. [Wixata] sa'aatii afurii booda walitti bu'insichi dhaabbatee reeffa kaafamaa ture. Amma waraanni gaggeeffamaa hin jiru, sagaleen dhukaasaas hin dhaga'amu. Humni ittisaa manarra deemee sakatta'aa jira," jechuun ibse jiraataan kun.
BBC’n jiraattootaa magaala Dabre-Taabooriifi hakimii hospitaalichaa kan dubbise Wiixata waaree booda ture.
Taatee jedhame kan ilaalchisee Izzii raawwachisaa labsii yeroo muddamaa, Raayyaa Ittisa Biyyaafi naannicharraa odeeffannoo argachuuf yaaliin goone nuuf hin milkoofne.
Walitti bu’insi hidhattoota Faannoofi raayyaa ittisa biyyaa jidduuttu qabannaa’ee ture deebi’e ka’uun kan himame yoo ta’u, Dabre-Taabooriin alatti Dabre-Maarqoosiifi Finoote-Salaamitti guyyoota darban keessa walitti bu’insi mudachuutu himame.
Walitti bu’insa humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo jidduutti naannichatti mudatee tureen namoonni nagaa ajjeefamuu, miidhaan qaamaa qaqqabuufi qabeenyi barbaadaa’un gabaafamee ture.
Haata’u malee, Izziin Qajeelfama Waliigalaa Labsii Yeroo Muddamaa raawwachiisuf hundeeffame ibsa Hagayya ALI 21, 2015 kenneen, naannichi ‘‘rakkoo nageenyaa keessa ture keessaa bahaa’’ jiraachuufi gara tasgabbii guutuutti deebiisuuf hojiin hojjatamaa jiru bu’a-qabeessa’’ ta’uu ibsee ture.
Itti dabaluunis, nagaafi tasgabbii naannichatti argameera jedhame cimsuudhaaf ‘‘duulli waraanaa gaggeeffamaa jiru cimee kan itti fufuu’’ ta’uu ibsuun isaa ni yaadatama.
Izziin Qajeelfama Waliigala Yeroo Muddamaa naanniicha keesatti, ‘‘oppareshiniin waraanaa marsaa lammaffaafi sadaffaa fudhatamaniin irra caalaan godinoota naannoo Amaaraa gara sochii idileetti deebi’aniiru,’’ jedheera.
Dabalataanis, ‘‘nageenyaafi tasgabbii eegalame caalaa cimsuudhaa, akkasumas amansiisaa gochuudhaaf, Izzichi oppareeshiniin waraanaa cimee akka itti fufuuf qajeelfama cimaa kenneera’’ jechuun himee ture.
Naannoo Amaaraatti magaaloota gurguddaa keessatti dabaltee walitti bu’insi gaggeeffamaa ture irra caalaan tasgabbii agarsiisuu isaa dhaabbatta Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa torban darbe keessa beeksiisuun isaa ni yaadatama.
Haata’u malee, guyyoota dhuma torbanii irratti naannichaatti eddoowwan garaa garaa keessatti walitti bu’insi jiraachuu odeeffannoowwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman kan mul’isan yoo ta’u, BBCnis maddeen Dabre-Taaboor irraa walitti bu’insi guyyootaaf akka ture mirkanneeffateera.
Manni-maree Naannoo Amaaraa torban darbe keessa bakka Dr Yiliqaa Kafaala, Obbo Araggaa Kabbadaa Pirezidantii naannichaa gochuun muuduun isaa ni yaadatama.
Walitti bu’insi hidhattoota Faannoofi humnoota mootummaa jidduutti naannichatti ta’aa ture humna naannichaatiin ol ta’usaa hordofee naannichi mootummaan Federaalaa jidduu akka galuuf waamicha dhiyeesse hordofuun labsiin yeroo muddamaa baatiiwwan jahaaf labsamuunsaa ni yaadatama.












