‘Kan sijaaraa xuuxu abbaa warraakooti, kaansariin garuu ana qabe'

Naaliin intala intalsaanii waliin
Maxxanfame

"Karaa funyaankootiin afuura baafachuu hin danda'u. Karaa qaawwa morma koo irra jiruunan afura baafadha,'' jedhu maanguddoon waggaa 75 Naaliinii Saatyaanaaraayaan. Naaliinii gonkumaa sijaaraa xuxxee hinbeekne, garuu wagoota 33 gaa'elaan dabarsaniitti abbaa warraa isaanitu sijaara xuuxa ture.

Garuu kaansariin qabamuu bara 2010 erga abbaan warraashe du'anii waggaa shaniin booda barte.

''Abbaan warraakoo osoo walirraa hinkunnee xuuxa ture. Sun akka narratti dhiibbaa qabu hin beekun ture. Waa'ee fayyaasaa waanan yaadda'eef akka dhaabu gaafadheen ture,'' jedhan maanguddoo Naaliinii kan Kibba Indiyaa magaalaa Haydaraabaaditti BBCtti akka himaniitti.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) waggaan sijaaraan namoota miliyoona saddeeti akka ajjeesse hima. Isaan keessaa kan miliyoona 1.2 ta'an kan nama sijaaraa xuxuu waliin jiraataniidha.

Baayyeen ammoo dhukkuboota jireenya gabaabsaniin dhukkubsatu.

Naaliinii osoo intala akkaayyoo isheetti seenaa himaa jirtuu ture sagaleen ishee akka geedaramaa jiru kan hubatte. Yeroodhuma gabaabaa keessattis, sagalee qulqulluun haasa'uufi afuura baafachuu dadhabde.

Dhukkubbiin ishee kunis kaansarii qoonqoo ta'uun itti himame. Hakimiinis wallaansa baqaqsanii yaaluu qoonqoo irratti raawwatan.

''Dubbachuun dadhabe. Baayyee nama gaddisiisa. Akkasumas kana duraan booda sagalee koo kana duraa hin argattuu naan jedhan dooktaroonni.''

Naaliinii bishaan bira dhaabbattee

'Bakka hundaa ujummootu ture'

Jaanaan - kan waggaa 15- akkooshee baayyee xaba jaalataniitti waan akka tasaa mudate ni yaadatatti. ''Wayita wallaanamteetti yeroo dheeraaf mana hin turre.''

"Yeroo gara manaa deebiituutti kan waggaa afurtiin ture. Garaashee irra ujummootu ture... bakka hundaa ujummootu ture.

Nama keenya yeroo hunda qulleessuu qabna. Narsiin ishee waliin turte. Cimina haalichaa kanan hubadhee hin se'u.''

Kaansarii qoonqoo

Dubartii daa'ima bira taa'ee sijaaraa qabsiifachuuf jedhu

Du'a daa'immanii

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waggaa waggaatti daa'imman 65,000 sababii warri kaani sijaaraa xuxuutiin ni du'u jedha. Kanaan alatti daa'imman aara sijaaraatiif saaxilaman infekshinii gurraatiin qabamuuf carraansaanii olaanaadha.

Yeroo tokko tokko ammoo yoo cimee ammoo dandeettii dhageettii saanii dhabu. ''Daa'imman aara sijaaraaf saaxilaman rakkoo afura baafachuutiif saaxilamu parsantaa 50-100 olaanaadha. Akkasumas asimii fi carraan du'a tasaatiif saaxilamu olaanaadha,'' jette Anjeelaa Chiibaanuu.

Namoonni sijaaraa xuuxan ta'ee kanneen hin xuxnee baayyee sijaaraa xuuxuun dhorkamu qabaata jedhanii akka morman dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseera.

Sijaaraa xuuxuu dhorkuu

''Naannawa gutummaatti sijaaraa irraa bilisa ta'e jiraachuun jijjirama bu'a qabeessa fiduun ni danda'ama. Namoonni bakka isin jiraattaniitti ta'e ijoollee keessan biratti akka hin xuuxne taasisaa. Qilleensa qulqulluu afura baafachuun mirga namoomaati,'' jetti Anjeelaan.

Haata'u malee gutuummaatti sijaaraa xuuxuu dhorkuun cimu dandanda. Haala qorannoo damee kanaratti hojjatame tokkootti Aworppaatti indastiriin sijaaraa bara 2021tti qofa dolaara biiliyoona 850 sochoose.

Akka qorannichi mul'isuutti, dhaabbilee gurguddoonni bu'aa olaanaa argatan akka sijaaraan hin dhormaneef dhiibbaa olaanaa taasisu.

Ayinuuruu Altiibeevaa dubartoota kaan waliin

Qabsoo dheeraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ayinuuruu Altiibeevaa miseensa mana maree Indiyaatti seerriiwwan akkasii akka hojiirra oolaniif hojjatan keessaayi. Bara 2018tti bakka namoonni walitti qabamaniitti sijaaraa xuuxuun akka dhorkamuuf sochiin jalqabamee ture.

Indiyaa keessatti waggaa waggaan sijaawaan wal qabatee namoonni kuma jahaa olii lubbusaanii akka dhaban himuun, bakkeewwan akkasii irratti akka hin xuxamneef dhorkuun ammoo miidhaa qaqabu %10 ni hir'isa jedhu.

Miseesni mana maree tun ammoo mormii olaanaatu mudate ture. ''Miseensonni mana maree mataansaanii karaa garaa garaatiin indastirii tamboo waliin hidhata qabu. Seerri bakka namoonni walitti qabamaniitti sijaaraa xuxuu dhorkus gara koree filatameetti ture kan ergame.

Garuu, koreewwan ta'e jedhanii akka tursiisan taasifame.Ministeerri dhimma diinagdeetiis yoo ta'e galii gibira irraa argamu irratti hir'isni akka jiraatu ibsuun yaadicha deeggaranii ture,'' jedhu.

"Namoonni tokko tokkoos sirummaa karaa miidiyaa hawaasaa isaanitiin anaafi maatii koo xuquu eegalan.'' Ayinuuruun waggoota darbaniif erga qabsoo cimaa taasisaniin booda, bara 2021 irratti Indiyaa keessatti lafa namoonni walitti qabaman irratti sijaaraa xuxuun dhorkameera. Haata'u malee achirratti hin dhaabanne.

Ayiinuuruun miidhaa sijaaraa xuuxuun qayyaa irratti qabaatu akkasumas balaa daa'imman irratti qabaatu ilaalchisuun qophiilee hubannoo cimsuus ni qindeessa. Sadarkaa idil-addunyaattis lakkoofsa namoota sababii tambootiin du'anii hir'isuuf yaaliiwwan taasifaman keessaa, bara 2005tti ifa kan taasifame waliigalteen to'annoo Tamboo ni eerama.

Ahanga ammaattis biyyoonni 182 waliigalte kana mallatteessuun miseensa ta'aniiru.

''Yaaliin tarkaanfiiwwan du'aatii tamboon wal qabatee umamuu hir'isuuf taasifaman gargaaruu kan danda'an hedduun jiru. Adda durummaanis oomisha tamboo irra gibira olaanaa kaa'u, beeksiisawwan irratti to'annoo taasisuu akkasumas dhimmicharratti barnoota olaanaa kennuun ni eergama.''

Naaliinii intala akkoo ishee waliin

'Abbaa warraakoo hin komadhu'

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa lakkoofsi namoota sijaaraa xuxanii waggaa waggaan hir'ataa jiraachu himulleen, ammaan tanas lakkoofsi namoota sijaaraa xuxanii biiliyoona 1.3 jedhama.

Akka dhaabbatichaatti, namoota kudhan keessa tokko kan xuxuu yoo ta'u, baayyeen isaani ammoo kan hin to'atamneefi kan karaa seeraan alaatiin dadabarfamu fayyadamu.

Indiyaa Haayidiraabaad keessa jiraataa kan ta'an Naaliinii Ammaan tana dhimmicha seeratti dhiyeessuu barbaadu. Hanga ammaatti qaawwa morma ishee irra jiruun qofa afuura baafataa kan jiraan Naaliiniin, sababii sijaaraatiin lubbuun nama kamiitu akkasiin baduu hin qabu jedhu.

Naaliiniin gara manneen barbootaa akkasumas bakka ummanni itti walitti qabamuutti imaluun waa'ee miidhaa sijaaraa irratti qophiilee hubannoo cimsuu kan taasisan yoo ta'u, yeroo qabaniitti ammoo ijoollee ijjoollee isaanii waliin xabachu jaalatu.

Sababii abbaan warraa saanii sijaaraa xuuxaa turaniif kaansariif saaxilamun rakkoo fayyaa cimaaf saaxilaman illeen abbaa warraasaanii kanaaf komachu akka hin barbaadne himu.

''Gonkumaa abbaa warraakoo itti gaddee hin beeku. Rakkoo na mudateen gadduun jijjirama omaatu hin jiru. Amma dhugaasaa fudhadhee waa'ee rakkoo na mudatee dubbachu hin sodaadhua,'' jedhu.