Raapparii Iraan adabbii du’aa eeggatu - Tomaaji Saalihi

Madda suuraa, TWITTER/@OFFICIALTOOMAJ
Raappariin Iraan sirba mootummaa mormu sirbe ‘’maalammaltummaa guddaa dalage’’ jedhamuun himatame du’aan adabamuuf jira.
Dargaggoo ganna 31 Toomaji Saalihi duraan holola tamsaasuu, diinaa waliin hojjachuu fi jeequmsa kakaasuun himatamuu qondaalli mana murtii biyyatti himan.
Qondaalli Iraan kun dhaddachi Saalihi ogeessa seeraa otoo hin argatiin eegalame jechuun dhaabbileen mirga namoomaa himatan.
Saalihin viidiyoo mormii Iraan keessatti gaggeeffamutti hirmaachuu isaa agarsiisu maxxansuu hordofeetu hidhame.
Kana malees, sirba raappii jeequmsa biyyattii keessatti ka’e deeggaru kilippiin gadhiise.
Jeequmsi Iraan keessatti kan eegale, shamarreen ganna 22 Mahisaa Aminii hijaaba seeran hin godhanne jedhamtee poolisiin to’atamuun torban 10 dura du’uu hordofeeti.
Qondaaltonni Iraan tarkaanfii humnaa hiriirtoota mormiirratti akka fudhatamu kan ajajan yoo ta’u, jeequmsa sana biyyoota alaa‘’diina’’ keenya ta’anitu kakaase jedhanii himatan.
Mormii Iraan keessatti ka’een namoonni 450 ol ajjeeffamanii, namoonni 18,170 hidhamaniiru jedhu rogeeyyiin mirgaaf falman.
Qaamoleen nageenyaa Iraan 60’n sababa jeequmsa biyyattii keessatti hammaateen du’uun gabaafameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Saalihiin hidhamu isaa guyyoota muraasa dura af-gaaffii CBC waliin taasiseen: ’’Lammiileen Iraan haala sodachisaa keessa jiru, Maafiyaa aangoo, maallaqaa fi meeshaa waraanaa isaa eeggachuuf biyya hunda ajjeesuuf qophaa’e waliin falmuutti jiru,’’ jedhe.
Sadaasa darbe miidiyaan biyyoolessaa Iraan viidiyoo Saalihi bulchiinsa Isifaanitti wayita hidhamuu agarsiisu maxxansee ture.
Viidiyoo sanarratti namni Saalihi ofiin jedhe ijasaatti huccuun hidhamee otoo lafa taa’uu agarsiisa.
Namtichi sun sagalee hoollatuu tokkoon qaamoleen nageenyaa akka baqatan hiriira moormiirratti gaafachuu kootiin ‘’badiin dalage’’jedhe.
Gartuuun bilisummaan yaada ofii ibsachuu akka kabajamu jajjabeessan, Saalihi dirqisiisanii yakka dalaguu akka amanu taasifamuu balaaleffatan.
Dilbata darbe dursaan abbootii murtii Isafaan, Saalihin’’maalammatummaa guddaa dalage’’ jechuu isaanii Tajaajilli oduu ISNA gabaase.
Kana malees, maxxansa dharaa sadarkaa olaanaan badii qaqqabsiise tamsaasuun himatameera jedhan dursaan abbootii murtii Isafaan.
Durbiin Saalihi, Azadi Babadi Landan jiraatu isa yakkama taasisuu ragaa sobaa qindeessuu maluu jedha.
Weellistoonni fi lammileen Iraan biroo heddu yaaddoo kanaan walfakkaatu qabaachuu toora tiwitaraa gubbatti barreessan.
Raappariin Iraan Hiikas jedhamu biyyi Iraan ‘’ Tomaaji Saalihi’’ ajjeesuuf yaala jirti jedhe.
Weellisaan biraa Mehidi Yarrahi jedhamu akkas jedhee barreesse:’’ himannaa bu’uura hin qabneen warra du’a hin sodaanne biroo barsiisuu barbaadu,’’jedhe.












