Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojjattoota buufata xiyyaaraa osoo maallaqa imaltootaa hatanii kaameeraan qabe
Kaameeraan basaasaa CCTV jedhamu osoo qaamoleen nageenyaa lama buufata buufata xiyyaaraa Ameerikaa tokkotti korojoo imaltootaa sakatta'aa jiranii maallaqa wayita hatan mul'ise.
Namoonni kunneen qondaaltota Bulchiinsa Nageenya Geejjibaa yoo ta'an hanna kana kan raawwatanis buufata xiyyaaraa Idiladdunyaa Mayaamiitti ta'uu viidiyoo CCTVn waraabe mul'iseera.
Miseensotni poolisii kunneen Adoolessa keessa yakka hannaa guddaan hidhaman. Isaan garuu yakka jedhame hin raawwanne jechuun falmatu.
Namoonni kunneen wayita dabaree sakatta'iinsaarra turanitti korojoo imaltootaa maashina sakatta'u keessa darbuun irra ture dursanii banuun bakka maallaqi jiruu hatan jedha himannaan isaanii.
Viidiyoon CCTV kun qaamolee nageenyaa kunneen keessaaa tokko korojoo maallaqi keessa jiru faana bu'uun hanga fuulli isaa abbaa korojoo jalaa dhokatutti deemee maallaqa baasee keessaa fudhachuu agarsiise.
Namoota lameen keessaa tokko jalqaba korojoo maallaqi keessa jiru adda baase, achiin booda hiriyaasaa isa kan biraa waamee itti dabarse.
Hiryaansaa kunis hanga korojoon maashina keessa seenuu ga'utti duukaa bu'ee banuun maallaqa fudhatee kiisii (giphii) isaa keessa kaa'e.
Erga maallaqa fudhatee booda iddoo maashina korojoo sakatta'u ilaalanitti deebi'uun hojii to'annoosaa itti fufe.
Buufata xiyyaaraa Idiladdunyaa Maayaamiitti Daarektarri Nageenyaa Federaalaa hanna raawwatame jedhameen walqabatee damee poolisii buufata xiyyaarichaa qorachuu himati dhiyaate ni mul'isa.