Gatii tikeeta xiyyaaraa qaala'ee Ardii Afrikaa guddina dhowwe

Maxxanfame

Afrikaa keessa xiyyaaraan imaluun gara biyyoota addunyaa kamuu imaluu caalaa akkaan qaalii ta'eera.

Imaltoonni maallaqa guddaadhaan tikeetii bitatu, gibira olaanaas kaffalu.

Yeroo garii biyyoota Afrikaa gidduu imaluu caalaa gara biyyoota ardiilee birootti imaluutu gatiinsaa xiqqaadha.

Fakkeenyaaf magaalaa guddoo Jarmanii, Barliin, irraa hanga magaalaa guddoo Tarkii, Istaanbul, fageenya sa'aatii sadii doolaara 150'n imalu.

Fageenyuma walfakkaataa magaalaa guddoo Naayijeeriyaa, Leegoos, irraa hanga magaalaa guddoo Rippaablika Dimokiraatawaa Koongoo, Kinshaasaa, ammoo doolaara 500 hanga 850'n imalu.

Haalli kun hojii biizinasii Afrikaa keessatti hojjetamu akkaan danqe, kan miidhame namoota jireenya sadarkaasaa eeggate jiraatan qofa osoo hin taane hunduma.

Daandiiwwan qilleensaa biyyoota addunyaa 300 ta'anii kan bakka bu'u Waldaan Geejjiba Qilleensaa Idil-addunyaa (The International Air Transport Association- IATA) akka jedhetti, osoo biyyoonni Afrikaa murteessoo ta'an 12 waliin hojjetanii gabaa jabaa tokko uumanii silaa carraa hojii 155,000 ni uumu.

Galiin waliigalaa isaanii ammoo doolaara biiliyoona 1.3n guddata ture jechuun yaada kenne.

Dhaabbata kanatti Pireezidantiin damee Afrikaa fi Baha giddugaleessaa Kaamil al-Awadhi, ''diinagdee biyya kamuu keessatti ga'een damee aviyeeshinii guddaadha. Carraa hojii uuma, diinagdee kaanillee kakaasa,'' jedhan.

Yuuniversitii UK Durham jedhamutti piroofeesarri seera daldalaa (Commercial law) Adefolake Adeyeye, sababa tajaajilli gadi bu'aa ta'eef jecha biyyoonni Afrikaa carraa damee kanarraa argamu dhabaa jiru jedhan.

Uummata addunyaa keessaa dhibbeentaan 18 Afrikaa keessa jiraatu, garuu daandii qilleensaa addunyaa keessaa harka 2 qofa qooddatu.

Afrikaan ardii albuudaa fi qabeenya uumamaan badhaateedha, garuu biyyoota addunyaa diinagdeen boodatti hafoo UN tarreesse 46 keessaa 33 Afrikaa keessatti argamu.

Biyyoonni Afrikaa damee aviyeeshinii isaanii guddisuuf waggoota kurna hedduuf tattaafataa turan, garuu ammallee akka yaadamuun hin milkoofne.

Jaarmiyaa investimantii US jiru- Fairfax Africa Fund jedhamutti hoogganaa kan ta'an Obbo Zemedeneh Nigaatuu, ''biyyoonni Afrikaa daandii qilleensaa mijataa taasisuun diinagdeesaanii guddisuuf, tarsimoo qajeelaa ta'e qabaachuu qabu,'' jedhan.

Biyyoonni Afrikaa hunduu xiyyaara alaabaansaanii irratti fannifame buufata xiyyaaraa addunyaa hunda keessa qubsiisuu fedhu kan jedhan Obbo Zemedeneh, garuu kopha kophaa deemuun isaan kasaarsaa jira jedhan.

Biyyoonni Awurooppaa gabaansaanii gabbataa ta'eyyuu gurmaa'anii hojjechuuf xiyyeeffannaa waan kennaniif milkaa'an jedhan.

Daandiin qilleensaa isaanii jiraachuuf gurmaa'uun murteessaa akka ta'eefi yoo kana godhan tajaajila qulqulluu, si'ataa fi amansiisaa ta'e gatii madaalawaan kennu jedhan ogeessi daandii qilleensaa kun.

Yeroo ammaa sirni geejjiba qilleensaa Afrikaa keessa jiru akkaan faffaca'aadha. Biyyoonni 33 walta'uun geejjiba qilleensaa tokko uummachuuf waliif mallatteessanis hojiirra oolchuuf waggoota hedduu itti fudhateera.

Waliigalteen kun sagantaa Gamtaa Afrikaan durfamu yoo ta'u, samii Afrikaa daandii qillleensaa biyyoota Afrikaaf bilisa gochuu fi gatii geejjiba qilleensaa hir'isuurratti kan xiyyeeffateedha.

Qondaalli IATA Aab Awadhi waliin hojjechuurratti kan rincice mootummoota jedhan.

''Mataa jabaachuutu jira. Mootummoonni hunduu kan kiyya natu beeka, kiyyatu caala jechuun karaasaanii qofarra deemu. Yoo bu'a qabeessa ta'uu baatanis jechuudha,'' jedhan.

Afrikaa keessatti guddina ija namaa guutu galmeessuun akka fakkeenyaatti kan fudhatamuu fi biyyoonni kaanis irraa barachuu kan qaban daandii qilleensaa Itoophiyaa qofa.

Daandiin qilleensaa kun waggaa 15 dura namoota 4,000 qacaree hojjechiisaa ture, amma lakkoofsi kun 17,000 ga'eera.

Kan mootummaati, garuu jaarmiyaa daldalaa guddaa mataasaa danda'e ta'ee keessa seenummaa mootummaa malee waan hojjeteef milkaa'e.

Imaltoonni Afrikaa, damee aviyeeshinii keessatti milkaa'inni akkanaa yoo heddummaate, tajaajila geejjiba qilleensaa si'ataa fi qulqullina qabu gatii madaalawaan akka argatan abdatu.