Itoophiyaatti nageenyi dhabamuun egeree dargaggootarratti dhiibbaa akkamii uume?

Maxxanfame

Itoophiyaan waggoota shanan darban rakkoo garaa garaa keessa dabarte. Addumatti rakkoon nageenyaa biyyattii bitaa mirgatti dhisaa ture.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa osoo hin eegalin dura, duraanuu Oromiyaatti mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu lolli tureera.

Kaaba Itoophiyaatti waraanni Sadaasa 3, 2020 eegalee gaafa Sadaasa 02, 2022 walii galtee nagaa Piritooriyaatti mootummafi TPLF gidduutti mallattaa’en xumura argate ammoo haala nageenya biyyattii yaaddoo guddaa keessa galche.

Yeroo waraana waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture sanatti qaamolee wal waraanaa turan sanatti gama mootummatii milishoonni, humni addaa naannolee, raayyaa ittisa biyyaafi dargaggoonni heddus bifa haaraan raayyaa biyyaatti akka dabalaman godhamuun waraana irratti hirmaataniiru.

Gama Tigraayinis dargaggoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman hiriiranii mootummaa Federaalaa wajjin wal-lolaa turan.

Gama lamaanuu dargaggoonni hedduu dirree waraanatti du’aniiru, qaama miidhamaniiru.

Ofii Itoophiyaatti nageenyi jdhabamuun addumatti dargaggoota irratti dhiibbaa akkamii uuma?

‘Biyya waraana keessa jirtu keessatti hojii argachuun rakkisaadha’

Biyyi tokko waraana keessa gaafa seentuufi sababa rakkoo nageenyaan tasgabbii yoo dhabdu kallattiinis ta’ee al-kallaattin caalmatti kan miidhaman dargaggoota akka ta’e ragaaleen garaa garaa ni agarsiisu.

Yuunivarsiitii Finfinneetti Saayinsii Siyaasan kaadhimamaa PhD kan ta’an Obbo Shimallis Hayiluu akka jedhanitti, biyya tokko keessatti waraanni yoo ka’u irra caalaan kan hirmaachisu dargaggoota.

Hayyuun siyaasaa kun akka jedhanitti, rakkoowwan dargaggoonni ittiin miidhaman keessaa tokko hojii dhabdummaadha.

“Waraanni, lolli biyya tokko keessatti yoo ka’e [dargaggoonni] warra miidhamaniidha. Isa jalqabaa hojii dhabu. Dargaggeessi hojii barbaada; biyya waraana qabdu keessattimmoo hojiin hin argamu,” jechuun nageenyi yommuu dhabamu dargaggootarratti dhiibbaa guddaa akka qabu himu.

Itoophiyaa keessatti walitti fufiinsan waggoota darban keessatti rakkoon nageenyaa bakkeewwan garaa garaatti dhalachuurraa kan ka’e hojiiwwan misoomaa mootummaafi dhaabbilee dhuunfaan hojjatamaniifi dargaggoota hedduuf carraa banan cufamaniiru; kaan ammoo gabaa keessaa bahaniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame hordofuun carraa silaa Itoophiyaan meeshaalee al-ergii gabaa UStti qaraxarraa bilisaan itti gurgurattu AGOA jedhamu keessaa baafamtee turte.

Kanaanis paarkiwwan industirii keessatti hojjachuun kanneen of jiraachisan hojiin dhabamuurraa kan ka’e miidhaa garaa garaaf saaxilamaa turan.

Gama biraan ammoo waraanni Kaaba Itoophiyaatti osoo hin eegaliniifi Oromiyaattis hin hammaatin dura dargaggoota keessumaa dargaggoota magaala keessatti gurmeessun carraa hojiilee garaa garaarratti akka bobba’aniif carraa banaaf ture.

Haata’u garuu, carraalen akkasii yeroo ammaa heddumminaan waan hin jirreef dargaggoonni filannoo garaa garaa ilaalutti cehaa akka jiran ni dubbatama.

'Warri wal-lolu hunduu dargaggoota leenjisee bobbaasa'

Kaaba Itoophiyaatti erga nagaan bu’ee as manneen barnootaa banamanii dargaggoonni carraa barachuu waggaa lamaaf dhabanii turanitti deebi’aniiru.

Haa ta’u garuu naannoo Oromiyaa keessatti sababa humnoonni mootummaafi hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo wal-lolaniin godiinaalee heddu keessatti sirni baruufi barsiisuu danqamaadha.

Kuni ammoo dargaggoonni carraan qawwee kaasanii humnoota mootummaa ykn hidhattoota WBOtti dabalamuu qofa akka qaban uumame ibsu Obbo Shimallis Hayiluu.

"Waraanni gaggeeffamu hundisaa dargaggootarratti gama hundaanuu. Mootummaan akka rayyaa ittisaa, poolisiitti [akkasumas] warri mootummaadhan lolan leenjisanii kan bobbaasan gama lachuunuu dargaggoota.

"Akkuma walii galaatti waraana keessatti dargaggoonni miidhamoodha," jedhu.

Saayinsii waraanaa keessatti yeroo baay'ee hojii humna nageenyaa ykn loltummaaf kan filatamu dargaggoota.

Sababni ammoo humna hoo'afi waa fudhachuuf banaa ta'uurraa kan ka'e salphaatti leenjii loltummaafi indoktirineeshinii fudhachuu akka danda'antu himama.

Itoophiyaattis taanan, namni tokko loltuu ta'ee leenji'uuf ulaagaalee kaa'aman keessaa dargaggoota akkasumas kan hin gaa'ila hin godhanneefi ilmoo hin godhanne ta'uu akka qabu ni jira.

Kuni ammoo namni gaa'ela ykn ilmoo hin qabne yeroo leenjitti gaa'ela koo ykn ijoollee koo jedhee osoo hin yaadda'in qalbiifi garaa guutun leenjiifi indoktirineeshinii loltummaa akka fudhatu gargaara.

Ulaagaaleen kun biyyaa biyyatti garaa gara ta'uu malanis humni dargaggummaa leenjii loltummaaf murteessaa ta'uunsaa waanuma baramaadha.

Haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiruunis yoo ilaalame, hidhattoonni garaa garaa mootummaa wajjin wal-lolanis kan isaan leenjii loltummaaf ofitti dabalan humna dargeeessaa kanaadha.

Obbo Shimallis akka jedhanitti dargaggoonni humna waa hojjachuu barbaadan waan ta'eef carraa isaanii banameefi waan naannoosaanii jiruun oofamuu akka danda'u.

'Dargaggeessi gaafa waan hojjatu dhabu, filannoo biraa barbaada'

Naannon Oromiyaa Itoophiyaatti naannolee sababa rakkoo nageenyaan akkaan miidhaman keessaa tokkoodha.

Godinota Lixa Oromiyaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaafi Gujiitti sababa walitti bu'iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti waggoota darbaniif deemaa tureen lubbuun darbuun, qe'eerraa buqqa'uufi qabeenyi manca'aa turuu BBCn gabaasaa ture.

Rakkoolee kanaan alatti sochiin geejjibaa, tajaajilli garaa garaa danqamuurraa kan ka'e sochiin diinagdee baay'ee danqamaadha.

Gama biroon ammoo hidhattoonni abbootii qabeenyaafi namoota dhuunfaa garaa garaa ukkaamsun maallaqa gaafachuufi saamunis waggoota dhiyoo as waan akka malee baramaa dhufeendha.

Bakkeewwan kanneen keessatti sababa rakkoo nageenyan misoomni, barnoonni, daldallifi tajaajilliwwan garaa garaa waan danqamuuf dargaggoonni carraan meeshaa hidhatanii humnoota garaa garaatti dabalamuusaanii bal'aa akka ta'e kaasu Obbo Shimallis.

"Dargaggeessi humna hoo'aa waan ta'eef hojjachuu barbaada, barachuu barbaada, waan haaraa arguu barbaada waan ta'eef garuma itti geessitetti deema," jechuun haalli naannichi keessa jiru akka isaan qajeelchu ibsu.

"Mana dhugaatii yoo banteef achuma oola, mana araada garaa garaa yoo banteef achuma oola, waraanas yoo banteef dhaqee lola jechuudh. Yeroo meeshaa qopheessiteefii leenjiste waraanatti gala," jechuun haalli biyyattiin keessa jirtu garasitti akka oofe dubbatu.

Akka isaan jedhanitti Itoophiyaan haala qabatamaa irra jirtuun dargaggootaf hojii gahaa uumuu dadhabuurraa kan ka'e dargaggoonni heddumminaan humna mootummaafi humna hidhattootatti dabalamuun waraana keessa galu.

Hayyuun siyaasaa Obbo Shimallis akka jedhanitti keessumaa naannoo Oromiyaa bakkeewwan rakkoo nageenyaa jiranitti hawaasni qaamota sadi gidduutti: humnoota mootummaa, hidhattootafi warra nama saaman gidduutti dararaa keessa jira.

Dargaggoonni ammoo addumatti waan irratti xiyyeeffatamuuf carraa sadi qofa akka qaban dubbatu.

"Keessattuu dargaggoonni qaama hundaanuu irratti xiyyeeffatama. Yookii mootummaadhaf ergamtee dhufte jedhama. Yookin ammoo mootummaan isaan [hidhattoota] wajjin deemte jedha; qaamni kaan ammoo halkan dhufee si saama.

"Kanaafuu dargaggoonni, filaannoon isaan qaban sadi [afur] qofa ture Oromiyaa keessatti: tokko mootummaa wajjin walii galanii leeji'anii poolisiifi humna waraanaa ta'uu; ykn ammoo qaama hidhatetti makamanii mootummaa loluu, ykn ammoo of-gurmeessanii halkan uummatasaanii saamudha.

"Kan kanarraa hafan gara nageenyi jiru," kan akka Finfinnee fa'aa dhaqanii hojii humnaa fa'aa hojjachuu akka ta'e ibsu.

Rakkoon nageenyaa biyyattii ijaarsa biyyattii irratti walii galuu dadhabuufi haalli siyaasa biyyattii bu'uura dogongoraa irratti ijaaramuu kan himan Obbo Shimallis biyyattii keessattii sirna uummanni hundi irratti walii gale ijaarun furmaata akka fidu himu.

Addumatti ammoo Oromiyaa keessatti rakkoon bu'uuraa rakkoo nageenyaa dhalee hawaasa dararaa jiru kun wal-hubannaa dhabuu namoota siyaasaa Oromoo akka ta'e eeru.

"Addumatti kan Oromiyaa yoo ilaalle, rakkoo guddaan wal-hubannoo dhabuu qaama siyaasa Oromiyaa keessa jiruuti," jechuun sadarkaa nannotti waliigalteen siyaasaa jiraachuu akka qabu dhaamu Obbo Shimallis

Gama biroon ammoo qaamni hawaasaa kanneen akka hawaasa sivilii, dhaabbileen amantaa fa'aa rakkoon yeroo dhalatu dura dhaabbachuu dadhabuunsaanii kufaatii akka fides eeru.

Qaamni hawaasaa, dhaabbileen amantiifi kan biroo "yeroo hawaasni dararamu, yeroo mootummaanis ta'ee qaamni hidhate sarara keessaa bahu, dhaabaa waan kana jechuu dadhabuunsaanii dadhabina guddaadha," jechuun hawaasni jabaatee qaama rakkoo uumu dura dhaabbachuu akka qabu dubbatu.