Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirni barnootaa af-daneessaa Finfinneetti akka hojiirra oolu murtaa'e maal milkeessa?
Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee manneen barnootaa magaalittiitti argaman keessatti Afaan Oromoo akka afaan lamaffaatti akka barataniif murtee dabarseera.
Haaluma walfakkaatuun ammoo barattoonni afaan abbaa isaanii Afaan Oromoo ta’eefi isaan barachaa jiran Amaariffa akka afaan lamaffaatti akka baratan murteesse.
Afaanota Itoophiyaatiin alattis afaan Arabaa fi Faransaay sirna barnootaa keessatti akka hammatamu ta’eera.
Bulchiinsi magaalichaa sirna barnootaa amma hojiirra oole kana beektota Kotobee Metiroopoliitaan Yunivarsiitiirraa ta’aniin waggaa tokkoof qorachiisaa akka ture himameera.
BBC'n kan dubbise qindeessaan garee qorannoo kanaa Yoseef Beekoo (PhD) hojiirra oolmaan Sirna barnootaa Af-daneessaa kanaan uummanni magaalaa Finfinnee, keessattuu barattoonni carraa guddaa kanaan dura dhabanii turan argamsiisaaf jedhan.
Qorannoon isaanii barattoonni afaan dabalataa barachuun carraa dabalataa akka argatan gochuun olitti, guutummaa hawaasaa waloomsuu, carraa dinagdee ballisuufi wal amanuun akka dagaagu gochuuf argannoo bu’uura kaa’u ta’uu dubbatan.
Guddinaafi dagaagina sammuu, beekumsa ballaa horachuu, hariiroo hawaasummaa cimsachuu, carraa dinagdee argachuufi kaan keessatti faayidaa afaan danuu barachuun qabu kaasuun, qorannoo isaan taasisan kun kanarraa ka’uun akka ta’e kaasu Dr. Yoseef.
Haala qabatamaa hawaas-dinagdee biyyattii, akkasumas, muuxannoofi qorannoo sirna-barnootaa af-daneessaa addunyaa waliin qorannoo deemu akka ta’u kan ibsan hayyuun kun, gaaffiiwwan bu’uuraa uummanni Oromoo Afaan Oromoofi Finfinnee waliin walqabsiisuun kaasu deebisuu keessattis waan akeeku qabaachuu BBC'tti himaniiru Dr. Yoseef.
Kotobee Metiroopolitaan Yunivarsiitiitti Daarektara Post Giraajuweet Istadiis kan ta’an Dr. Yoseef, magaalaa Finfinnee keessatti barnoonni akkaataa lamaan gaggeeffamaa jira jedhu.
Inni jalqabaa manneen barnootaa ballinaan barumsi afaan Amaaraatiin keessatti kennaman kan jiran yoo ta’an, waggoota torba darban irraa kaasee ammoo manneen barnootaa Afaan Oromootiin barsiisan jiraachuu isaa kaasuun ibsan.
Afaanotaafi Og-barruu Afrikaa irratti qorataa kan ta’an hayyuun kun, qorannoo kanaan Itoophiyaa biyya af-daneettii taate keessatti manneen-barnootaa keessatti akkaataan ittiin hojiirra oolu, bu’aa inni qabaatuufi hudhaaleen jiran sakatta’aniiru.
Af-daneessummaan inni tokko aadaa isa kaanii beekuudhaan hariiroon hawaasummaa gaariin akka jiraatu jabeessuuf, akkasumas carraa dinagdee ballisuuf gargaara jechuun ibsan.
Afaan danuu qabaachuufi barachuun walitti bu’insi akka hir’atu gochuun nagana akka jiraatu, walshakkuun hafee wal-amanuun akka dagaagu, keessummaa ykn horma ta’uun hafee akka maatiitti akka wal ilaalan gochuu dandeessisa jechuun turtii BBC waliin taasisaniin ibsu Yoseef (PhD).
Barattoonni afaan abbaa isaaniitiin ala afaan biroo yoo baratan, “addunyaa dabalataa akka baruuti” jechuun faayidaa isaa daran guddaa ta’uu dubbatu.
Afaan barachuu dhabuun hanqina hedduu keessa nama galcha kan jedhan qorataan kun, barattoonni afaan biraa dabalataan barachuun naannoo keessatti murtaa’an keessaa bahuun carraa biraa argachuu, addunyaa biraa barachuu akka danda’an taasia jedhu.
Yoseef Beekoo (PhD) daa’imman sadarkaa barnootaa idileen dura jiran akka oolmaa daa’immanii keessatti afaan abbaa isaaniin ala afaan biroo akka baratan hin gorfamu jedhu. Ijoolleen afaan lamaffaa barachuu jalqabuu kan qaban gara kutaa tokkootti erga darbanii booda ykn waggaa torba irraa kaasee ta’uu akka qabu himu.
Dhaloonni warra kaaniif orma ta’e akka hin uumamneef…
Sadarkaa idil-addunyaatti namni tokko afaan lamaafi isaa ol kan dubbatu yoo ta’u nama af-daneessa ta’e jedhama.
Barataan tokko ammoo afaan lamaafi isaa ol dubbachuu yoo danda’e qoor-qalbiin isaa, guddinni isaa, akkasumas qaroominni barnoota irratti agarsiisu foyyaa’a akka ta’u kaasu Dr. Yoseef.
Kana malees barattoonni afaan lamaafi isaa ol barachuun isaanii “hariiroon hawaasummaa isaanii akka foyyaa’uufi eenyummaan biyyaalessummaa isaanii akka dagaagu,” gochuuf faayidaa olaanaa qabaachuu eeru.
Kanaan alattis, “walitti bu’insa xiqqeessuuf, hawaasa dhibii biratti keessummaa ta’uurra maatii ta’uu barachuu, akkasumas qoor-qalbii gaarii horachuufi barnoota irratti milkaa’inni argatan akka dabalu” qorannoon akka agarsiisu kaasuun dubbatu Dr. Yoseef.
“Qoor-qalbii gaarii qabaachuurra taree, fayyadamummaa hawaasummaafi dinagdeellee ni dhugoomsa,” jedhu.
Dr. Yoseef BBCtti akka himanitti, qorannoo gaggeeffame keessatti afaanonni hedduun qoratamaniiru.
Kanaaf,kaabineen kun walgahii isaatiin afaanoonni Arabaa fi Faransaay barattoota sadarkaa lammaaffatiif akka afaan filmaataatti barattoota kutaa sagaliifi kudhaniitiif barnoota ta’e akka itti fufu murteessuu ibseera.
Sababa Ingiliffaan ala afaanonni allaa Arabaa fi Faransaay itti filatamaniif ammoo dhiyeenya, carraa jiruufi fayyadamummaa hawaas-dinagdee qabaachuu malu ilaalcha keessa galchuudhaan.
Itoophiyaan biyyoota Arabaa waliin hariiroo seenaafi aadaa bubbule kan qabduufi karaa amantaafi biyyattiitti dhiyeenyatti argamuu irraa kan ka’eenis filatamaa akka taasisu dubbatu Dr. Yoseef.
Finfinnee keessatti Amaariffaafi Afaan Oromootti aanaa Tigrinyaanis filannoo hawaasichaa akka ta’e qorannoo isaanii keessatti adda baafataniiru.
Muuxannoon biyyoota biroo maal fakkaataa?
Afrikaan ardii afaanonni hedduun keessatti dubbatamudha.
Naajeeriyaa keessatti afaanota 500 olitu dubbatama. Afrikaan Kibbaa ammoo afaanota hojii 11 qabdi. Itoophiyaattis afaanota 80 olitu dubbatama.
Ardiin Awurooppaa akka Afrikaa afaanota hedduu hin qabu garuu kanuma qaban garuu sirriitti itti fayyadamaa jiru.
Biyyoonni Awurooppaa sirna-barnootaa isaanii keessatti afaan danuu makachuun sochiin hawaasaafi dinagdee bilisaa akka jiraatu gochuurra darbanii hariiroo cimaa uummataniiru jedhu Dr. Yoseef.
Biyyoota Awurooppaa keessatti manneen-barnootaa keessatti afaan tokkotti dabalataan afaanota biroo lama barachuun dirqama akka ta’e yeroo qorannoo gaggeessanitti arguu eeru hayyuun kun.
Manneen-barnootaa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa ta’an keessatti afaan sadii barachuun akka ulaagaa bu’uuraatti kaawwachuu isaanii dubbatu.
“Afaaniin hawaasa hammataa ta’e tokkotu uumama; kun ammoo carraa dinagdees ni guddisa,” kan jedhan Dr. Yoseef, afaan danuu amala hawaasa walitti fiduufi hawaasa bal’aa ta’e uumuu ni qaba jecuun dabaluun addeessan.
Biyyoonni Awurooppaas sirna-barnootaa af-daneessaa hojiirra oolchuun ‘Awurooppaa Ikonomiik Komuniitii’ tokko uumuuf akka danda’an yeroo qorannoo gaggeessanitti sirnaan hubataniiru.
Hiiroo saddetti hojiirra oolmaa barnootaa isaanii keessatti tumatan keessaa tokko af-daneessa kan jedhudha biyyoota Awurooppaatiif.
Kana gochuu isaaniif ammoo biyyoonni kunneen daangaa tokko malee waliin jiraachuu, walirraa bitanii gurguruufi uummata wal tumsan akka ta’an isaan godheera.
Afrikaattis taanaan muuxannoon walfakkaatu mul’achaa jiraachuu eeru Dr. Yoseef.
Itoophiyaatti bakkawwan naannoleen akka Somaalee, Beneshaangul, Sidaamaafi Gaambeellaa Oromiyaa daangeessaanitti, naannoo Amaaraa bakka Argobbaafi sabni Oromoo jiraatanitti keessatti, akkasumas naannoo Kibbaatti afaan tokkotti dabalataan afaan biro barsiisuudhaan muuxannoowwan gaarii jiraachuu eeru.
Finfinneen magaalaa aadaan hedduu, saboon gara garaa keessa jiraatan ta’ee osoo jiruu afaan tokko qofaan dangeffamee turuun isaa sirrii akka hin taane kaasuun, afaanota dabalataa sirna-barnootaa keessa galchuudhaaf sababa amansiisaa akka ta’e dubbatu Yoseef.
Barattoonni Finfinnee keessatti guddatan nama afaanota lamaa ol dubbatan ta’uudhaan addunyaafi biyya keessa jiraataniif orma ta’anii akka hin guddanne godha jechuun muuxannoo biyyoota biro waabeffachuun gorsu.
Murtee kaabinee bulchiinsa magaalichaan booda akkaataa hojiirra oolmaa isaarratti of eeggannoon akka barbaachisu dhaamu Dr. Yoseef.
Hojiirra oolmaa isaarratti bifa jiraattota bakka gara garaa jiraatan giddu-galeessa godhateefi fedhiifi bilisaan taanaan milkaa’uu akka danda’u dabaluun addeessaniiru.