Bara 2023'tti wantoota shan waraana Yukireen irratti mudachuu danda'an

Mana amantaa waraanan miidhan irra gahe

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Waraanni Yukireen waggaa lammaffaa qabataa jira. Bara 2023 seenuf jedhu kanatti waraanni kun maal ta'uu malinna jechuun BBCn xinxaaltota waraanaa garagaraa gaafateera.

Waraanni kun bara 2023'tti xumuramuu danda'aa? Akkamitti xumurama? Waraanaan moo marii nagaatiin? Tarii bara 2024'ttis cehuu danda'aa?

1. 'Haleellaan Raashiyaan waqtii Roobaa gaggeessitu murteessaadha'

Maayikil Kilaark xeter, dhaabbata UKtti argamu Strategic Studies Institute'tti daayirektara gargaaraadha. Naannoo Iyureeshiyaanitti durii kaasee biyyoonni gaafa weerara gaggeessan waqtii roobaa eeggataa turan.

Nappooliyoon, Hitlar fi Istaalin yeroo roobaatti waraana isaanii bobbaasu ture, ammas taanaan waqtii roobaatti haleellaa haaraa banuuf Puutin boolla qotaa jiru jedhama.

Yukireenis ta'ee Raashiyaan xiqqoo boqotanii of-ijaaruu barbaadu. Yukireen akka durii osoo hin taane amma michoota isheerraa meeshaalee ammayyaa hidhattee jirti waan ta'eef naannoo Donbaasitti Raashiyaa dura dhaabbachuu barbaaddi.

Naannoo Kiremina fi Istaavatov jedhamutti loltoota Raashiyaa bakka isaan qabatanii turan irraa hanga maayilii 40 boodatti deebisuun bakka gaafa Raashiyaan weerara jalqabdeetti deebisuutti dhiyaatteetti.

Yukireen naannoo Kibbaatti erga magaalaa Kersoon Raashiyaa harkaa baafattee akka durii haleellaa cimaa gochaa hin jirtu.

Laga Dinippiroo jedhamu cehuun dandii bakka loltoonni Raashiyaa qabatanii jiraniifi Kirimiyaa wal qabsiisu kutuun murteessadha. Tarii Yukireen akka tasaa haleellaa raawwachuun daandii Kirimiyaan wal-qunnamsiisu kutuu dandeessi.

Bara 2023tti wanti murteessaan haleellaa Raashiyaan waqtii roobaa ykn cabbiitti gaggeessituudha. Loltoota haaraa filataman keessaa 50,000 kan ta'an adda waraanatti bobba'uu isaanii Puutin hin dhoksine. Kanneen hafan 250,000 ta'an ammoo bara itti aanuf leenjii seenanii jiru.

Waraana dhaabun yeroo gabaabaa ta'uu mala. Gama biraan ammoo Puutin waraana kana akka itti fufan ibsaniiru; Yukireenis jireenya walabummaa isheef ittuma fuftee akka ofirraa faccistu beeksisteerti.

2. 'Yukireen lafa isheerraa fudhatame humnaan ni deeffatti'

Andiree Piyontkoviskii, saayintistiifi xinxalaa Washingtan DC jiranidha. Yukireen bara 2023'tti daangaa isheerraa fudhatame hunda humnaan ni kabachiifti. Wantoota lamatu kana mirkaneessa.

Inni jalqabaa hamilee, kutannoofi fedhii waraannifi ummanni Yukireen seenaa ammayyaa keessatti argamee hin beekne agarsiisaniidha.

Loltuu Yukireen meeshaa dhukaasu

Madda suuraa, Reuters

Inni biraa biyyoonni lixaa yaaddoo Raashiyarraa isaan mudate hubachuu isaaniiti.

Yeroo itti Yukireen waraana kanarra aantu sirriitti tilmaamuf saffisa ittii NATOn deeggarsa meeshaalee waraana kanneen akka taankii, xiyyaarota waraanaafi misaa'elota fageenya dheeraa imaluu danda'an Yukireenif dhiyeesu irratti hundaa'a.

Melitooppol ji'oota ykn torbanoota dhiyootti dirree waraanni cimaan itti gaggeeffamu taati jedheen yaada. Yukireen Melitopol to'achuudhaan galaana Azoovitti bahuudhaf karaa argatti.

Kuni ammoo dhiyeessii meeshaalee waraanafi qunnamtii Raashiyaan Kirimiyaatti taasiftu kufuuf ishee gargaara.

3. 'Yeroo dhiyootti furmaanni hin jiraatu'

Barbara Zanchetta, London King's Collegetti kan argamu Muummee Qorannoo Waraana irraa Puutin kan yaadanii turan biyyoonni biroo osoo harka keessaa hin galfatin waan Raashiyaan gootu Yukireen salphaatti akka fudhattuudha. Ilaalchi dogoggoraa kun waraana balaafamaa lafarra harkifate kanaaf sababa ta'eera.

Waraanichi salphaatti waan dhumatus miti.

Haleellaan Raashiyaan waqtii roobaa ykn cabbii kanatti bu'uuraalee misoomaa Yukireen irratti taasisaa jirtu hamileefi dandeettii dandamannaa hawaasa biyyattii cabsuuf kan karoorfameedha.

Garuu ammoo, ofirra faccisuun Yukireen salphaatti kan ilaalamuu miti. Jabaatanii falmachuu itti fufiu. Waraannis lafarra harkifachuu ittuma fufa.

Carran mariyachuu isaanii baay'ee xiqqaadha. Mariyachuudhaaf yoo xiqqaate fedhiin gama tokkoo jijjiiramuu qaba. Ammatti kana wanti agarsiisu hin jiru.

Konkolaataa waraanaa

Madda suuraa, Getty Images

Kanaaf akkamitti xumura argata? Sana booda hoo?

Kasaaran lubbuu namaafi qabeenyaa waraana kanaa tarii ejjannoo Raashiyaa laaffisuu danda'a. Kanaaf, furmaanni keessoo Raashiyaa jira jechuudha.

Waraana kanaan dura osoo dursanii hin xinxalin gaggeeffaman bifa kanaan xumuraman. Fakkeenyaf, waraanni Veetinaam US dhaaf, waraanni Afgaanistaan Gamtaa Sooviyeetif kasaraa guddaa ture.

4. 'Mo'amuu Raashiyaatiin ala wanti ta'u homtuu hin jiru'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ben Hodges, qondaala waraanaa Ameerikaa duraanii Yukireen bara 2023ttii Raashiyaa irratti olaantummaa akka gonfattu shakkii homaatuu hin qabu.

Yeroo waqtii roobaa ykn cabbii kanatti haalonni suuta kan jedhan ta'uu malu, haa ta'u garuu waraana Raashiyaa caalaa kan Yukireen qophaa'odha. Sababni isaa UK, Jaramaniifi Kanaadaa irraa meeshaleen waraanaa Yukireenif ergama turan waan ta'eef.

Ji'a Amajjiitti Yukireen haleellaa waraana Kirimiyaa bilisa baasuu eegaluu dandeessi.

Seenaa irra akka beeknutti waraana jechuun dhimma hamileefi dhiyeessii meeshaa waraanaati. Fedhii loluufi hamilee loltootaafi ummata Yukireen akkasumas dhiyeessiin meeshaa waraanaa Yukireen fooyya'uu gaafan ilaalu mo'amuu Raashiyaa malee wanti natti mul'atu homtuu hin jiru.

Raashiyaan Kersoon gadhiistee bahuun ishee murtee kanarra akkan gahu na taasiseera. Kuni Yukireenif cimina hamileeti. Raashiyaaf ammoo kufaatii hamilee yoo ta'u Yukireen iddoowwan haleellaa gaggeessuf tarsiimawaa ta'an akka qabaattu ishee gargaareera.

Vilaadmir Puutin

Madda suuraa, Getty Images

Dhuma bara 2023'tti Yukireen Kiriimiyaa deeffachuun walabummaa ishee ni kabachiifatti jedheen amana.

5. 'Waanuma wal-fakkaataa eegna'

David Gendelman, ogeessa waraanaa Israa'el jiraatu

Yeroo ittaanutti gareen lamaanuu waan galmaan gahuu barbaadanitu jira. Waraana Raashiyaan bifa haaran filtee 300,000 keessaa adda waraanatti kan bobba'e walakkaa qofa. Kanneen hafan waraana idilee Raashiyaa biroo waliin ta'uun tarii haleellaa haaraa Raashiyaan banuuf jettu deeggaru.

Raashiyaan naannoo Luhaaniskfi Doneesk to'achuu ittuma fufti. Garuu achii kaatee loltoota Yukireen Donbaas jiran carraan isheen marsuuf qabdu xiqqaadha.

Tarsiimoon suutuma suuta loltoota Yukireen haleeluu Raashiyaa ittuma fufa - akkuma bakkeewwan akka Bakmut fi Avdiivkaatti suutuma loltoota Yukireen irratti injifannoo argataa jirtu jechuudha.

Xiyyeeffannoon Yukireen inni guddaan gara Kibbaatti Melitopol ykn Berdiyaanisk qabachuun Raashiyaan akka Kirimiyaa wal-hin qunnamne gochuudha. Kuni Yukireeniif injifannoo gudoo ta'uu malti. Kana fashalsuuf Raashiyoon Melitoppol keessatti dahoo jabaa ijaarratteerti.