Masirii fi Naayijeeriyaan qabxii gatuun dorgommii AFCON jalqaban

Maxxanfame

Tapha jalqabaa Garee B keessatti Masiriin Moozaambik waliin taasifte galchii 2-2 qixa xumurame. Garuu Masiriin qabxii tokko kan argatte rukuttaa peenaalitii Mohaammad Saalaan daqiiqaa xumuraatti lakkoofsiseeni.

Musxafaa Mohaammad sekondii 89 keessatti galchii jalqabaa Masiriif yoo lakkoofsisu injifannoon harka Masirii kan gale fakkaatee ture.

Haa tahu malee, boqonnaa booda galchii Wiitii fi Kileesoo lakkoofsisan injifannoo gara Moozaambik [Maamba] akka deebi'u agarsiise.

Dhumarratti garuu rukuttaa peenaalitii Masiriin argatan mo'amuu irraa isaan oolche.

Yeroo torbaaf shaampiyoonaa kan turan Masiriin taphataa jabaa Liiverpuul Mohaammad Saalaa qabataniiyyuu hamma barbaadame dhiibbaa gochuu hin dandeenye.

Yeroo lama waancaaf dhaqqabuun kan dhabe Mohaammad Saalaan Waancaa Afrikaa kana mo'achuu akka barbaadu dubbatee ture.

Haa tahu malee, leenjisaan warra Fara'oo, Ruhii Vitooriyaa kun akka tahuuf gareen isaa haala taphaa isaanii kanarra akka fooyyessuu qaban ni amanu.

Deeggartootni Masirii irra caalaan isaanii alaabaa Filisxeem qabatanii istaadiyeemii galan garee isaaniirra gahumsa kana caalu eegu.

Waancaa Afrikaa taphoota jalqabaa kanaan biyyootni waancichaaf morkatu jedhamanii eegaman akka Naayijeeriyaa, Gaanaa hin mo'atiin hafan.

Naayijeeriyaan tapha jalqabaa ishee Ikkuwaatooriyaal Giinii waliin qixa 1-1 xumurte.

Taphataan Naappoolii Viiktar Osimeen galchii wal qixxesituu Naayijeeriyaaf lakkoofsiseera.

Naayijeeriyaan olaantummaa taphaa fudhatanis qabxii sadii garuu argachuu hin dandeenye.

Taphataa sarara fuulduraa Baayern Liiverkusan kan tahe Boonifees miidhamaan kan dhabde Naayijeeriyaan taphataa Nootiingihaam Foorest Awoonyiis akkasuma sababa miidhamaan dorgommii kanaaf dhabdeetti.

Bara 2023 badhaasa Baalon d'Or saddeettaffaa tahuun kan xumuree fi taphataa Afrikaa tokkicha sadarkaa hanga kudhanii jiru keessa oole Osimeen Naayijeeriyaa waancaa kanaaf kan dursu taha.

Garuu Naayijeeriyaan taphoota afur osoo hin mo'iin jirti. Kun leenjisaa Jose Peseyiroo dhiibbaa keessa galchuunsaa kan hafu miti.Har'a shaampiyoonaan bara darbee Senegaal Gaambiyaa waliin morkatti.

Kaameeruun Giinii waliin, Aljeeriyaan ammoo Angoolaa waliin morkatu.