Komishinarri To’annoo Balaa Tasaa Itoophiyaa Mitikkuu Kaasaa yakkawwan attamiin shakkamanii to’ataman?

Maxxanfame

Komishinarri To’annoo Balaa tasaa Biyyaaleessaa kan malaamaltummaan shakkamuun Adooleessa 13, 2022 to’annoo jala oolfamuun kan ibsame Mitikkuu Kaasaa yakkawwan ittiin shakkaman ilaalchisuun poolisiin ifa taasiseera.

Komishinarri waggoota dheeraaf waajjiricha olaanummaan hogganaa turan kunis, daareektara dhaabbata tola oltummaa Elishaadaay Riiliif enda Davalopmeent jedhamu waliin ta’uun yakkiwwan raawwataniiru jedhaman tarreeffamaniiru.

Kanaanis meeshaalee deeggarsaan keennaman faayidaa dhuunfaasaanitiif oolchaniiru akkasumas maallaqa seeraan alaa akka waan seera qabeessatti fakkesuun dhiyeessuun shakkamusaanii midiyaaleen biyya keessaa poolisii waabeefachuun gabaasan.

Qorannoo Daareektoreetiin Waliigala Abbaa Alangaa Malaamaltummaa Ministira Haqaa fi Komishina Poolisii Federaalaatti Biiroon Qorannoo Yeekkaa gamtaan gaggeessaa turan jedhameen ragaalee namaafi sanadaa tarreessaniiru.

Dabalaanis qorannoon Oditarri Olaanaa Federaalaa, Komishiniin To’annoo Balaa Tasaa Biyyaaleessaa akkasumas jiddugalawwan Elshaadaayi naannoolee Amaaraa, Affaar, Oromiyaafi Kibbatti argaman irratti gaggeeffame xumuramuun qoranicha keessatti hammatamun ibsameera.

Komishinarri To’annoo Balaa Tasaa Mitiku Kaasaa yakkiwwan ittiin shakkaman, erga to’annoo poolisii jala oolfamaniin booda sakkatta’insa mana saaniitti gaggeeffameen maallaqni biyya alaa birria kuma 605 ol ta’u argamu televishiniin biyyaaleessaa gabaaseera.

Gabaasa akanarrattis Komishinari Mitiku Kaasaa biyyaa akka hin baaneef waggoota lamaan darbaniif dhaabbata aangoo qabuun dhorkaan irra kaa’amee akka ture himameera.

Komishinari Mitikuun Daareektara Dhaabbata tola ooltummaa Elshaadaay, Obbo Yeemaana Waldamaariyaamii fi hojjattooota dhaabbatichaa kan biraa waliin walitti dhufeenya faayidaa hin barbaachifne uummachuun meeshaalee deeggarsaaf dhufan faayidaa dhuunfaasaanitiif oolchaniiru jedheera poolisiin.

Poolisiin akka jedheetti, Obbo Mitikuun maqaa deeggaramtoota hinjirree kumaatamaan lakkaa’amaniitti fayyadamuunii fi lakkoofsa namoota deeggarsa barbaadanii dabaluun miidhaaaniifi meeshaalee nyaataa man-kuusaa komishinichaa keessaa baasuun birria miliyoonatti gurguruun faayidaa itti argataniiru.

Midhaan namoota deeggarsa barbaadaniif dhufe kanneen deegarsa barbaadan osoo hin qaqabiin warshaalee daakuutiifi namoota dhuunfaa biraatti gurguraniiru, kanaanis Obbo Mitikuutiin alatti maqaa maatii isaaniitiin bu’aa birria miiliyoonotaan lakkaa’amu yeroo garaa garaatti dhaabbata Elishaadaayi irraa argachusaanii poolisiin raga qabaachu ibseera.

Poolisiin haalota komshinarichi dabaan faayidaa dhuunfaasaanii gabbifatanii fi maqaa namoota gargaarsa barbaadaniin dantaa dhuunfaasaanii mirkaneeffatan jedhe akkanaan eereera.

  • Komishinii Sodaa Balaa irraa maallaqi ramadame birrii miiliyoona 472, qamadii kuntaala 512 kan birrii biiliyoona walakkaatti tilmaamamu, boqqolloo kuntaala kuma 34, zayitii liitira kuma 77, ruuzii kuntaala kuma 4 ta’u maqaa dhaabbata Elshaadaay jedhamuuf kennuutiin dantaa dhuunfaaf ooluu poolisiin  ibseera
  • Dabalataan midhaan maqaa gargaarsaan komishinichi kenne, warshaa daakuu Adaamaatti argamu- Kiyyaa jedhamutti kuntaala  66,483 birrii miiliyoona 66 483,880tti gurguruun maallaqicha faayidaa dhuunfaaf ooluu poolisiin himeera.
  • Kana malees konkolaattota dhaabbati Elshaday Sororo Trading jedhamu gara biyyaa galchu keessaa konkolaattota ammayyaa pikaappiiwwan gabbiinaa lama qaban afur, midhaan gargaarsaaf kenname qamadii kuntaala 6,450 kan birria miiliyoona 6 fi kuma 450tti tilmaamamuun geeddaruun konkolaattpota kunneen dhuunfaatti fudhataniiru jedha poolisiin.
  • Elshaadaay qamadii kuntaala 15,000 birrii miiliyoona 15tti, warshaa osorata sona itti dabaluun saamsee gabaaf dhiyeessu- Najaa Heerediin (Heeraa) jedhamutti birrii miiliyoona 15n gurguruun maallaqicha fudhateera jedha poolisin.

Komishinarichii fi maatiin isaanii maallaqa karaa Elshaadaay argataniin qabeenya horatan poolisiin akkanaan tarreesse.

  • Maallaqa Elshaadaay irraa argameen ilmasaaniif konkolaataa Toyota bituu irratti dabalataan bara 2009 (ALI) irraa eegalee ilmasaanii kanaaf gatiin mana kiraa mooraa guutuu ji’atti birriin 15,000 kaffalamaafii ture.
  • Intalli isaanii lammataan ammoo dhaabbata Elshadaayitti qacaramtuu osoo hin ta’in maqaanshee toora namoota mindaan kaffalamuufii keessa galuun waggaa tokkoof ji’atti birrii 5,000 argataa turte.
  • Maqaa haadha manaasaaniin maallaqa Elshaadaay birrii miiliyoona 8n magaalaa Finfinnee, Booleedhaa appaartimantii lafa kaaree meetira 388 qabate bitamuu akkasumas magaalaa Hawaasaatii ammoo gamowwan sadi kan lafa kaaree meetira 400 qabate birrii miiliyoona 9.8n bitamuun ibsameera.
  • Maqaa haadhasaaniin ammoo dhaabbaticharraa birriin miiliyoona shan ba'eera, manneen torba bitamaniiru, herregi baankii lama kan birrii miiliyoona 19.5 ofirraa qabus argameera.

Poolisiin ammallee qorannoon akka hin goolabamnee fi komshinichi birrii miiliyoona dhibbaan lakkaa’amu faayidaa dhuunfaaf kan oolchan ammas akka jiru kakasumas maqaa maatii fi firoottan isaaniin  manneen, konkolaataawwan akka bitramanii jiran fi hariiroon faayidaa maallaqaan ijaarame hedduun akka jiru ibseera.