Joozee Moriinoo xumura Liigii Awurooppaarratti ‘daanyaa’ arrabsuun himatame

Maxxanfame

Manaajera kilaba Roomaa Joozee Moriinoo xumura Liigii Awurooppaan booda murteessaa [daanyaa] waan arrabseef ykn jecha hin malle waan itti dubbateef Gamtaa Waldaalee Kubbaa-miilaa Awurooppaa (Uefan)n himatame.

Himannaan kun taphaan booda bakka konkolaataa dhaabbatanitti Moriinoon murteessaa lammii Ingiliiz Antoonii Teeyilar arrabsuu isaatiin walqabata.

Tapaha murteessaan Inglizii kun Budaapestitti tapahchiiseen morkiin Roomaa fi Seviilaa gidduutti ture 1 -1 xumuramee booda, Seviilaa rukuttaa peenaalitiin Roomaa injifachuun waancaa fudhateera.

Kilaboon lamaanuu sababii amala deeggartootaafi taphatoota isaaniitiin adabbiin garaagaraa mudateera.

Sevillaafi Roomaan sababii waan gara garaa walitti darbachuu, ibsaa ibsuufi amala gaarii hin taane garee isaanitiin himatamaniiru.

Seviilaan ammoo sababii dirree taphaa keessa galuutiin himannaan biraa irratti kan dhiyaate yoo ta’u, Roomaan ammoo gochaa badii qaqabsiisuufi ummata jeequutiin himatame.

Qaamni to’ataa, naamusa Gamtaan Waldaalee Kubbaa-miilaa Awurooppaa (CEDB) dhimmicha irratti murte akka dabarsu eegama.

Joozee Moriinoo leenjisaafi manaajera kilaboota kubbaa-miilaa gurguddoo keessatti milkaa'inaan agarsiisuun addunyaa irratti gurra guddaa qabudha.

Moriinoon maal godhe?

Gaheessa wagga 60 kan ta’e Moriinoon ibsa gaazexessitootaaf kennerratti Teeyilariin kan qeeqee yoo ta’u, booda ammoo osoo konkolaataa keessa seenaa jiranii istadiyamii keessa bakka konkolaataa dhaabbatanitti lammii Ingiliiz kanaafi qondaaltoota biraa waliin wal dhabe.

Moriinoon osoo gara kilaba Xaaliyaan, Roomaa hin deemiin kilaboota gurguddoo akka Chelsii, Maanchester Yunaayitid, Tootenhaamiifi kaan leenjiseera.

Yeroo hedduu dubbii falmisiisee ta’eefi ijoo dubbii ta’an dubbachuun kan beekamu Moriinoon, erga gara xaaliyaan deemee garuu dubbii koof of nan eeggadha jedhee waadaa galus dubbiin dideedhuma harkaa ba’a.

Murteessaan lammii Ingiliiz kun Joozee Moriinoo irraa qofa miti kan dubbiin isa mudate. Yeroo buufata xiyyaaraa Budaapest seenettis deeggartoonni akka malee itti wacaniiru.

Dursaan duraanii Cheelsii, Maanchistar Yunaayitid fi Totanhaam kunis osooXaaliyaaniitti baayyee hin dubbatiin dura, irra deddeeebiidhaan kakachuun ala lama waa’ee ‘kabaja hin qabnee’ iyye.

Yeroo sanatti Taayilariifi maatii isaarratti deeggartoonni aariidhaan Buufata Xiyyaara Budaapest keessatti irratti iyyan.

Daanyaan dhalataa Maanchester ta’eefi umuriin isaa wagga 44 ta’e kun yeroo tapha kana taphachiisaa turetti daanyaa/erbe raastuu sararaa to’achuuf humna isaa ol itti ta’een irra deddeebiin akka akeekkachiisuuf gara bakka teesumaatti waamamee ture.

Teeylar tapha kana irratti kaardii keelloo 13 kan baasee agarsiise yoo ta’u, tapha Yurooppaa Liigiirratti isa olaanaa ta’eera.

Himannaa kana hordofee Joozee Moriinoo adabbiin taphoota 10 isa eeggachuu mala jedhamaa jira.