Filannoo Keeniyaa 2022: Warra mo'atee fi mo'atame

Filannoo Keeniyaa 2022

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Bara 1991’tti bulchiinsi paartii tokkoo erga dhaabbatee booda, Keeniyaan barana filannoo cimaaa fi shakkiin guute gaggeessiteetti.

Dorgommii aangoo qabachuu gaggeefameen, kanneen mo’atan fi mo’ataman ijoo armaan gaditti walitti qabneerra.

1. Dorgomaa carra-dhabeessa

filannoo Keeniyaa 2022

Madda suuraa, Getty Images

Raayilaa Odingaan, seenaa Keeniyaa keessatti dorgomaa filannoo pirezdaantumma carra dhabeessa ta’eedha.

Aangoo pirezdaantummaaf yeroo shan dorgomee, mo’atameera. Yeroo hundas filannoon akka jalaa hatame himata.

Filannoo bara 2017 irratti komii Odingaa booda, manni murti olaanaa Keeniyaa injifannoo Uhuruu Keeniyaataa haquun, filannoon irra deebiin akka gaggeeffamu taasisee ture. Ta’us Uhuruun deebi’ee injifate.

Filannoo baranaatiinis erga Wiiliyaam Rutoon sagalee %50.5 argachuun mo’atee booda, Raayilaan ammas bu’aa filanichaa mormuun gara mana murtiitti himachuuf deema.

Ta’us garuu Raayilaan yeroo lammataaf mana murtiitti himachuun ni carroomamoo ammas hin milkaa’iin hafa kan jedhu , yeroo manni murti dhimma isaa dhaggeeffatee, murtee dabarsu barra.

Wiiliyaam Rutoon ammatti filannoo pirezdaantummaaf yeroo jalqabaaf dorgome injifateera.

 2. Dubartoota seenaa uuman

Filannoo Keeniyaa 2022

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo jalqabaaf seenaa Keeniyaa keessatti aangoo ijoo bulchaa ta’utti dubartoonni torba filatamaniiru.

Filannoo bara 2017’n dubartoota sadii qofatu filatame.

Dubartoonni kun injifannoo isaaniif, arrabsoo, jibbaa fi qeeqa isaan irra gahu keessa darbuun irra ture.

Dubartoota kunneen keessaa tokko, Waviiniyaa Nideeti, kan morkattoota dhiiraa sadii mo’achuun, bulchinsa kaawuntii Machaakos taate filatamteedha.

Ta’us garuu dubartiin qalbii lammilee hawwatte Lineet Chepkoriir dha.

Umurii ganna 24’tti, bakka buutuu kaawuntii Boomet ta’uun filatamuun, dubartii umurii xiqqaa paarlaamaa keessatti tajaajiltu ishee jalqabaa ta’uuf jirti.

Lineet turtii BBC waliin taasifteen hojii idilee ishee isa jalqabaa akka ta’u himteetti.

Komiishiniin filannoo miseensota paarlaamaa filannoo injifatan hunda waan hin beeksifneef, dubartoonni meeqa paarlaamaa keessa akka jiraatan hin beekamu.

3. Mo’atamuu namicha ‘gaanjaa’ fi lubaa

filannoo Keeniyaa 2022

Madda suuraa, Getty Images

Daandirra jiraachuu irraa gara piroofeesara seeraatti kan guddate Joorji Wajakooye, dorgomaa pirezdaantummaaa isa beekkamtii argateedha. 

Miidiyaa hawaasummaa irratti fi dargaggoota biratti beekkamtii argatee ture. 

Wajakooyeen duula na filadhaa isaa irratti Keeniya biyya maruwaanaa (baala sammuu hadochuu), summii bofaa fi cidhaan waraabessaa biyyootii alaatti gurgurtu goochuun dinagdee biyyatti nan foyyessa jechaa ture. 

Filannoo kana irratti yoo xiqqaate sagalee %5 ni argata tilmaami jedhu turus, bu’aa filannoo kanaan sagalee %0.44 qofa argate. 

Sagalee isaa gadi - %0.23 kan argachuun filannoo pirezdaantummaa kana kan xumure ammo oggeessa seeraa fi luba kan ta’e Deevid Wayhigaa dha.

4. Dorgomaan mana fincaanii qulqulleesse mo’atame

filannoo Keeniyaa 2022

Madda suuraa, Getty Images

Namni siyaasaa biraa filannoo kana irratti lammilee Keeniyaa bashannansiise, Poolikaarp Igaateedha.

Bulchaa Naayrobii ta’uuf kan dorgomaa ture Igaateen, duula na filadhaa isaaf, mana fincaanii uummata qulqullessuu, konkolaata dhiquu, DJ ta’uu akkasumas mana dhugeetii keessatti keessummeessuu irratti hirmaatera.

Kanas kan godhe aangoo yeroo qabatu ummata akka taajaajilu namoota amansiisuuf ture.

Ta’us garuu filannoo kana kan injifate Joonsan Sakaajaadha. Innis duula na filadhaa isaa irratti gabaa xixxiqaatti ba’uun nyaata yeroo bitu suuraa ka’ee maxxanseera.

 

filannoo Keeniyaa 2022

Madda suuraa, Getty Images

Miseensa parlaamaa Kilimaanii bakka bu’u kan ta’e, Didmas Baraasa, duula isaa irratti sumsumman fayyadamuun ibidda qabsiisee, shaayee danfisee, manguddoo ganna 67’f kennee kan ture yoo ta’u filannoo kanas injifateera.

Ta’us amma Barasaan wiirtuu filannootti nama tokko rasaasaan addarra rukutee ajjeesuun himatamee, to’annoo poolisii jala ooluun qoratamaa jira.

Amma lammileen Keeniyaa, namootni siyaasaa yeroo duula na filadhaa isaanii irratti waadaa hedduu seenani fi injifatan, yeroo aangoo qabatan uummata ni tajaajilumoo, ni dagatu kan jedhu arguuf eegaa jiru.