Paartileen mormituu Tarkii filannoo Dilbataan pirezidaanti Erdohaan mo'achuuf tokkooman

Maxxanfame

Pirezidaantiin Tarkii aangoo guddaa qaban filannoo Dilbata gaggeefamu irratti paartileen mormituu tokkummaa’an mo’achuuf falmii jabaa gaggeessaa jiru.

Morkataan isaanii jabaan Kamaal Kilidaarogluu Jimaata dare isa kana dura barameen alatti hoggantoota paartilee michuu isaanii tahan waliin deeggartoota isaanii fuuldura dhaabbachuun ergaa dabarsaa turan.

Akkuma Ankaaraatti roobni bu’uu jalqabeen ‘’nagaa fi Tasgabbii’’ biyyattiitti nan deebisa jedhan.

Waggoota 20 booda Turki ikan bulchan Resib Taayi Erdohaaniin deeggartootni isaa sagalee isaaniin akka aangoo irraa buusan gaafataa turan.

Tarkiin qaala’insa jireenyaa guddaaf saaxilamuu fi balaa kirkira lafaa ishee mudateen biyyattiin bayyaannachuu akka hin dandeenye himan.

Lamaan isaanii aangoo pirezidaantummaa fi paarlaamaaf duula cimaa na filadhaa gaggeessaa jiru.

Manguddoon ganna 74 hogganaa paartii mormituu tahan suuta dubbachuun haa beekamaniyyuu malee, yeroo duula filannoo kana dubbii jajjabaa dubbatan.

Erdoohaan aangoo jabaa kan qabu ture paarlaamaa irraa fudhachuun aangoo pirezidaantii akka caalu godhaniiru.

Hogganaan paartii mormituu kun ammo aangoo paarlaamaan biyyattii qabu ture iddootti deebisuuf dhaadatan.

Akka yaada uummataa filannoo duraa sasabame agarsiisutti Obbo Kilikdaroglu sagalee xiqqaan dursaa jiru. Deeggartootni isaaniis filannoo Dilbataa kana akka mo’ataniif hawwii guddaa qabu.

Tokkoon isaanii sagalee caalmaa %50 ol argachuu qabu. Yoo kun hin taane ammo aduu torban lamaa keessatti filannoon biraa gaggeeffama.

Firaat kan namoota yeroo jalqabaaf filatan miliyoona shan tahan keessaa tokko tahe paartileen duudhaa leellisan hundi gartokko goruun paartii ‘Republican People's Party’ (CHP) dursaa jiraachuutti gammadeera jedhe.

Paartiilee jajjaboo sabboonummaa leellisan jaha keessaa Aksener dubartii tokkottii dorgomaa jirtudha.

Ankaaraa keessatti muddamni dabaleera.

Fiigichi aangoo pirezidaantummaa qabachuuf godhamu haalaan dabaleera.

Kaadhimamtoota pirezidaantii arfan Muhaarem Insi, Kamisa filannicha keessaa bahe.

Innis viidiyoon sobaa waa’ee saalqunamtii qabu narratti hojjetamee miidiyaa hawwaasaa irratti akka natti duulamu taasifameera jedhe.

Hogganaan paartii mormituu kun Raashiyaatu filannicha gidduu seenuuf waan akkasii narratti hojjete jedhus Raashiyaan gochicha haalteetti.

Erdohaan michuu Puutin kan tahan ammoo hogganaa paartii mormituu kana akkeekkachiisan.

‘’Puutin kan tuqxu yoo tahe, an waan kanatti hin gammadu,’’ jedhaniiru.

Erdohaan maneen barnootaa ijaarre, boba’aa baasnee gabaaf dhiyeessine, magaalota keenya jijjiireerra jechuun duula gaggeessaa turan.

Lammiileen Turkii miliyoona 64 tahan biyya keessaa fi alaa bahanii filatu jedhamee eegama.