Hospitaalli Olanciitii attamiin naannicharraa tokkoffaa bahuun ministeera fayyaatiin badhaafame?

Hojjatoota hospitaala Olanccittii

Madda suuraa, Dr Dejene Kerenso

Maxxanfame

Bara 2007 A.L.I tajaajila yaala fayyaa kennuu kan jalqabe Hospitaalli Olancitii Godina Shawaa Bahaa aanaa Boosatitti argama.

Hospitaalichi ‘tajaajila yaalii ariifachiisaa waaltaawaa kennuu’ gulantaa jedhuun Hospitaalota Oromiyaa keessa jiran waliin dorgomee tokkoffaa bahuun Ministeera fayyaatiin tibbana badhaafameera.

Daayirektarri Meedikaalaa Hospitaala Olancitii Dr. Dajanee Qeerransoo BBC’tti akka himanitti, hospitaalichi gulantaa hospitaala jalqabaa qabaatulleen tajaajilli inni kennu kan waliigalaatiin gita kan qabudha jedhan.

Tajaajila yaala ariifachiisaa waaltawaa ta’e kennuudhaan badhaasaaf kan gahes haaldureewwan yaala fayyaa ministeera Fayyaa irraa kennaman qixa sirriidhaan hojiirra oolchuu keenyaani jedhu.

“Kan ittiin badhaafamne ‘Basic emergency care’ kan jedhamuuni. Hojjettoota yaala balaa tasaa leenjisuu, meeshaa kutaa kanaaf barbaachisu guutuun hanga yaala qulqulluu uummata bira gahuutti hunda guunne. Kanaaf Oromiyaarraa Hospitaalota dorgoman 10 moo’annee badhaafamne,” jedhan.

Hojiilee karaa yaala fayyaa balaa tasaa kanaan hojjetan yoo ibsanis “Hospitaalli Olancitii kun kooridarii Itiyoo-Jabuutii irra jira. Karaa nageenyaatiinis naannoo waldhibdeen daangaa irra jirutti argama. Sababoota kana lamaaniin namoonni baayyeen miidhamanii gara keenya dhufu,” jedhu.

Namoota balaa konkolaataatinis ta’e lola irratti miidhamanii dhufaniifis hojiin jalqabaa kaffaltii gaafachuu osoo hin taane lubbuu baraaruu irratti akka xiyyeeffatanis himu.

“Jalqaba nama balaa tasaatiin dhufe sun maallaqa haa qabaatus haa dhiisus hojiin nuti hojjennu lubbuu nama sanaa baraaruudha. Isaan booda akkaataan ittiin maallaqa yaalaa sun bakka buufamu kan ilaalamu.

Kan humna keenyaa ol ta’e ammoo hamma dandeenyu yaallee gara itti aanutti dafnee ergina,” jedhu Dr. Dajaneen.

Bashaasa waancaa hospitaalichaaf kenname waliin

Madda suuraa, Dr Dejene Kerenso

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hospitaalichi ji’oota 12 darban qofaatti namoota balaa tasaatiin yaalamuuf dhufan 5,000 caalaniif taajaajila kennuus eeran.

Daandii Itiyoo-Jabuutii kanarratti balaan konkolaaataa yeroo hedduu waan mudatuuf jecha namootni miidhaman hedduun gara Hospitaalichaa akka dhufaniifii guyyaa tokkotti namoonni balaan konkolaataa irra gahe 40 tahan gaafa tajaajila kennan akka tures ni yaadatu.

Hospitaalichi hojjettootaa fi kutaa yaala ariifachiisaa gahaa qabaatulleen yeroo miidhamtoonni lakkoofsaan hedduu tahan si’a tokkoon dhufan hakiimotni Hospitaalichaa hundi kan boqonnaarra jirus ta’e kan hojiirra jiraniif sagalee guddistuun waamicha ittiin taasisan qopheessuus himu.

Hospitaala Oolancitii kanatti balaa tasaatiin balaan konkolaataa fi miidhamtoonni lola daangaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa kan qabatan yoo ta’u, balaan summii dhuguu ammoo sadarkaa sadaffaa irra jira jedhan Dr Dajaneen.

“Naannawa baadiyyaa kanatti namootni mufannaa fi lola xixiqqaaf jecha summii aramaa fi hantuutaafaa dhuganii gara hospitaala kanaa fidamu. Naannoo kanatti summii dhuguun kuni ragaa qabnuun yaalamtoota balaa tasaa keessaa sadarkaa sadaffaa irra jira,” jedhan.

Hospitaalli Olancitii kun miilana tajaajila yaala balaa tasaatiin badhaasa argatulleen mooraa hospitaalaa hawwataa gochuu fi tajaajiloota yaala fayyaa istaandardii eegee kennuunis irra deddeebiin badhaafamaa kan turedha.

Hospitaalli Olancitii kun Boosatii fi Fantaallee dabalatee hawaaasa miiliyoona walakkaa ta’uuf kan tajaajila kennaa jiru ta’uus himan Daayirektarri Meedikaalaa Hospitaalichaa Dr. Dajanee Qeerransoo.