Morkiin Waancaa Afrikaa kun kan jabaate badhaasni keennamu waan dabaleefidha - Mosepeen

Pireezidantiin Koonfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa, Waancaa Afrikaarratti biyyootni sadarkaa qabaniin gadi aanaadha jedhaman gahumsaa fi milkii argachuu kan danda'an sababa badhaasni kennamu ol ka'eefi jedhan.
Pireezidantiin Koonfedereeshinichaa Paatriis Moseepee tapaha waancaa Afrikaa ramaddiirraa kaasee hanga tapha walakkaa xumuraa galgala Ayivoori Koost injifannoo itti argattee Istaadiyoommiitti argamuun daawwachaa bahan.
Dorgomii kanarratti biyyootni tilmaama waancaa nyaachuu danda'u jedhamaniifi sadarkaa FIFAn kaahuun Afrikaa keessaa adda duree ta'an kan akka Senegaal, Morookoo, Masrii fi Aljeeriyaa yeroodhaan keessaa godaanan.
Gama kaaniin biyyootni saddeet bara kana nuusa xumuraaf darban hunduu warra bara kaan nuusa xumuraaf darban hin turre. Warra Nuusa xumuraa bara kanaaf darban saddeet keessaa afur waanciha kan injifatanii hin beekne turan.
Kunimmoo qabxii taphootaa tilmaamuu rakkisaa gochuun, morkii godhamus hawwataa tasiseera.
Koonfedereeshiniin Kubbaa Miilaa biyyoota Afrikaa, Waancaan Afrikaa 34ffaa Ayivoori Koosti eegaluu guyyaa tokko durse ibsa baaseen walumaa galatti injifattootni badhaasa doolaara miiliyoona torba akka argatan ibse.
Moseepeen yaada BBC Ispoortiif kennaniin ''Taphattootni Afcon irratti hirmaatan badhaasarraa maallaqni isaan qaqqabu walfakkaataa miti, waggoota 20 darban kaniin hubadhe maallaqa geephi taphattoota galu yoo daballe, 'badhaasa dorgommii kanaa daballeerra' jennee yoo itti himne akkaan hamilee itti horuu akka dandeenyudha'' jedhan.
Badhaasa dorgommii kanaa dabaluun cinaatti guddina kubbaa miilaaf jecha maallaqni akkaadaamii kubbaa miilaaf ramadamu dabaluu himuun, kunis ''hegereen kubbaa miilaa Afrikaa ifaa ta'uu'' agarsiisa jedhaniiru.
Waancaa Afrikaa kana irratti biyyootni kubbaa miilaan maqaa guddaa hin qabne qabxii ajaa'ibsiisaa yeroo galmeessan mul'ateera. Namiibiyaan Tuniiziyaa injifachuun seenaashee keessatti yeroo duraaf gara marsaa mo'anii daruutti ceeteetti.
Ikuwaatooriyaal Giiniin Ayivoorikoostiin 4-0n injifattee qopheessituu sirnichaa dorgommiin kanaan ala baasuuf fiixeerraan geessee ture. Moritaaniyaan Aljeeriya injifattee yeroo duraaf ramaddiirraa darbuu dandeesseetti.
Dogommiin kun hanga taphootni lamaan nuusa xumuraa raawwatamanitti goolii 116 keessummeessuun seenaa dorgommichaa keessatti riikardii haaraa ta'eera.
'Kubbaan Miilaa Afrikaa kabaja argachuu qaba'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Moseepeen Waancan Afrikaa daawwachuuf hedduu hawwataa ta'uutti akka boonan dubbatan.
''Biyyoota Afrika hunda keessatti qulqullinni (kuwaalitii) kubbaa miilaa akkaan dabaleera.''
''Kubbaa miilaa keenya daawwachuun itti gammaduu qabna. Kan nama gammachiisu ta'uu qaba. Kan nama hawwatu ta'uu qaba, achii daldalli saniin hojjetamu dabalaa'' jedhan.
Daldalli hawwattummaa kubbaa miilaa Afrikaan argamu taphattootaa, leenjistootaafi garee teeknikaaf oola jedhan Moseepeen.
''Boonni natti dhagaahamuu himuun qaba. Eenyu akka injifachuuf jiru beekuun hin danda'amu. Biyyootni Afrikaa 54 hunduu mo'ataniiru'' jedhan dorgommiin nuusa xumuraa egaluu dura yaada kennaniin.
Akkuma dorgomtummaan morkii kanaa dinqisiifannaa argate, murteessitootni taphaa gahumsa agarsiisaniin leellifamaniiru. Moseepen dorgoommii kanaaf maqaa gaarii horeera jechuun jajan.
''Gahumsi murteessitootaa, kan komishinaroota taphaa, murteessitoota sararaa fi VAR kan sadarkaa idila addunyaati.''
Beekumsiifi ofitti amanamummaan murteessitoota Afrikaa addunyaarratti warra gaarii jedhamaniin qixa gaariidha jedhan.
''Kaayyoo keenya keessaa tokko dirree keessatti gahumsi mul'atu sadarkaa addunyaatti gaarii ta'uurraa kan ka'e kubbaan miilaa Afrikaa beekamtiifi kabaja argachuu qaba kan jedhuudha.''
Ammayyuu wanti hafu akka jiru kan amanan qondaalli kun, ''hundi keenya bu'aa buufneen madaalamna'' jedhan.
''Gareen Afrikaa shaampiyoonaa addunya wayita ta'u, yeroosan beekamtii nuuf malu arganna'' jedhan Moseepeen.












