Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Gaazaa, iddoo gargaarsa namoomaa irratti raawwateen yoo xiqqaate 71 du'an
Haleellaa Israa'el iddoo lammiileen Filisxeem itti baqatanii jiran irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 71 yoo du'an 289 kan caalan madaa'aniiru.
Akka ministeerri fayyaa Hamaasiin hoogganamu ibsetti iddoon haleellaan itti raawwate Gaazaa magaalaa Kaan Yuunis keessatti naannawa al-Mawasi jedhamutti.
Loltoonni Israa'el lammiileen Filisxeem bakka kana gadhiisanii akka ba'an akeekkachiisaniiru.
Miidiyaan Israa'el ammoo hoogganaa buleessi Hamaas Mohammad Da'iif xiyyeeffannaa haleellaa kanaati jechuun gabaasan.
Kanneen ijaan argan akka BBCtti himanitti bakki haleellaan kun itti raawwate waan balaan kirkira lafaa itti mudate fakkaata.
Viidiyoon achii ba'aa jiru caccabaa gamoo fi dhiiga namootaa akkasumas ambuulaansi olii fi gadi fiigdu mul'isa.
Namoonni kanneen jalaa miidhaman gamoo kukkufe jalaa baasuuf wayita ijibbaatan mul'atu.
Hospitaala naannawa kana jiru Kuwait jedhamurraa suuraalee fi viidiyoowwan ba'aa jiran madoon akkaan heddummaatan lafarra ciisan agarsiisu.
Qondaalli Hamaas Rooyitarsitti akka himetti haleellaan kun waraanicha kan hammeessuu fi Israa'el marii dhukaasa dhaabuuf qophii ta'uu dhabuushee agarsiisa.
Daandii magaalaa Gaazaa haleellaa Israa'eliin gamoo jijjigeefi reenfa namootaan guutame
Asitti waan mudataa jiru ijaan arguunuu miira namaa jeeqa. Reenfi daa'ima duutee gamoo jijjigee jalaa haadaan (funyoodhaan) wayita harkifamu. Wayita gamoo jalaa harkifamtu qaamnishee wayita caccabu ilaaluun ni ulfaata.
Kan rasaasi Israa'el argate hundi gamowwan kukkufan jala guutaniiru. Du'i walii lama, kun du'a akka maleedha. Dararaa hamaa!
Garaagarummaa sekendootaa gidduutti qe'een maatii Gazaa akkana ta'a. Gamoo barbadaa'ee fi reenfa dhala namaa makatetti geeddarama. Daandii fi qe'een barbadaa ta'ee mul'ata.
Lubbu baraartonni maqaaf jiru, garuu bakki reenfa namootaa jiru yoom bakka ga'an ta'e. Ammoo haleellaan Israa'el yoom irraa dhaabbate. Sodaa, yaaddoo fi gadda furmaata dhabe.
Fuulduratti yoo Waaqi waraana kana qabbaneesse tarii awwaalcha sirrii argachuu danda'u. Ammaaf garuu gamoo sana jalaa reenfa baasuun ni cima.
Namoonni Ittisa Uummataa Gaazaa- Gaza Civil Defence keessa hojjetan ijisaanii taatee kana hunda inuma arga.
Yeroo hunda qophii, taatee hunda quba qabu. Duuti ammuma samiirraa gadi sitti dhufa. Iddoo hunda jira.
Idoowwan baha Gaazaa keessatti argaman kanneen akka Shajaayiyaa yookiin ammoo kibba Gaazaa bakka handaara Raafaatti argamtu Tal Al-Sulxaan keessatti akka gidduu kanaa waraanni wayita hammaatu, ambuulaansiin ittisa uummataa Gaazaa (Gaza Civil Defence) naannawa kanallee hin ga'an.
''Bakka loltoonni Israa'el qabatanitti dhihaachuun balaa guddaadha. Garuu lubbuu namaa baraaruuf jecha dirqamaan itti seenuuf yaalla,'' jedhe qondaalli jaarmiyaa kanaa (Civil Defence) Muhammad Al Mugayyir.
Innii fi namoonni isaa wayita dhukaasni tasgabbaa'u carraa argatan hundatti fayyadamuun reenfa namootaa walitti qabu, kanneen miidhaman baraaru.
Maatiin yeroo hunda waa'ee namoota achi buuteensaanii dhabamee gaafatu.
''Reenfa adda baasuun ni ulfaata. Gariin qaamnisaanii guutummaatti waan cicciteef adda baasuun hin danda'amu,'' jedhe Aab Mugayyir.
Bineensonni bakkee keessa deeman reenfa namootaa irra marsu, soorachuuf itti gamu, huccuu irraa ciru, waraqaa silaa namoota kunneen adda baasuuf gargaaru tamsaasanii balleessu.
Gareen ambuulaansii ammoo boba'aa hin qaban. Kanarraa kan ka'e qindoominaan hojjechuun ni cima.
''Guyyaa lama dura haleellaa ollaa Masjiida Al- Saalihiinitti Israa'el raawwatteen hedduun miidhamanii turan. Nuti dafnee qaqqabuu dhabuu keenyaan hedduun du'aniiru,'' jedhe.
Yeroo ammaa baqattoonni Gaazaa fi naannolee akka Shejayiyaa keessaa baqataa jiru. Hedduunsaanii yeroo hedduu baqatan.
Addunyaa seeraafi heera hin qabne keessa jiru. Dureewwan addunyaa yaaddoo qaban ni ibsu. Garuu oduurraan kan hafe kan dhufee isaan baraaru hin jiru.
Namoonni kunneen yeroo kamuu ajjeefamuu akka danda'an beekanii of irratti eegaa jiraatu.
Sharif Abu Shabab qe'ee maatiisaa Shajaayiyaatti waraanni Israa'el barbadeesse fuuldura gaddaan liqimfamee dhaabbata.
''Mana keenyatti seenuu hin danda'u. Seenee homaa fudhachuu hin dandeenye. Amma homaa harkaa hin qabnu. Waan soorannu, waan dhugnu homaa hin qabnu. Mana keenya hunda diigan. Nuti homaa hin balleessine. Maaliif akkanatti nu adabu? Nuti maal balleessine?'' jechuun gaddaan dubbata.
''Eessa deemna? Eenyutti baqanna? Daandiirratti gatamneerra. Mana hin qabnu, homaa hin qabnu. Garam deemna? Furmaatisaa waa tokko qofa. Boombii niwukilaraan nu haleelaa nu fixaa, nu boqachiisaa,'' jechuun warra Israa'eliif dhaame.
Akka carraa bakkuma itti afuura baafatan yoo argatan isaaniif waan guddaadha. Maatiin Al-Fayuumi giddugala Gaazaa naannawa Dayir Al Balaa wayita ga'an boqonnaa guddaa argatan.
Yoo xiqqaate dararaa fi goolama magaalaa Gaazaa jalaa ba'aniiru.
Kun erga loltoonni Israa'el uummata Gaazaa gara kibba biyyattiitti ari'anii mudate.
Daandii alfaaltii gammoojjii ho'aa keessa diriire irra golgaa tokko malee aduu keessa fageenya dheeraa imaluun erga bakka xiqqoo itti boqatan ga'anii booda achitti wayita walargan baayyee gammadu.
Kanneen haaraa dhufaniif bishaan fi dhugaatii lallaafaa kennuuf. Sanuu afaanitti geeffachuu kan hin dandeenye hedduu.
Keessattuu daa'immanii fi jaarroleenfaa.
Lubbuun as ga'uu akka laayyootti hin ilaalan. Nama hunda bakka tokkotti nagaa ta'ee arguun waan guddaadha.
Garuu bor eessa dhaqan ammoo hin beekan, asitti maaltu akka isaan mudatu hin beekan. Wayita kana yaadatan miira gaddaatti seenu.
Hunduu harka Israa'el irraa kan eegamu ta'e. Hamaas fi Israa'el warra Ameerikaa waliin ta'uun waa'ee dhukaasa dhaabuu odeessu, garuu uummata Gaazaarraa duuti dhaabbatee hin beeku.
Reenfi daandiirra bakka hunda jira. Beelli, dararaan taatee yeroo maraati. Hospitaalli tajaajila wal'aansa kennuu hin dandeenye. Isaan dhukaasa dhaabuu odeessu.
Erga Guraandhala darbeetii seenaan dubartii ulfaa abbaan manaa irraa ajjeefamee ijoo dubbii ta'eera.
Abed-Alrahman wayita loltoonni Israa'el lammiileesaanii butaman lama gadhiisisuuf Raafaa keessatti oppireeshinii waraanaa gaggeessaniin namoota 70 caalan ajjeesan sana du'e.
Maatiinsaa achirraa gara kaabaa, Kaan Yuunis baqatan, dukkaana keessa dhokatanitti rasaasi itti roobe.
Wayita abbaa manaa irraa ajjeesan Nawara ulfa ji'a ja'aa turte. Ilmaan ja'a qabdi ammoo.
Ilmaan ishee umriinsaanii waggaa 4 hanga 13.
Yeroo ammaa Nawara deessee jirti, daa'imi ishee ji'a tokko, Rahmaa jedhamti.
Halkan wayita Israa'el qilleensaan haleellaa irratti raawwattu, soddaanshee gara hsopitaalaa ishee geessuun achitti deesse.
''Irra deddeebiin akkasin jedha: Abed-Alrahman eessa jirta? Kunoo daa'imi kee abbaa malee gara addunyaa kanaa dhufteetti,'' jette Nawara.
Ji'a darbe keessa loltoonni Israa'el wayita Raafaa dhuunfatan ammaas Nawara fi maatiinshee achiis baqachuuf dirqaman.
Bakka qe'eesaanii duraanii Kaan Yuunis deebi'an. Achitti ammoo jireenyashee bifa haaraan deebistee ijaarrachuun qormaata biraa itti ta'eera.
Ammallee loltoonni Israa'el Kaan Yuunis haleeluu hin dhiisne. Torban darbe mana barumsaa haleelanii namoota 29 caalan ajjeesanii hedduu madeessan.
Nawara garuu kana booda hin baqadhu jetti, ejjennoosheetti cichiteetti. Asitti yaadannoo nama baayyee jaallatu-abbaa warraasheetti dhihaattee jirti.
Abbaan manaashee akka waan lubbuun jiruutti ilaalti, miirri isaa ishee waliin jira.