Yukireen Kibba biyyaa deebiftee to'achuuf waraana cimaa loltuu miliyoona qabu ijaaruuf

Madda suuraa, PA Media
Ministirri Raayyaa Ittisaa Yukireen kibba biyyattii humnootii Raashiyaatiin qabaman deebiftee qabachuuf ''waraanaa cimaa miliyoona'' meeshaa waraanaa Nato hidhatan qopheessaa jirti jedhan.
Naannawa qarqara Galaana Gurraachaa deebisanii qabachuun diinagdee biyyattiitiif murteessaa ta'uu Oleeksii Reeznikoov dubbatan.
Haata'u malee yaadni kunis irra caalaa karoora qabatamaarra irra duulaatii jedhe gabaasaan BBC Joo Indwuud Kiyiv irraa.
Dubbiin Ministira Raayyaa Ittisaa kunis kan dubbatame wayita ammaan tana waraanni Raashiyaa karaa bahaatiin bulchiinsa Donbaas keessatti daangaalee babal'ifachuu itti fuftettidha.
Haleellaa guyyaa Sambataa gamoo jireenyaa irratti raawwatameen yoo xinnaate namoonni nagaa 18 ajjeefamanii 20 ol kan ta'an gamoo jijjigaa jalatti awwalamuutu sodaatamee ture.
Lubbu baraartonni hanga ammaattuu jijjigaa gamoo abbaa darbii shanii Chaasiiv Yaar keessaa barbaacha akkuma itti fufaniitti jiru.
Naannoon sunis babal'ifannaa Raashiyaatiif lafa xiyyeeffannaa keessa tokko.
Mr Reeznikoov gaaffiifi deebii gaazeexaa Taayimsii waliin taasisaniin, humnootii Yukreeniif meeshaalee bara jaarraa sooviyeetii kan hanaga sadarkaa Natotti argamuu sirna ittisa qilleensaa dhiyeessuu isheetiif UK galateeffataniiru.
Dhiyeessitiin meeshaalee waraanaa ariifannaan raawwatamu qabuus jedheera.
''Lubbuu loltuuwwan keenyaa baraaruudhaaf saffisaa fi dabalataa meeshaa barbaadna. Guyyaa hundatti osoo eeggataa jirruu loltoota dhibaan lakkaa'aman dhabaa jira,'' jedhe.
"Humnootii waraanaa gara 700,00 ta'an qabna. Yoo eegdoota biyyaaleessaa, poolisootaa itti edaanee ammoo humna cimaa gara miiliyoonaa ta'u qabna,'' jedhan ministirri Raayyaa Ittisaa kun
Haata'u malee, De Jaak Waatling Institiyuutii Tajaajilawwan Gamtaa Rooyaaliitti qorataa gameessa kan ta'an, dhimma lakkoofsa kanarratti gaaffii qabu.
''Haleellaa kan qolatuu humna cimaa miiliyoona miti,''jedhu qorataan kun BBCtti wayita dubbataniitti.
''Yeroo haleellaa qollanaa raawwatuutti opareeshinii dinqiisiisaa raawwachu barbaadda. Kanaafuu amma ifatti kaan dubbachuun irra caalaa Raashiyaan doorsiisoo kana qolachuuf qabeenyaa akka baaftuu dirqiisiisuudha.''

Madda suuraa, Reuters












