Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Itoophiyaatti waggaan namoonni 19,000 ta'an dhibee TB'n du'u'
Itoophiyaan biyyoota 22 tamsa’ina dhibee TB keessatti babal'ate keessaa tokko akka ta'e ragaaleen kan agarsiisan.
Dhibeen kunis Itoophiyaatti waggaadhaan lubbuu namoota 19,000 ta'u akka galaafatu hima Ministeerri Fayyaa biyyatti.
Haata'u malee Ministira Fayyaa Itoophiyaatti Hogganaa damee Wal’aansa TB kan ta'an, Obbo Taayyee Lataa, biyyattiin lakkoofsa namoota dhibee kanaan lubbuun isaanii darbuu hir’isaa jiraachuu BBCtti himan.
Waliigalatti, biyyattii keessatti dhukkubni TB namoota 143,000 ta’an irratti argama jedhame akka tilmaamamu hima.
''Isaan keessaa namoonni 120,000 addatti baafamuun qoricha kennineef jirra’’ jedhan Obbo Taayyeen.
Obbo Taayyeen gabaasa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) wabeeffachuun akka himanitti, Itoophiyaatti saamuda namoota 100,000 irraa walitti qabame keessaa TB namoota 119 irraatti argame.
Bara faranjootaa 2015'tti ammoo Itoophiyaatti namoota kuma 100 keessaa, namoonni 26 ta'an dhibee TB’n lubbuun darbaa akka turekaasuun, bara 2022'tti ammoo lakkoofsi namoota baay'ina walfakkaatu keessaa dhibee kanaan du’anii gara 16'tti hir’ateera jedhan oggeessi kun.
Kana jechuunis ammatti haalli tatamsa'ina dhibee kanaa hir'ataa jira jedhan Obbo Taayyeen.
Tamsa'ina dhibicha to'achuuf maaltu hojjate?
Haalli tatamsa'ina dhibee kanaa sadarkaa addunyaatti yoo ilaalame ammoo, waggaatti lubbuu namoota miliyoona 1.5 sababiidhauma kanaatiin akka darbu himu.
Gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akka agarsiisutti, bara 2021 qofa namoota miliyoona 1.6 ta'an TBn lubbusaanii dhabaniiru.
Akka Obbo Taayyeen jedhanitti, akkaataa dhibeen kun itti daddarbu hawaasa hubachiisaarratti hojjatamaa jiraachu kaasu oggeessi kun.
Akkasumas maatiin miseensi isaanii irratti dhukkubni kun irratti mul’atees qoratamun tatamsa'inni dhibichaa akka hin babal'annee hojjatama.
Qorichi TB dhaabbilee fayyaa mootummaa keessatti bilisaan akka argamu kan himan Obbo Taayyeen, dhibee TB wal'aansaan fayyuun ni danda'ama jedhan.
Waa'ee TB waantota ijoo beekamuu qaban
Dhibeen TB kunis karaa baakteriyaatiin namarra namatti daddarba. Kutaalee qaama keenya keessaayis irra caala somba huba jedhan.
Dhibeen TB yeroo qufaanuu fi axxiffatamu dhukkubsatarraa gara namoota fayyaatti darbuu danda'a.
Namoonni sababii garaa garaatiin madinummaan (dandeettiin dhibee ittisuu) qaamasaanii dadhabaa ta'e, keessattu namoonni dhibee HIV/AIDS waliin jiraatan dhibee kanaaf namoota kaan caala saaxilamu.
Mallattooleen TB suuta nama eegaluun torban muraasa keessatti namatti hammaachaa adeema jedhu oggeessi.
Mallattoo ijoo dhibee TB ittiin beekamu keessaa: qufaa, furrii dhiiga makame, dhukkubbii qomaa, ulfaatinni qaamaa hir'achuu, soorachuu jibbuu fi dadhabuu fa'i ta'uu mala jedhan.
Obbo Taayyeen maal gorsu?
Dhibeen TB hafuuraan waan daddarbuuf namoonni mana jireenyaasaanii qilleensi fi ifti akka seenuuf foddaa banuu akka qabu jedhu oggeessuu kun.
Akkasumas namoonni yoo konkolaata ummataan imalan foddaa banu qabu, yoo mallattoolee dhibichaa ofirratti arganitti ammoo battalaan gara dhaabbilee fayyaa deemu akka dhaqan gorsan.
Namoonni qufaan torba lamaa oliif irra yoo ture, ulfaanni qaamasaanii gadi bu'aa yoo adeemeefi fedhii nyaataa yoo dhanban dhibee TB'n waan shakkamuuf mana yaalaa deemanii akka ilaalaman gorsan.
TBn nama umurii kamirrayyuu jiran qabuu danda'a. Haaluma kanaanis, Itoophiyaatti namoota dhibeen TB'n qabaman keessa %44 dubartootaa, %56 ammoo dhiirota jedhu Obbo Taayyeen.
Umuriin yoo ilaalame namoonni dhibee kanaan qabaman keessaa kanneen %70 ta'an kan umuriisaanii waggaa 15-54 giddutti argaman ta'u dubbatu qondaalli Ministira Fayyaa Itoophiyaa Obbo Taayyee Lataa.