Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphoonni Piriimer Liigii sadii torban kanaa haqaman
Sirna awwaalchaa Giiftii Eelizaabet II’f jecha taphootni Piriimer Liigii sadii torban kanaa ammas haqaman.
Tapha Cheelsiin dirree isaa irratti Liiverpuul waliin taasisuu fi Liidsi Yuunaayitid ammoo gara Oldi Tiraaforditti imaluun taphatan haqamaniiru.
Silumaa taphni Biraayitanii fi Kiristaal Paalaas sababa hiriira diddaa hojjettoota baaburaa karoorfameef dursee haqameera.
Taphoonni Fulbaana 16-18 taphataman sirna awwaalchaa Giiftii booda kan gaggeeffaman taha.
Sirni awwaalchaa Giiftii Eelizaabet II Wiixata Fulbaana 19,2022 kan gaggeeffamu taha.
"Kileboota, poolisii, garee gorsitoota nageenyaa naannoo fi qondaalota dhimmichaan hariiroo qaban biro waliin mari’achuun yeroo biraatti dabarsuu malee filannoon biraa akka hin jirre waliigalle,’’ jedhe ibsi Piriimer Liigii.
"Taphoota yeroo gaddaa irra taphatan iratti du’a Giiftiif yaadannoon taasifameera. Taphootni dabarfaman yoom taphatamu kan jedhu guyyaan isaa kan ibsamu taha,’’ jedhe ibsichi.
Taphoonni kunneen kan dabarfamaniif humni eegumsaa gahaan waan hin jirreefi.
Taphni Chelsiin dorgommii Shaampiyoonsi Liigiin gaafa Roobii Red Buul Saalsibargi waliin godhu akkuma karoorfametti jira.
Garuu taphni Arsenaal gaafa kamisaa PSV Endooven waliin taasisu guyyaa biraatti darbeera.
Taphoonni Ingilaandi, Weelsi, Kaaba Ayerlaandi,fi Iskootilaandi turban darbe irra turan haqamanii ture. Isaan turban kana irra itti fufuun kan gaggeeffaman taha.
Taphoonni Liigotaa biyyaalessaa Wiixata irra itti fufuun gaggeeffamu.
Waldaan Kubba Miilaa taphoonni guyyaa sirna awwaalchaa Giiftii irra bu’an hundis dabarfamuu ibseera.
Taphoonni yeroo gaggeeffaman callisni daqiiqaa tokkoo ni taasifama. Taphattootni ammoo irree isaanii irratti mallattoo gurraacha kan qabu hidhachuu qabu, jedhe Piriimer Liigiin.
Taphni Renjersi Naappolii waliin taasisu hanqina humna poolisiin gara Roobiitti darbeera.
Har’a Tootenahaam gara Poorchugaal deemuun Ispoortiingi Liisban waliin taphata.
Liiverpuul ammoo dirree isaa irratti Ayaaksi waliin taphata. Seeltik gara Poolaanditti imaluun Shaaktar Dooneski waliin taphata.
Maanchister Siitiin dirree isaa irratti Boorushiyaa Doortimoondi waliin, Roobii boruu kan taphatu yoo tahu, Maanchister Yuunaayitid ammoo Sherif Tiraaspool waliin gaafa Kamisaa Mooldoovati taphata.