Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Giiftii Elizaabet II du'aan boqannaan taphoonni Piriimer Liigii haqaman
Du'a Giiftii Elizaabet II hordofee kabaja isaaniif taphoonni Piriimer Liigii Ingilizii fi liigota kaanii haqaman.
Taphoonni kudhan guyyaa Sanbata, Dilbataa fi Wiixata gaggeeffaman guyyaa biraatti dabarfamaniiru.
Taphoonni shaampiyoonshiippii Jimaata har'aa gaggeefamuuf qabamanii ture.
Akkasumas Jimaata, dorgommiin golfii gaggeeffamuuf ture haqameera. Dorgommiin kiriiketii fi guluffii fardaa Ingilaandii fi Afrikaa Kibbaa gidduutti gaggeefamuuf tures ni haqame.
Giiftii Elizaabet II, giiftiin UK waggoota dheeraaf teessoo mootummaa irra turan Kamisa kaleessaa umurii ganna 96tti boqatan.
Piriimer Liigiin kabaja ''jireenya dinqisiisaa Giiftii fi gumaacha isaaniif'' jecha dorgommii torbee kanaa haqana.
Hogganaa ol aanaan Piriimarliigii Riichaardi Maastersi, ''nuyii fi kilebootni keenya tajaajila Giiftii waggoota dheeraafi dorgommii hin qabneef'' yaadachuufi gadda keenya ibsachuuf murtee darbedha jedhan.
"Akka biyyatti qofa osoo hin taane uummata miliyonota hedduuf gadda guddaadha. Warra ishee jaalatan waliinii fi gadda waliin gadda keenya ibsanna jedhan."
"Qajeelfamni biyyaalessaa mootummaa biyya kanaa taphoota haquun dirqama miti jedhan. Murtee isaa garuu kilaboota dhuunfaaf dhiiseera jedhan."