'Waggaa sadiif guyyaan halkan natti ta'ee ture, amma qaroon ijakoo naaf banameera'

Oggeesoti fayyaa Hospitaala Yunivarsitii Wallagaa ogummaa isaaniitiin hawaasa tajaajiluuf duula wal’aansa ijaa bilisaan kennaa jiru.
Duula kanaan yeroo jalqabaaf tajaajila kan kennan waggaa tokko dura magaalaa Naqamtee keessatti ture.
Yeroo sanatti namoota 100 ol ta’aniif wal’aansa ijaa adda addaa kan kennan yoo ta’u, isaan keessaa namoota 47 ta’aniif ammoo wal’aansa baqaqsanii yaaluu ijaa kennuu isaanii gartuu duula kanaa kan gaggeessan ogeessi fayyaa ijaa Dr Sinboonaa Galataa BBC’tti himaniiru.
Namoota tajaajila kana argachuun kanneen fooyya'an keessaa Aadde Geexee Guddataa tokko.
Maanguddoon ganna 65 Aadde Geexee Guddataa gara waggaa sadiif qaroo ijasaanii dhabanii rakkachaa akka turan BBC’tti himaniiru.
“Tirachaan gadi ba’a, tirachaan ol gala, ijoolleetu na harkiseen deema ture. Guyyaan halkan natti ta’ee ture,” jedhu.
Waggootii sadii dura erga tasa kufanii booda iji isaanii arguu akka dhaabe kan himan Aadde Geexeen, utuu gargaarsa hin argatin turanii, amma karaa intala oboleessa isaaniin dhagahuun wal’aansa kana argachuu danda’u isaanii BBC’tti himaniiru.
Erga wal’aansi baqaqsanii yaaluu ijaa taasifameef booda amma sirritti argaa akka jiran himuun , “amma gammadeen ililche” jechuun qaroon isaanii deebi’uutti miira itti dhaga’ame ibsaniiru.
“Amma namni na harkisu hin barbaadu, ofumaanan gadi ba’a.”

Namoota tajaajila dhabanii rakkatan gargaaruuf hojii kana eegalle
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr Sinboonaan duula kana gaggeessuuf maal akka isaan kakaaseen yoo himan, “Oggeessi fayyaa oggummaa ija baqaqsanii hodhuu qabu baayyeen naannoo kanarra jiru. Fakkeenyaaf Hospitaalli Waliigalaa Shaambuu wal’aansa ijaa hin qaban. Uummanni hedduun ammoo rakkoo qaroo ijaan rakkachaa akka jiran ni beekna. Kanaaf jecha karoorsinee achirratti hojechuuf kan murteessine,” jedhan.
Gartuun duula kana irratti hirmaatan hundi hojjettoota Hospitaala Yunivarsitii Wallaggaa yoo ta’an, Dr Sinboonaa, ogeessaa wal’aansa baqaqsanii yaaluu ijaa ta’an dabalatee ogeessota fayyaa saddeet of keessatti qabata.
Dabaluunis “kana hundaaf maallaqaan kan nu gargaare ammoo Yunivarsitii Wallaggaadha,” jedhaniiru.
Marsaa lammafaa duula kanaan Waxabbajjii 27 hanga Adoolessa 2’tti magaalaa Shaambuutti imaluun wal’aansa ijaa namoota 1,152’f kennuu isaanii Dr Sinboonaan ibsaniiru.
Kanneen keessaa dhiiroonni 618 yoo ta’an, dubartoonni ammoo 534 jedhu.
“Kan wal’aansa baqaqsanii yaaluu hojjenne namoota 112'f. Isaan kun namoota moora ijaa qabanii fi kanneen libsaan ija isaanii gara keessaatti galagalee isaan quuqudha,” jedhu Dr Sinboonaan.
“Isaan keessa namoonni torba ta’an guutummaa guutuutti qaroon isaani badee, deggarsa namaan kan deeman turani.”
Dabaluunis namoota wal’aansaaf galmaa’an keessaa kanneen ilaalamanii, qorichaan, fuullee ijaa (kishaafa) ajajameefii fi kanneen homaa dhibee akka qabne baramee gorsa qofaan gaggeeffaman jiraachuu ibsaniiru.

Marsaa duula wal’aansa ijaa itti aanuun yoo haalli nageenyaa eeyyameef gara Aanaa Giddaatti imaluuf karoora akka qaban himaniiru.
Duula kanaan magaalota Godina Wallagaa Bahaa keessa jiran hedduu bira ga’uuf karoorfatanii kan turan ta’us, sababa rakkoo nageenyaatiin hundi hin milkaa’in akka hafe Dr Sinboonaan ni himu.
Dhibeewwan ijaa Kaatiraaktii fi Gilaakoomaa maali?
Namoota Shaambuutti wal’aansaaf galmaa’an keessa hedduun isaani kan dhibee kaatiraakti ykn mooraa ijaa sadarkaa adda addaarra jiru qaban akka turan Dr Sinboonaan ni himu.
Itti aansuun ammo dhibamtoota qaroo dhiyoo fi qaroo fagoo hedduun akka turanii fi kanneen dhibee Gilaakoomaa fi Tiraakooma akka turan himaniiru.
Kaatiraaktiin dhibee sababoota adda addaan mooraan ija haguuguun qaroo balleessu danda’u akka uumamu taasisu akka ta’e Dr Sinboonaan ni himu.
“Dhukkubni kaatiraakti yoo iji rukutame, yoo infekshiniin ijaa jiraate moora uummachuu danda’a. Baayyinaan garuu namoota uumuriin isaanii dollumaa yemmuu deeman dhibee kanaaf ni saaxilamu danda’u,” jedhu.
Oggeessi fayyaa ijaa kun akka jedhanitti dhibeen kaatiraaktii wal’aansa baqaqsanii yaaluun qofa malee, “qorichaan waan yaalamee fayyu miti.”
Waal’aansa kanaan “moorichi keessaa miiccamee, leensiin namtolchee keessa galchama. Yoo rakkoon dabalataa narvii ijaa irra hin jiru ta’e, iji nama Sanaa akkuma duriitti arguu ni danda’a,” jedhu.
Namootni dhibee tiraakomaa qaban dabalataan dhibee gilaakomaan iji isaanii hubamee yoo jiraate, sadarkaa dhibeen gilaakomaa kun irra jiru iratti hundaa’uun wal’aansi mooraa kaasu kun milkaa’uu fi dhiisuu akka danda’a Dr Sinbonaan ibsaniiru.
Dhibeen gilaakomaa gosa lama, inni jalqabaa ‘primary open angle glaucoma’ jedhamu kan namoota umuriin isaanii ganna 40 ol kan miidhu yoo ta’u inni lammaffaa ‘congenital glaucoma’ jedhamu ammo dhaalotaan uumamuun daa’imman irratti kan mul’atu akka ta’e ogeessi fayyaa kun ni himu.
Dhibeewwan ijaa lamaanuu – Gilaakomaa fi Kaatiraaktiin – hedduminaan namoota umuriin dulloomaa jiran irratti kan mul’atan ta’us, umurii kamirrattiyyuu mul’achuu akka danda’an Dr Sinboonaan ibsaniiru.
Of eeggannoo ija keenyaaf gochu qabnu…
Dr Sinboonaa akka ibsanitti ija keenyaf qofa osoo hin taane fayyuummaa qaama keenyaa guutuu eeguuf wanti jalqabaa barbaachisaan nyaata madaalamaa soorachuudha.
Namoonni hojii humnaa, kan akka hojii mukaa fi sibilaa irratti hojjetan ija isaani akka hin rukutamneef, kishafee hojii (goggle) fayyadamuu akka qaban ni himu.
Sababiin isaas “iji keenya yoo rukutame rakkoon ijaa baayyee itti fufee dhufuu danda’a. Fakkeenyaaf moori fi gilaakomaan uumamuu danda’a. Darbeeyyu kallattiimaan qaroo isaanii dhabuu danda’u,” waan ta’eef of eeeggannoo gochuun barbaachisaa akka ta’e Dr Sinboonaan ibsaniiru.
Dhuma irratti Dr Sinboonaan gorsa kennaniin namni kamuu iji isaa yoo dhukkubsate, callisanii ofiratti ilaalurra hatattamaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.












