Paarlaamaan Naayijeeriyaa seeraa 'qabxii argachuuf qunnamtii saalaa' yakka jechuun raggaasise

Barsiisonni yuunvarsiitii Naayijeeriyaa barattoota isaanii waliin qunnamtii saalaa gochuun yakka tahuu danda'a

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Paarlaamaan Naayijeeriyaa kan yeroo turtii isaa xumurataa jiru seera miidhaa saalaa barattoota yuunvarsiitii irra gahu dhorku raggaasise.

Seerri paarlaamaan biyyattii raggaaise kun takkaa pirezidaantii haaraa aangoo qabatan Boolaa Tinuubuun yoo mallattaa'e, barsiisaan yuunvarsiitii kamiyyuu gochaa qunnamtii saalaa agarsiisu barataa isaatti agarsiisuun yakka tahuu isaati.

Barsiisonni barattoota isaanii waliin hariiroo saal qunnamtii qaban hidhaa hanga waggaa 14 tahuun dabamuu adanda'u.

Wixineen seeraa farra miidhaa saalaa kun jalqaba kan qophaa'e bara 2016 keessa yoo ta'u, garuu mana maree lamaaniin osoo hin raggaasifamiin tureera.

Bara 2019 yeroo BBC qorannoo gadi fagoo amala barsiisota yunvarsiitii Naayijeeriyaa fi Gaanaa irratti gaggeessuun saaxilu wixineen seeraa kun ammas irra deebiin ka'uun amma ragga'e.

Dookimantariin BBC Africa Eye 'Qunnamtii Saalaa qabxiif' jedhu namoota hedduu dheekkamsiiseera.

Haa ta'u malee miseensonni paarlaamaa jijjiirama tokko tokko waan barbaadaniif wixinichi osoo hin ragga'iin ture.

Xumura irratti koreen manneen maree lameenii walitti dhufuun waliigaltee irra gahuu qabu ture.

Miseensonni mana maree hojiirra turuun yeroon isaanii xumuramaa jiru miseensota haaraa filamaniif torban dhufu bakka gadhiisuun dura hojmanee isaanii xumurataa jiru.

Barattuun BBCtti dubbatte tokko waa'ee wixinee seeraa paarlaamaan dabarsee gammaduu himuun, pirezidaanti Tinuubuun seeratti mallatteessu jedheen abdadha jette.

Ji'a kana dura gareen barattootaa ibsa baasaniin, Korri Biyyaalessaa Naayijeeriyaa, [National Assembly] seera kana osoo pirezidaanti Mohaammaduu Buhaariin aangoo hin gadhiisiin dura raggaasisuu dhabuu isaaniin gadduu ibsaniiru.

Dookimantarii BBC Africa Eye dhimma kana saaxile irratti barsiisonni Yunvarsiitii Gaanaa lama rippoortara BBC gabaasa qorannoo iccitiin dalagdu barattuudha se'anii qocollaa saalaa irratti raawwachuu isaaniitiin yeroof hojiirraa dhorkaman.

Yuunvarsiitiin Gaanaa barsiisaa Raansord Giyampoo ji'oota ja'aaf, Paawol Butaakoorammoo ji'oota afuriif hojiirraa uggure.

Haata'u malee, dokumeentarii BBC 'Saal-qunnamtii qabxiif' jedhu dhiyeessee ture gubbaatti himannaa ittiin shakkaman akka hin raawwanne namoonni lamaan isaanii waakkataniiru.

Barsiisonni yuunvarsiitii kunneen qorannoon kun wayita gaggeeffamu dhoksaan waraabamaa turani.

Gabaastuun BBC wayita sanatti barattuu fakkaachuudhaan tuttuqaa saalaa fi namuusa dhabiinsa yuunvarsiitii Gaanaafi Leegos keessatti jiraachuu qo'achaa turte.

Battaluma waraabbiin kun gaggeeffameen dhimmichi midiyaalee hawaasaarra tamsa'uudhaan Gaanaa fi Naajeeriyaatti dheekkamsa kaasera.