Karri eegaa beekamaa jaalalleesaa duratti manasaatti reebamee saamame

Maxxanfame

Karra eegaa kilaba Faransaayi Paaris St. Jeermen (PSG) fi garee kubbaa miilaa Xaaliyaanii kan ta'e Jiyaanluyijii Donnaarummaa jaalalleesaa wajjiin manasaatti reebamee saamame.

Reebichiifi saamichi kan irratti raawwatame mana jireenyasaa Paarisitti argamutti.

Poolisiin Faransaayi akka himetti jaalalleewwan kun lamaan manasaanii keessatti hidhamanii "namoota baay'een" reebamaniiti kan saamaman.

Boodarra garuu hoteela ollaasaanii jiru tokkotti baqatan.

Erga miliqanii hoteelatti baqatanii booda hojjataan hoteelaa poolisii beeksisuun boodarra gara hospitaalaa geeffaman.

"Himanni yakka hanna meeshaa fayyadamuun raawwachuu garee 'wanbadee' irratti banamee qorannoon gaggeeffamaa jira," jechuun dubbi himaan biiroo qorannoo yakkaa Paaris BBC'tti himaniiru.

Gabaasni oduu marsariitii Actu17 jedhamu, garuu kan hin mirkanoofne, akka ibsutti namoonni saamicha gaggeessan kun karra eegafi jaalalleesaarraa faayawwan gati jabeeyyii Yuuroo 500,000 baasu saamaniiru.

Biiroon Qorannoo Yakkaa gamasaan poolisiin qorannoo humna addaa garee wanbadeefi hattootarratti xiyyeeffatu eegaluu ibse.

Karra eegan kilaba PSG Jiyaanluyijii Donnaarummaarra miidhan xiqqaan qaqqabeera.

Jaalalleessaa modeelistii kan taate, Elesiyaa Elefaante, ammoo hin miidhamne akka gabaasa AFPtti.

Karra eegaan PSG, Jiyaanluyijii nama ganna 24 yoo ta'u waggaa lama dura gara Paaris deeme.

Tapha michummaa PSG'n gara Jaappaan deemun taphatu irrattis argamuuf ture.

Yeroo garaa garaatti haleellaafi saamichi taphattootarratti inuma gaggeeffama.

Garuu, heddumminaan mana jireenyaasaanitti miti kan irratti raawwatu.

Ji'a Amajjii keessa namoonni lama bara 2021'tti taphataa lammii Biraazil kan ta'e Markuniyos mana jireenya isaa lixa Faransaayitti argamu saamuu isaanif manni murtii namoota lamatti hidhaa muree ture.

Yeroo saamichi sun gaggeeffamu Maarkuniyos tapharra ture, abbaan isaa garuu ijoollee dubaraa Maarkuniyos lama waliin mana keessa turan.

Abbaan isaa fuula keessaafi cinaacharra dhahamanillee baay'ee hin miidhamne ture.

Guyyaadhuma sana manni taphataa michuu Maarkuniyos kan ta'e Di Maariyaa saamamee ture.