Jeettiiwwan waraanaa egeree ‘sammuu balaliistootaa ni dubbisuu' jedhaman

jeettii Teempasti

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Jeetiin waraanaa Spitfire jedhamuu bara waraana Addunyaa II'tti waraanni Biritaaniyaa hojiirra oolchee ture dinqisiifannaa olaanaa argatanii ture.

Balaliistoonninis xiyyaarichi akka gaariitti ajajamuuf mijataa ta'usaaa irraa kan ka’e, akka qaama harka isaanii akka fakkatu himu ture.

Balaliistoonni jeettii/xiyyaara waraanaa bara 2030’n keessaa ammoo, kana caalaa jeettii isaanii waliin hariiroo fooyya’e akka qabaatan himu.

Jeettiiwwann kunnneenis balaliiftootaaf mijachu saanitiin allatti ‘sammuu isaanii dubbisa’ ykn waan isaan yaadan baruu danda’u jedhame.

Jeettiin Teempasti jedhamu kunis dhaabbata UK, BAE, Rolls-Royce, gartuu misaa’elaa Awurooppaa, MDBA fi dhaabbata Xaaliyaan Leonardo jedhamaniin waliin tolfamaa jira.

Wanti jeettii oomishamaa jiru kana adda taasisu tokko, teeknolojii hubannoo nam-tolchee (AI) kan yeroo balaliistonni dhiphuu ykn yaaddoo keessa jiran gargaaruu danda’u qabu ta'usaati.

Koofiyyaa/halmeetiin balaliistoonni kaawwatan sammuu isaanii fi odeeffannoo fayyaa isaanii kan hordofudha.

Kuusaan odeeffannoo amala addaa balaliisaa kana qabaachuun ammoo, AI xiyyaricha irra jiru, yoo seensarichi akka balaliisaan kun gargaarsa barbaadu mul’ise jidduu seenee hojjechuu danda’a jechuudha.

Fakkeenyaaf, yoo balalisaan sababa harkisa lafaa (gravity) cimaan of wallaale, AI kun jeetticha balaliisuu danda’a.

Dhaabbanni jeettiiwwan kana omishu BAE Systems jedhamu, bara 2027’tti yaaliif akka balaliisu eegalu ibseera.

Jeettiin Tempaasti kun erga jalqaba bara 2018’tti suuraan isaa ba’ee eegalee haala adda addaan foyya’eera. Keessa tokko ulfaatinni isaa hir’ifamuudha.

Suuraa jeettii Tempasti bara 2018gadhiifame

Madda suuraa, Reuters

Yeroo balalii'u eegalu, jeettiin Tempasti diroonii waraanaa balalisaa hin qabne waliin wal morkachuun ykn walitti bu’uun isaa hin oolu.

Kana ittisuuf ammoo teeknoolojiin hordoffii fi to’annoo haaraa tokko jedhamee uumamuu qaba.

"Jijjiirama teeknoolojii keessatti uumamu duuka bu’uu qabna,” jedha hogganaan guddina daldalaa Tempastii Joon Istooker.

"Kana dura, feedhiin ittisaaf jiru guddinni teekinolojii sanaa akka dabaluu taasise, teeknoolojiin daldalaa ammoo boodarra bira ga’a. Amma garuu teeknojiin daldalaa caalaatti irra fooyya’aadha.”

Oomishi jeetti kanaa harki caalaan roobootiitiin kan gaggeeffamudha.

Mootummaan UK piroojektii Tempastiidhaaf paawondii biiliyoona 2 waadaa seeneera, maallaqni kun ammo utuu jeettiin kun tajaajila hin eegaliin dacha heddun ni guddata.