Hanga haqni ba'utti araarri dhugaan jiraachuu hin danda'u- Jarmaniifi Firaans

Madda suuraa, AFP
Ministiroonni Dhimma Alaa Jarmanii fi Firaansi Itoophiyaa keessatti hanga haqni argamutti nageenyi fi araarri amansiisaan argamuu hin danda'u jedhan.
Qondaaltonni biyyoota Awuroooppaa kunneen wayita Itoophiyaa daawwatanitti Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin, adeemsa marii nageenyaa fi araaraa mootummaan federaalaa fi TPLF itti jiran irratti mari'ataniiru.
Akka ministiroonni kunneen jedhanitti, wayita qaamoleen walwaraanaa turan gara nageenyaatti ce'uuf adeemsarra jiran kanatti, malli ittiin dhiittaa mirga namoomaa fi yakka yeroo waraanaa raawwateef haqa barbaadan jiraachuu qaba.
Qondaaltonni kunneen gara fuulduraatti kutaalee Itoophiyaa yakkoonni hedduun keessatti raawwatamanii fi ittigaafatamummaa irratti gaaffiin ka'u daawwachuuf akka jiranis ibsaniiru.
Aangawoota Awurooppaa lamaan kunneen simatanii kan keessummeessan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqa Makonnin, namni yakka raawwate kamuu adabbiisaa osoo hin argatin akka hin dabarre mootummaan saanii akka mirkaneessu ibsan.
Mootummaan Itoophiyaa qaamolee mirga namoomaaf falman- kan UN fi garee mootummaan ramade waliin ta'uun iddoowwan waraanaan miidhamanitti akka ramadamaniif gaafateera jedhan qondaalli Itoophiyaa kun.
Waraana kaaba Itoophiyaa waggoota lamaaf tureen qaamoleen waraanicha keessatti hirmaatan hunduu yakka waraanaan himatamu.
Ameerikaan akka jettutti xiqqaatus, ulaan gargaarsaa banamuun fooyya'iinsa aragameedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni badiinsa namoomaafi qabeenyaa olaanaa qaqqabsiise kun hanga dhumaatti akka dhaabbatuuf humnootiin walwaraanan lamaan waliigaltee nagaa irra gahuusaanii adeemsa biyyoota lixaa guutuun deeggarsa argateedha.
Tibba waraanichi gaggeeffamaa turetti walitti bu’iinsi akka dhaabbatuufi deeggarsi namoomaa akka qaqqabuuf biyyoonni lixaa cimsanii watwaataa turan.
Firaansi tibba waraanichi cimee itti fufe sanatti waliigalte loltummaa Paaris Finfinnee qabdu dhorkitee turte.
Haata’u malee erga waraanni Kaaba Itoophiyaa dhaabbachuun waliigalteen nagaa taasifameen booda waliigalteen loltummaa Firaansiin dhorkamee ture kaafamuu hanga ammaatti ifa kan ta’e hin jiru.
Biyyoonni lixaa waraanichi akka dhaabbatuuf irra deddeebiin ibsa baasaniin alatti, Gamtaa Awuroppaa dabalatee, mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa garaagaraa taasisaa turan.
Kanaan alattis bara darbe dhuma Sadaasaa irratti wayita humnootiin Tigraay gara Finfinneetti dhiyaataniitti, Jarmaniifi Firaansi dabalatee biyyoonni lixaa hedduun lammiileensaanii Itoophiyaa gadhiisuun akka bahaniif gaafachaa turan.












