Ministiroonni Haajaa Alaa Jarmaniifi Faransaay gara Itoophiyaatti imaluuf

Kaatiriin Koolonaa gitasaanii Jarmanii Anaalenaa Baa’erbook

Madda suuraa, Getty/AP

Maxxanfame

Waraanni wal walii Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture dhaabsisuuf waliigalteen nagaa erga taasifamee baatii lamaan booda ministiroonni Dhimma Alaa Faransaayiifi Jarmanii gara Finfinneetti imaluuf ta’uun dhagahame.

Ministirri Dhimma Alaa Faransaayi Kaatiriin Koolonaa gitasaanii Jarmanii Anaalenaa Baa’erbook waliin gara Itoophiyaatti akka imalan buufata TV Faransaay tokkotti dubbatan.

Isaanis waliigaltee nagaa waraanicha dhaabuuf taasifame jajjabeessuu fi yaalii Gamtaa Afriikaa deeggaruuf akka imalan buufata TV LCI jedhamu tokkotti dubbatan.

Ministiroonni lamaan kunneenis Itoophiyaa kan dowwatan Amajjii 13 fi 14, 2023 maddi Oduu AFP madden dipilomaatii eeruun gabaaseera.

Akka gabaasa AFPtti walitti dhufeenya Itoophiyaan Gamtaa Awurooppaa waliin qabdu ilaalchisuun aanga’oota Itoophiyaa waliin akka mari’atan gabaasu Africa News barreesseera.

Waraanni kaabaa itoophiyaatti waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture hanga dhumaatti dhaabuuf jaarsuummaa Gamtaa Afriikaatiin mootummaan federaalaafi TPLF waliigaltee nagaa irra gahunsaanii ni yaadatama.

Waraanni badiinsa namoomaafi qabeenyaa olaanaa qaqabsiisee kun hanga dhumaatti akka dhaabbatuuf humnootiin wal waraanaan lamaan waliigaltee nagaa irra gahusaanii adeemsa biyyoonni lixaa  gutuun deeggarsa argateedha.

Tibba waraanichi gaggeeffamaa tureettis walitti bu’insi akka dhaabbatuufi deeggarsi namomaa akka qaqabuuf biyyoonni lixaa cimsanii wawaataa turan.

Faransaay tibba waraanichi cimee itti fufe sanatti waliigalte loltummaa Paarsii Finfinnee waliin taasifte turte dhorkunshee gabaafamun ni yaadatama.

Waliigalteen loltummaa Pirezidantiin Faransaay Amaanu’eel Maakiroon fi MM Itoophiyaa Abiy Ahimad wagga afuriin dura taasisanii ture, wagga lamaan dura dhorkamu AFPn gabaasee ture.

Haata’u malee erga waraanni Kaaba Itoophiyaa dhaabachuun waliigalteen nagaa taasifameen booda waliigalteen loltummaa Faransaayin dhorkame ture kaafamu hanga ammaatti ifa kan ta’e hin jiru.

Biyyoonni lixaa waraanichi akka dhaabbatuuf irra dedebiin ibsa baasaniin alatti, Gamtaa Awuroppaa dabalatee, mootummaa Itoophiyaa irratti dhuubbaa garaagaraa taasisaa turan.

Kanaan alattis bara darbe dhuma Sadaasaa irratti wayita humnootiin Tigraay gara Finfinneetti dhiyaataniitti, Jarmaniifi Faransaay dabalatee biyyoonni lixaa hedduun lammiileesaanii Itoophiyaa gadhiisuun akka bahaniif gaafachuunsaani ni yaadatama.

Gamtaa Awuroppaa fi Itoophiyaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaaltoonni olaanoon miseensa cimoo Gamtaa Awuroppaa kan ta’an Farnsaayifi Jarman gara Finfinnee imaluuf yaadunsaanii, walitti dhufeenya gamtichi Itoophiyaa waliin qabdu irratti bu’aa ni qabaata jedhamee yaadama.

Torban darbe keessas gamtichi fixaan bahiinsi waliigaltee nagaa mootummaafi TPLF jidduutti taasifame walitti dhufeenya Itoophiyaa waliin qabu deebiisee akka eegalu haala isa dandeessisu akka uumu ibsee ture.

Hojiirra olmaa waliigaltichaan boodas jijjiramoota mul’atan kan jajee Gamtaan Awuroppaa, kanaafis deeggarsa gochuuf qophii ta’us eeruun, ‘‘waliigaltichi walitti fufiinsaan hojiirra olunsaa Gamtaan Awuroppaa walitti dhufeenya tarsimoowaa Itoophiyaa waliin qabu deebiisee eegaluuf akka dandeessisu’’ himeera.

Gamtaan Awuroppaa warra Itoophiyaadhaaf maallaqa olaanaa fi deeggarsa kennan keessaa tokko yoo ta’u, waraanaa Tigraay eegalu hordofe deeggarsi bajataa doolaara miiliyoona 110tti siqu akka turu taasiseera.

Mootummaan Itoophiyaas murtee gamtichaatiin ‘‘tarkaanfii gamagama dogongoraa irratti dhundaa’e’’ jechuun mormee ture.