Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el Eeshiyaa keessaatti argamti garuu Waancaa Awurooppaa taphatti, maaliif?
Israa'el Waancaa Konfedereeshinii Eeshiyaa bara 1956 fi 1960 qophaa'e irratti gahumsa gaarii agarsiisuun sadarkaa lammaffaan xumurte.
Yeroo sana hundeeffamee umurii xiqqaa kan qabu gareen Biyyaalessaa Kubba miilaa Israa'el bara 1964 waancicha qopheessuun ofumaan shaampiyoonaa tahuu danda'e.
Akkasumas Waancaa Konfedereshinii Kubba Miilaa Eeshiyaa bara 1972 qopheessuuf fudhattee ture. Garuu dorgommicha keessaa bahuuf dirqamte. Waanti tahe akkasi.
Israa'el duguuggaa sanyii Holokasti fi Waraana Adunyaa II hordofee biyya tahuun bara 1948 hundoofte. Federeeshiniin Kubba Miilaa Israa'elis baruma kana hundooffame.
Federeeshinichi Waldaa Kubba Miilaa Filisxeem kan kileboonni Arabaa fi Jewushii keessatti hirmaatan irraa foxxoquun qofaatti hundaa'e.
Israa'el biyya taatee erga hundooftee federeeshinichi waggoota saddet booda bara 1956, Konfedereeshinii Kubba Miilaa Eeshiyaa keessatti hirmaachuuf galmoofte.
Teessoo Israa'el yoo ilaalamu bakkuma sirrii keessatti dorgomuu dandeessu keessatti galmoofte.
Federeeshinichi Israa'el akka taphattu eeyyamus biyyoonni Eeshiyaa keessumaa Baha Gidduugaleessaa keessatti kan argamanii fi irra jireessi isaanii musiliimota tahan Israa'el waliin taphachuu didan.
Tapha gulaallii Waancaa Adunyaa bara 1958'f biyyoonni Israa'eel waliin ramadaman kan akka Tarkii, Indooneezhiyaa fi Sudaan taphachuu didan.
Yeroo sana ramaddiin Waancaa Adunyaa biyyoota Eeshiyaa fi Afrikaa keessaa kanneen darban muraasa hirmaachisa ture.
Bara 1974 wixinee Kuweet dhiyeessiteen Israa'el Konfedereshinii Kubba Miilaa Eeshiyaa keessaa baafamte. Biyyoota yeroo sana sagalee kennanii fi miseensa AFC tahan keessaa biyyoonni 17 akka Israa'el konfedereshinicha keessaa baatu yoo sagalee kennan, biyyoonni 13 morman. Biyyoonni jaha ammoo sagalee hin kennine ture.
Gareen Kubba Miilaa Israa'el ramaddii hunda keessaa waan baafameef carraan qabu Waancaa Adunyaa irratti bifa adda taheen taphachuu ture.
Bara 1976 hanga 1994tti kileboonni Israa'el dorgommii kileboonni Awurooppaa yeroo gannaa taphatanii fi booda ammoo Shaampiyoonsi Liigii keessatti hammatame 'Intertoto Cup' jedhamu irratti hirmaatu ture.
Dorgommichi yeroo sana kaampaanota Beetiingii ykn Tirgaa taphachiisaniin ispoonsera taha ture.
Bara 1991 Federeeshiniin kubba Miilaa Awurooppaa waldaa Kubba Miilaa Awurooppaa keessatti hammatamuun akka dorgomaniif eeyyameefi.
Bara 1994 ammoo Federeeshiniin Kubba Miilaa Awurooppaa Israa'eliin miseensa guutuu gochuun fudhate.
Ergasii Israa'el dorgommii Waancaa Awurooppaa keessatti kan taphattu yoo tahu, kileboonni ishees dorgommii Shaampiyoonsi Liigii fi Awurooppaa Liigii keessatti hirmaataa jiru.
Biyyi ardii isheen ala dorgommii irratti hirmaataa jirtu Israa'el qofa.
Israa'el gosoota ispoortii kaan biyyoota kam waliin dorgomti?
Akkuma kubba miilaa jalqaba irratti Israa'el gosoota ispoortii kaanis biyyoota Eeshiyaa wlaiin dorgomaa turte.
Ragaaleen akka agarsiisanitti, dorgommii atileetiksii bara 1954-1974tti biyyoonni Eeshiyaa irratti hirmaatan irratti atileetonni Israa'el medaaliyaa 53 injifataniiru.
Isaan keessaa 18 medaaliyaa warqee ture. Bara 1962 dorgommii atileetiksii kan qopheessite Indooneezhiyaan Israa'el akka irratti hin hirmaanneef dhorkite.
Sababni isaa ammoo Israa'el dorgommicha irratti hirmaachuun ishee maqaa fi hariiroo biyyoota Arabaa waliin qabdu na jalaa balleessa jechuudhaani.
Biyyoonni Arabaa hedduun hundeeffamuu Israa'el irraa mufii waan qabaniif ofirraa qoollifachuu qofa osoo hin taane waraana hanga ammaayyuu wlairraa hin cinne keessa galaniiru.
Bara 1978 Israa'el guutummaatti dorgommii atileetiksii biyyoota Eeshiyaa irraa dhorkamte.
Ajjeechaa atileetota Israa'el, Olompikii Muunik irratti
Bara 1972 Jarman dorgommii Olompikii qopheessite. Dorgommicha irratti atileetonni Israa'el biyya isaanii bakka bu'uun hirmaataa turan.
Yeroo sana Israa'el biyya tahuun hundooftee waggaa 20 guuteera. Filisxeemii fi michoonni ishee garuu Israa'eliin akka diinaatti yeroo ilaalan ture.
Waraanni biyyoota Arabaa waliin taasiftes darbeera. Kun hundi Baha Gidduugaleessaa keessatti Israa'eliif diina hedduu horeera.
Gareen hidhate Filisxeemitti hidhata qabu atileetota israa'el Jarmanitti dorgommiirra turan adamsaa ture.
Tapha Olompikii irratti bara 1936 Adoolfi Hiitileer akka piroopaagandaaf itti fayyadameera jedhamuun qeeqamaa ture.
Jarman maqaa kana sirreeffachuun Berlinitti tapha Olompikii qopheessite.
Dorgommichi ji'a Hagayyaa 26, bara 1972 jalqabuun hanga Fulbaanaa keessaatti gaggeeffamaa ture.
Sirna baninsa isaa irratti ispoortessitoonni biyyoota 120 argamuun bifa miidhagaa taheen jalqabame.
Fulbaana 5, 1972 garuu taateen hin eegamne tokko mudate.
Hidhattoonni saddet garee Fata, kan Filisxeem keessa socho'uu fi Yaasir Arafatiin hogganamaa ture keessaa tahan dhukaasa banuun gara ganda atileetonni Israa'el jiraniitti galan.
Jarman tapha Olompikii haa qopheessituyuu malee eegumsaa fi hojii nageenya hundaaf doolaara miliyoona lama qofa baasii goote.
Poolisiin Jarman yeroo sanaa leenjii gahaa fi qophii dhabuu isaa irraa kan ka'e hidhattoonni ganda Olompikii seneuu danda'an jedhu gabaasonni.
Fulbaana 5-6 bara 1972 guyyaa dukkanaa ture. Atileetonni Israa'el lama kutaa isaanii keessatti ajjeefaman.
Sagal ammoo hidhattootaan ukkaamfamuun fudhataman. Poolisiin Jarman dhaabsisuu hin dandeenye.
Dursanii kan itti qophaa'an waan taheef atileetota ukkaamsuun fudhatan baasii tokkotti galchuun erga fdhatanii booda helikooptera qopheessnaiin KM 25 ganda Olompikii sana irraa fageessanii buusan.
Haleellaa fi dhukaasni guyyoota sanaa yeroo jalqabaaf tamsaasa kallattiin uummata adunyaa biliyoona tokko tahuuf tamsa'e jedhame. Kun naasuu guddaa uumeera.
Farra shororkeessummaa biyyoonni akka waliin hundeessaniif sababa guddaa akka tahes himama.
Humni waraanaa Jarman atileetota Israa'el baraaruuf jecha erga hordofee dhukaasa banee 'shororkeesitoonni'' gariin lolicha irratti du'an.
Atileetonni Israa'el walitti hidhamanii ture bakka dhukaasa hamaan banamee baqachuu waan hin dandeenyeef achumatti ajjeefaman.
MM Israa'el yeroos anaa Golda Meyer oppireeshinii ''Dheekkamsa Waaqaa'' jedhamuun waamamu shororkeesiitotta haleellicha raawwatanii fi qindeessan irratti akka gaggeeffamu ajajan.
Israa'el hedduu isaanii biyyoota adda addaa keessatti adamsuun ajjeesteetti.
Rakkoon Israa'elii fi Filisxeem yeroo sana ture ammas erga haleellaa Onkoloolessa 7 as waraanatti isaan galchuun kumaatamni lubbuu dhabaniiru.
Waraana Gaazaa irratti lammiileen biyyattii kuma 40 ol akka ajjeefaman Ministerri Fayyaa Filisxeem himaa ture.
Har'as ispoortii keessattis babal'achuun deeggartoonni kubba miilaa Israa'el kilaba isaanii Makaavii Teel Aviiv dorgommii Konfirensi Liigii irratti hirmaachaa jiru deeggaruuf gara Nezerlaandis, Amisterdam deeman irratti haleellaan raawwate.
Ergasii gareen biyyaalessaa Israa'el garee biyyaalessa Faransaay wlaiin Neeshinsi Liig yeroo taphatu Paaris keessatti eegumsi guddaan godhame.
Dabalataan dorgommiin Makabii Teel Aviivii fi kilebni Tarkii Beeshiktas taasisan deeggartoota malee Hnagariitti akka gaggeeffamu murtaa'eera. Kunis hookkarri ka'a sodaa jedhuuni.