Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaatti shakkamaan haadha warraasaa dabalatee dubartoota 40 ol ajjeesuu amane poolisiin to’atame
Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti torban darbe keessaa bakka balfi ittii gatamuufi dhiheenya buufata poolisiitti argamuutti qaamni dubartootaa mummuramee gatame erga argameen booda, dubartoonni gara biraa 40 ajjeesuu namni amane tokko to’annoo jala oolfamuu poolisiin beeksiise.
Magaala Naayiroobiitti haadha warraasaa dabalatee dubartoota 42 ajjeesuu kan amane gaheessi umuriinsaa wagga 33, reeffi dubartoota saddeeti haala sukkanneessaan ajjeeffamanii erga argameen boodadha.
Shakkamaan maqaansaa Kooliinsi Kaahaaliisii’a jedhame kuni bara 2022 irraa kaasee, dubartoota qofarratti xiyyeeffachuun ajjeesaa akka ture amanuu poolisiin beeksiise.
Haala jecha shakkamaa kanaatti ‘‘dubartoota babareedoo ta’am ajjeessuu’’ akka filatu dabaluun ibseera.
Ajajaa Olaanaan Daareektoreetii Qrannoo yakkaa, Mohaammad Amiin Wiixata har’aa ibsa kennaniin, ‘‘shakkamaan jireenya namaatiif dantaa omaatuu hin qabne to’annoo jala oolchneerra’’ jedhan.
Poolisiin akka jedhuutti, shakkamaan to’annoo jala kan oolfame erga dubartoota ajjeese keessaa tokkorraa gama bilbilaan maallaqa gara kan ofiitti dabarsee boodha.
Hogganaan poolisii ibsa isaatiin, shakkamaa Kooliinsi kan jiraatu bakka reeffa dubartootaa itti gataa ture irraa fageenya meetira 500 irratti.
Namni kun kan qabame guyyoota darban keessa reeffii dubartoota hedduu koroojoodhaan maramee gatame argame argamuu hordofeeti.
Poolisiin Sambata darbee ture reeffa dubartoota saddeetii bakka balfa itti gatan irraa arguu kan beeksiise.
Reeffii dubartoota kanneenii bakka balfaan itti gatamuu argamunsaa jiraattota kan dheekkamse yoo ta’u, mootummaanis dhimmicha qoratee bu’aasaa akka beeksiisu himee ture.
Itti dabalunis poolisiin mana shakkamaa keessaa meeshaalee yakkaatiif faayidaarra oolfamaa turan jedhe; gajaraa, haguuggii harkaa, korojoowaniifi bilbila mobaayilaa namoota ajjeefamanii, kaardiiwwan SIM fi waraqaa eenyuummaa argachu beeksiise.
Pirezidantiin biyyattii dhiibbaa keessatti argamanis ‘‘Nuti biyya dimookiraasii olaantummaa seeraatiin durfamudha. Qaamolee ajjeechaa icciitii Naayiroobiifi eddoowwan biyyattii biraa keessatti hirmaatan seeraan gaafatamu,’’ jedhanii ture.
Haata’u malee namoonni tokko tokkoos ajjeechaa namootaa duuba harki mootummaa jiraachu akka hin oollee tilmaamaa turan.
Namoonni hedduun mormii mootummaa dhiheenya raawwatame irratti hirmaatan eessa buuteensaanii kan hin baramne yoo ta’u, qaamooleen mirga namoomatiif falmanis dhimmi namoota bakka buuteensaanii dhabamee yaaddeessaadha jedhan.