Masriin Hidha Guddichaa fi dhimmoota biroo irratti kora biyyoota Arabaa gaggeessaa jirti

Madda suuraa, EBC
Masiriin biyyoota shan kan hirmaachise, kora biyyoota Arabaa gaggeessaa jiraachuu miidiyalen biyyattii gabaasan.
Akka gabaasa kanaatti, Pirezidaantiin Masirii Abdul Fatta al-Sisin waamicha taasisaniin biyyoonni shan magaala qarqara Galaana Medetiraaniyaatti argamtu Niwu Alameyinitti koricha irratti argamaniiru.
Gaggeessitoonni biyyoota Bahireen, UAE, Iraaq fi Yordaanos kora Masiriin waamte irratti argamaniiru jedhame.
Dhimmoota kora kana irratti ka'aniiru jedhame keessaa tokko dhimma Hidha Guddicha Laga Abbayaa irratti Itoophiyaan ijaaraa jirtuudha.
Waa’en waraana biyyoota Arabaa kanneen akka Yaman, Sooriyaa, Liibiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruu fi dhiyeenya kana ammoo lola Israa’el fi Gaazaa gidduutti gaggeeffamees mata duree kora kanaa kan biraati jedhame.
Hidha Guddicha laga Abbayaa irratti Itoophiyaan ijaaraa jirtuun Sudaan fi Masiriin yeroo garaa garaatti Itophiyaa irratti komii cimaa dhiyeessu.
Keessumaa Masiriin, Itoophiyaan bishaan guutuu irratti waliigaltee dhaabbataa irra osoo hin gahin qophaadhuma ishee deemaa jirti jechuun waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti himatti.
Itoophiyaan ijaarsa hidha guddichaa erga eegaltee waggoota kudhan lakkoofsiseera. Erga ijaarsi kun eegalee biyoota sadan: Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan gidduutti akkaataa ijaarsa fi guutinsa bishaanii irratti mariin gaggeeffamu takka jabaataa takka ammoo laafaa as gahe.
Amma Itoophiyaan ijaarsa hidha guddichaa kanaa gara caalu xumuruutti jirti. Guutinsa isaa akkasuma gulantaa gulantaan itti jirti.

Madda suuraa, OPM-ETHIOPIA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan guutinsa bishaan Hidha Guddichaa marsaa sadaffaa raawwachuu ishee beeksiftee turte. Kanumaan wal qabatee Masiriin dhimmicha gara Mana Maree Mootummoota Gamtoomaniitti geessitee turte.
Ahram Online akka gabaasetti kora biyyoonni Arabaa shanan Masiritti taa'an kanaan Masiriin humna ibsaa Iraaqif dhiyeessuf walii galanaii jiru.
Kuni ammoo Iraaq keessatti sochiin Industirii akka babal'atuuf kaayyeeffameeti jedhame.
Kora Masiritti taa'ame kanaan garuu waa'ee hidha Itoophiyaan ijaartuu irratti ni mariyatu kan jedhuun alatti bal'inni isaa maal akka ta'e hin baramne.
Masriinis Laga Abbayyaa kan bishaansaa harki 85 ta’u Itoophiyaa irraa maddu, hangi bishaansaa na jalaa hir’ata jechuun yaaddoo ishee cimsite dhageessisaa turte.
Gamtaan Afriikaa, Liigiin Arabaa, dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi biyyoonni Lixaa akka ishee waliin dhaabbataniif irra deddeebiin gaafataa jirti.
Waggoota sadan darbaniif wayita waqtiin roobaa eegaluutti dhimma hidha guddichaa kaasuun biyyootaafi dhaabbilee dhiibbaa gochuu danda’u jettee amantu biratti Itoophiyaa waliin haala fayyadama bishaanii irratti seera dirqisiisu irra akka gahamuuf, jaarsummaan akka taa’amuuf dhiibbaa cimsiti.












