Adabbiiwwan du'aa Saawudiitti maatii hidhamtootaa dhoksuun gaggeeffaman

Madda suuraa, AL-KHAYYAT
Saawudii Arabiyaan utuu maatii hin beeksisiin hidhamtoota irratti tarkaanfii murtee du’aa raawwachuu ishee, firootni BBC’tti himaniiru.
Erga bara 2015 lakkoofsi murtee du’aa biyyatti dachaan dabaluu isaa gabaasi mirga namoomaa haraa ibseera.
Barri 2015 yeroo itti Mootiin Salmaan fi ilmi isaanii Mohammed bin Salman aangoo qabatanidha.
Maatiin Musxafaa al-Kayaat akka inni ajjeefamuuf jedhu irratti wanti itti himame hin jiru.
Hanga ammatti reeffa awwaallatan fi bakka awwaalchaa daawwatan hin qabani.
Yeroo dhumaaf kan isa qunnaman yeroo mana hidhaarraa bilbilee, harmee isaan “Amma deemuun qaba. Nagaa ta’uukeetti gammadeera,” jedhee bilbila cufedha.
Ji’a tokko booda, Musxafaan du’eera – Bitootessa 12, 2022 irratti dhiirota 81 murtee du’aan ajjeefaman keessaa isa tokkodha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kun seenaa Saawudii ammayyaa keessatti gocha ajjeechaa murtee du’aa jumlaa isa guddaadha.
Maqaan Musxaafaa tarree dheeraa fi guddachaa deemaa jiru gartuu Reprieve jedhamuun walitti qabameera.
Gartuun kuni, Dhaabbata Mirga Namoomaa Lammilee Saawudii Awurooppaa waliin ta’uun gabaasa haaraaf, ajjeechaa murtee du’aa Saawudii irratti odeeffannoo walitti qabachaa tureera.
Akka odeeffannoo bara 2010 irraa eegalee walitti qabameen, qorannoon isaanii kanneen armaan gadii argateera.
Erga bara 2015’tti Mootii Salmaan angoo qabatanii, ilmasaanii Mohammed bin Salman angoo ijootti muudan booda, lakkoofsi ajjechaa murtee du’aa Saawudii Arabiyaa dachaa kan ta’uun dabaleera.
Murteen du’aa yeroo hedduu, seera mirga namoomaa faallessuun, mormitoota callisiisuuf hojiirra oola.
Saawudii Arabiyaan murtee du’aa ijoollee irratti raawwatamu akka dhorkitu himtus, yoo xiqqaate namootni 11 ijoollee ta’anii utuu jiranii kan to’annoo jala oolfaman, erga 2015'tii murtee du’aan ajjeefamaniiru.
Manneen hidhaa Saawudii keessatti, shakkamtoota ijoollee ta’an dabalatee, dararri waan bal’inaan raawwatamudha.
Gartuun Reprieve, bara darbe Saawudii Arabiyaa keessatti ajjeechaa murtee du’aa 147 galmeesseera, ta’us garuu kanarra caalaa ta’u danda’a jedha.
Dabaluunis biyyattiin dubartoota hojjettoota manaa ta’anii fi namoota yakka qoricha sammuu hadoochu gad aanaa ta’e rawwatan dabalatee, lammilee biyyootii biroo irratti murtee du’aa fayyadameera jedha.

Waggaa tokko booda, ammayyuu Musxafaa fi hidhamtoonni kaan akkamiin akka ajjeefaman, angaa’oti maatii isaatti hin himne.
Obboleessi isaa hangafaa, Yaseer, “Awwaalcha garii argataniitu yoo ta’e ykn ammo gammoojjii ykn galaanatti gatamanii yoo ta’e hin beeknu. Homaa hin beeknu,” jedha.
Bara 2016’tti Sawudi Arabiyaatii baqatee amma Jarmanii kan jiraatu Yaasir, ifatti wa’ee kanaa yeroo jalqabaaf dubbate.
Bara 2011 irraa eegalee Musxafaan, hiriira mormii hawaasa Muslimoota Shiyaatiin durfamee guyya guyyaan mootummaa Saawudii mormuun gaggeeffamu irratti hirmaachaa ture.
Musxafaan bara 2014’tti to’annoo jala oolfame.
Du’a isaa booda mootummaan ibsa baaseen, Musxafaa dabalatee namootni 30 biroo murtee du’aan kan ajjeefaman sababa yakka akka qamoolee nageenyaa irratti yaalii ajjeechaa, gudeeddi, saamicha, boombii omishuu, hokkora kaasuu fi jeequmsa babal'isuu akkasumas meeshaa waraanaa fi qoricha sammuu hadoochanii daldaluun raawwataniifi jedheera.
“Homaa ragaa hn dhiyeessine. Sobni kun baay'ee nama madeessa,” kan jedhu Yaaser, dabaluunis obboleessa isaa yeroo anga’oonni isa ajjeesanitti himata irratti dhiyaate ilaalchisee himata galchaa ture jedheera.
Erga angootti ba’ee, ilmi mootii Mohaammed bin Salmaan, - MBS jedhamuun beekamu – biyyattii ammayyeessuu fi raawwii murtee du’aa hir’isuuf akka yaalaa jiru ibsee ture.
Ilmi mootii kun "faallaa wanta waadaa galee raawwate,” jechuun hoggantuun Reprieve, Maayaa Fowaa, Landanirraa BBC’tti himteetti.
“Addabbiiwwan murteewwan du’aa hedduu fi haleellaa namoota dimokraasii deeggaruun hiriira ba’an irratti gaggeeffamu hogganeera.”
Caalaatti ammoo bulchiinsi dhoksaa murtee du’aan walqabatee jiru jira jechuun, dhimmootni Reprieve ilaaleeru hedduun kanneen murteen du’aa itti murtaa’ee adabbii eeggachaa jiraachuu isaanii eenyuyyu hin beeknedha jetteetti.
“Miseensoti maatiisaanii hin beekne. Kanaaf dhoksaatti namoota to’annoo jala olchitee, dhaddachatti dhiyeessitee, murtee du’aa itti murteessitee, sana booda ajjeeste jechuudha.”
Kanaaf maatiin tokko tokko waa'ee miseensi maatii isaanii ajjeefamu kan bara miidiyaa hawaasummaa irratti qofadha jetti Fowaan.
Odeeffannoon seera qabeessa ta’e dhibuun isaa, dhimma hundumaa irratti “wanta isaa baayyee hamaa fi dhippisiisaa'' akka ta’e ibsiteetti.
Saawudii Arabiyaa keessatti kan dura, adabbiin murteen du’aa harka caalaatti kan gaggeeffamu bakka uummanni jirutti morma kutuun, maqaa fi yakki namoota kunneenii marsiriitii mootummaa irratti maxxanfameeti.
Ta’us rogeessotni mirgoota namoomaa garuu raawwiin murtee du’aa wanta ifa hin taane ta’eera jedhu.
Namootni BBC’n hasoofsiiseru amma akkamiin adabbiin murtee du’aa akka gaggeefamu hin beekani, ta’us namoota qawwee dhukaasaniin akka raawwatamu beekama.
Human Rights Watch akka jedhutti Bitootessa darbee keessa namoota 81 murtee du’aan ajjeefaman keessaa 41 miseensota hawaasa Shiyaa yoo ta’an, “sirna haqa yakkaa Sawudii Arabiyaa keessatti carraa namootni kunneen dhaddachaa haqa qabeessa ta’e argachuu isaanii xiqqaadha.”
Sadaasa darbe, Sawudii Arabiyaan murtee du’aa namoota yakka qoricha hadoochuu yeroof addaan citee ture deebiste eegalteetti. Sana booda torban lama keessatti yakka akkanaan walqabatee namootni 17 murtee du’aan ajjeefamuu isaanii UN ibseera.
Dhaabbati mootummaa Sawudii – Komishiniin Mirgoota Namoomaa Sawudii dhimma kana irratti yaada akka kennuuf BBC’n imeelii sadii kan erge ta’us, homaa garuu deebii hin arganne.
Ibsi imbaasii Saawudii irraa BBC’f ergamee, biyyootiin hedduu addunyaarra jiran murtee du’aa akka qabanii fi biyyotiin kunneen adabbii akkamiitu mala kan jedhu irratti ilaalcha adda addaa akka qaban eereera.
“Akkuma nuti mirga seeraa fi duudha ofii isaanii baafachuu kabajnu, biyyootiin biroos filannoo haqaa fi heeraa keenyaa akka kabajan ni abdanna,” jedha ibsi kun.
Ta’us garuu ibsi kun bulchiinsa ilma mootii, MBS jalatti murteen du’aa dabalaa dhufuu isaafi haala duudhaa idil addunyaa faallesseen akkaataa murteen du’aa itti fayyadamaa jiru irratti homaa odeeffannoo ykn yaada kenne hin qabu.












