Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aangoon 'waraana xiin-sammuu qolachuu' dhaabbata tikaaf kennamuun maaliif yaaddoo uume?
Manni maree bakka bu'oota uummataa Itoophiyaa walgahii A.L.I Adoolessa 1 bara 2014 taa'een labsii dhaabbati basaasaa fi tika biyyaalessaa ittiin hundeeffame fooyyessee ture.
Labsiin fooyya'e kun aangoo haaraa jaha dhaabbata kanaaf ida'e keessaa tokko aangoo "waraana xiin-sammuu qolachuuti".
Waraanni xiin-sammuu yeroo hedduu olola ykn piroppaagaandaan wal-qabsiifamee hiikkoon itti kennama.
Galmi isaa ijoon qaamoleen wal-waraanan hamilee diinaa isaanii ittiin xiqqeessuufi.
Waggootaaf ajajoota waraanaa fi loltoota irratti fuulleffachuun sabaa himaalee idileen tamsaafamaa ture.
Bar-kurneewwan lamaan darbaniif garuu marsaaleen hawaasaa heddummachuu hordofee waraanni xiin-sammuu qaama irratti fuulleffatus ta'e, eenyu akka waraanicha lolu ilaalchisee wanti hedduun jijjiirameera.
Waraanni xiin-sammuu amma akka durii mootummaa qofa osoo hin taane qaamolee hedduu kaan hirmaachisuus eegaleera.
Intarneetiin hojii odeeffannoo daddabarsuu salphisuun isaa akkasumas namoonni eenyummaa isaanii dhoksanii odeeffannoo tamsaasuu danda'uun, mootummoonni waraana xiin-sammuuf xiyyeeffannoo akka kennan godheera jedhu Yuunivarsiitii Finfinneetti gargaaraa pirofeesaraa fi hayyuun seera saayibarii Dr Kinfee Yilmaa.
Waraanni xiin-sammuu Itoophiyaaf waan haaraa miti.
Mootummaa Dargii hogganaa kan turan Mangistuu Hayilamaariyaam bara 1970moota keessa "impeeriyaalistonni waraana xiin-sammuu nurratti bananii jiru" jechuu isaanii akka ragaatti kaasu Dr Kinfeen.
MM Abiy Ahimadis irra deddeebiin waa'ee waraana xiin-sammuu yoo dubbatan dhagaahamu.
Haata'u malee waa'een waraana xiin-sammuu amma dura seera biyyattiis ta'es sanadawwan heera mootummaa biroo keessatti ibsamee hin turre.
Labsii dhaabbati basaasaa fi tika biyyaalessaa ittiin hundeeffame dhiyeenya fooyya'e keessatti aangoon "waraana xiin-samuu biyyarratti aggaamamu qolachuu" dhaabbata basaasaa fi tikaa biyyaalessaaf kennameera.
Labsii fooyya'e kanaan aangoon dhaabbata tajaajila lammummaa fi immigireeshinii to'achuu ministeera nagaa jala galee tures, dhaabbata basaasaafi tikaaf deebi'ee jira.
Itti dabaluunis "namni kamuu odeeffannoo dhaabbata tajaajila basaasaa fi tikaa irraa kennametti fayyadamuufi hojiirra oolchuu qaba" jedha labsiin fooyya'e kun.
Kun ammoo falmitoota mirgoota namoomaa biratti yaaddoo uumeera.
Maaliif yaaddoo uume?
Yaaddoo ka'an keessaa gariin raawwii isaatiif hiikkoon hin kaa'amne. Itti gaafatamummaa kennuun alatti seerichi eenyu ilaallata kan jedhus wanti ibsame hin jiru.
Seeronni farra shororkeessummaa, yakka koompiitaraa fi oduu sobaa akkasumas seerri yakkaa osoo jiruu labsii kana baasuun maaliif akka barbaachise ifa miti kanneen jedhan jiru.
Qooda fudhattoonni dhimmicha irratti komii dhageessisaa osoo jiranii ariitiin akka raggaasifamu godhamuunis shakkii biraati.
"Fooyya'iinsa labsii kana kan fide rakkoo nageenyaa fi tasgabbii dhabiinsa waggoota lamaan darban biyyattii keessa ture natti fakkaata," jedhu Dr Kinfee Yilmaa.
'Waraanni odeeffannoo' akkasumas 'oppireeshiniin saayibarii' seerota amma hojiirra oolaa jiran keessatti hammatamaniiru jedhu ogeessi seeraa kun.
Ammoo aangoon kun silaa kan maluuf dhaabbata nageenya odeeffannoo biyyattii INSAf ture jedhu.
Seerri idil-addunyaa waraana xiin-sammuu to'atu hin jiru. Kanaaf biyyoonni seera keessoo fi imaammata qabanitti fayyadamuun qaawwa jiru duuchuuf yaalu.
Ameerikaan garee loltootaa waraana xiin-sammuu akka qolatan ijaarte humna waraanaa biyyattii keessaa qabdi. Haata'u malee gareen loltootaa kun aangoo isaanii lammiilee biyyattii irratti akka hin shaakalle seerri isaan dhorka.
Biyyoonni gurguddoon biroos seera waraana xiin-sammuu ittiin qolatan qabaatanillee, seerri kun jiruu guyyuu lammiilee akkasumas mirgoota namoomaa isaanii akka hin sarbine to'annoo guddaatu godhama.
UN sadarkaa idil-addunyaatti qaawwa seeraa jiru duuchuuf hojjetaa jira jedhu Dr Kinfeen.
Gara labsii amma fooyya'e kanaatti yoo deebinu, labsichi adda addummaan yakkoota seera farra-shororkeessummaa jalatti tumaman waliin qabu ifa miti jedhu.
Falmitoonni mirgoota namoomaa, namoonni dhunfaa, miidiyaaleen akkasumas dhaabbileen idil-addunyaa dhimmoota yeroo irratti bilisa ta'anii yaada isaanii akka hin dhorkine labsii kanaan dhiibbaan irratti godhamuu mala jedhu.
Labsichi sarbama mirgoota namoomaaf akka hin oolle gochuun gaafatama mootummaa ta'uus himu.
Seerichi yoo hiikamu akkaataa yaada ofii bilisaan ibsachuu dabalatee mirgoota namoomaa akka hin miineen ta'uu akka qabuufi waldaaleen hawaasaa marii irratti gochuun seerichi sarbama mirgaaf akka hin oolle dhiibbaa uumuu akka qabanis dhaamu.