Muudamni Boordii Waldaa Abukaatotaa MM kennan mormiin kaase

Maxxanfame

Itoophiyaatti baroota dheeradhaaf ogummaan seeraa waldaa abokaatotaa ittiin of bulchu osoo hin hundeessin turee bara kana hundeeffamee hojiitti galeera.

Akkaatadhuma labsiin hundeeffama waldaa kanaa lafa kaa’utti, miseensota boordii kan muudu ministeera muummee yoo ta’u, bifa kanaan muudamni gaggeeffameera.

 Akka seeratti miseensota bordii kana kan dhiyeessu abbaa alangaa walii galaa yoo ta’u, bordii miseensota 7 qabu kan muudu ministera muummeti. Bifuma kanaan ministerri muummee muudama kan kennan yoo ta’u, dubartiin tokko illee boordii kana keessa jiraachuu dabuun mormii kaasera.

Mormii kana kan kaaseefi murteen kenname akka isa yaaddesse kan dubbate Waldaa Abbootii Seeraa Dubartootati.

 Waldichi ragaa dhiyeessen abukaatota 3089 Itophiyaa keessatti argaman keessaa dubartoonni 362 qofaadha.

Ogummaa kana keessatti gahee ijoo baha jedhamee kan eegamu gageessitoota Waldaa Abukaatotaa keessatti dubartoonni hammatamuu dhabuun miidhan isaa saphaa akka hin taane agarsiisa jedha Waldaan Abootii Seeraa Dubartotaa.

Waldaan kun marii mootummaa Federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti taasifamu qaamoleen mariif dhiyaatan lamaanuu miseensa isaanii yeroo filatanitti walakkaa hawaasaa kan ta’an dubartoota hin hirmaachifne jechuun ibsa baasee ture.

Boordiin Waldaa Abokaatotaa waldichi adeemsa hojii hordofuu dabalatee itti-gaafatamummaa ijoo ta’an baayyee qaba.

Kanneen keessaa kora naamusaa, koree qormaata seensaa hojii abukaatoofi koreewwan gamaggama hayyama abukaatummaa yeroo murteessan irratti komiiwwan dhiyaatan fudhachuun qorachuu, akkasumas komiiwwan waldicha irrattis ka’u ilaaluu kanneen jedhan keessatti argamu.

Angoon ijoo boordichaa biroon, hanga inshuraansii dhaabbileen abokaatotaafi hanga kaffalataa tajaajila abukaatummaa, akkasumas sirnawwan kaffaltii ilaalchisuun labsiidhaan akka murteessuuf kan kennameefidha.

Caasaawwan Waldaan Abukaatotaa qabu bulchiinsaafi gaggeessitoota keessa aangoo olaanaa kan qabaatu kutaa hoji-raawwachiiftuu miseensota torba of keessaa qabu yoo ta’u kun ammoo kora waliigalaatiin kan filatameedha.  

Kora waliigalaa yeroo darbe Amajji 15 gaggeeffameen waldichi hoji-raawwachiiftuu isaa yeroo filatetti, miseensota torba keessaa pirezedaantii kan taate Sinidduu Alamuu dabalatee dubartoota sadiitu ture.

Waldaan Ogeessota Seeraa Dubartootaa Abbaan Alangaa Waliigalaa, dhaabbileen barnootaa, dhaabbileen waldaalee hawaasaa, iaarmiyaalee idil-addunyaafi waldaa abbootii alangaa dabalatee qaamoleen isaan ilaallatu boordichi hirmaannaa dubartootaa giddu-galeessa kan godhate akka ta’uuf gaafateera.

“Miseensonni boordii harka dhibba keessaa 50 dubartoota gahumsa qaban akka ta’an, muudama taasifame irratti sirreeffamni taasifamee walqixxummaa dubartootaa qabatamaan milkeessuudhaaf akka danda’muuf kabajamoon MM Rippabilika Dimokiraatawa Federaala Itoophiyaa carraaqqii gama keessanii akka taasifataniif ni gaafanna,” jechuun MMtiif waamicha dhiyeesseera.