Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazaatti dhukaasi dhiyootti dhaabataa?
Kibba Israa’el, bakka hidhattoonni Hamaas Onkoloolessaa 7, 2023 namoota feestivaalarra turan haleelanirraa eegaluun, firaaf hiriyoonni namoota butamanii Roobii hiriira dheeraa Jerusaalemitti bahan.
Bakka feestivaala Novaa mandara Re’imi jedhamutti dhiyoo yoo ta'u, lammileen Israa’el dhibbaan lakkaa’aman iddoo ajjeefamuun, namoonni dhibbaan lakkaa’aman ammoo bakka irraa butamanii Gaazaa geeffaman.
Namoonni Roobii hiriira bahan suuraa namoota amma yoonaatti dhabamanii qabachuun, mootummaan Israa’el namooota 134 butamanii hafan akka gara qe’eesaanitti deebisu gaafatan.
Namoonni hiriira bahan kunneen mariin dhukaasa dhaabuu gaggeeffamurraa kan ka’e firoonni isaanii butaman ni gadhiiifamu jedhanii abdachuutti jiru.
"Guyyaafi halkan 145 dhuma hin qabne firoota jaalannu eegne," jedhan Roonen Niwutra, namoota walitti qabamanitti wayita dubbatu.
Ilmi Roonen kan Omer jedhamufi umriin isaa ganna 22 Gaazaa jira.
"Abdii isaaniif ergina, xiqqoo akka obsaan turan gaafanna," jedha Roonen.
"Omer, xiqqoo qofa nu eegi . Walii galteerraa gahamuu mala'' jedhe.
Erga jaarsoliin araaraa Ameerikaa, Masrii fi Qaxaar xumura torbee darbee Paarisitti wal gahanii asitti, miidiyaaleen Israa’el waliigaltee lola kana dhaabuuf taa’amurratti xiyyeeffatan.
Sanadni yaadota marii kamiyyuu ummataaf ifa hin taane, garuu Pirezedantiin Ameeerikaa Joo Baayiden hanga waliigalteerra gahamuu mala jechuu hordofee tilmaamni waliigalamu mala jedhu dabaleera.
Garuu walii galteen sun maal fakkaachuu mala ?
Dhukaasa dhaabuun torban jahaaf turuu qaba, yeroo kana keessatti lammileen Israa’el butaman 40 sududaan gadhiifamu.
Dubartoonni namoota sivilii ta’anii fi loltoonni dursanii gadhiifamu.
Gama biraatiin hidhamtoonni Filisxeem gara 400 ta’an, gariin yakka shororkeessummaa cimaan kan baleessaan itti murtaa’e, manneen hidhaa Israa’el keessaa ni gadhiifamu.
Loltoonni Israa’el naannoowwan Gaazaa qubsumni uummataa itti heddumatu muraasarraa fagaachuu malu, lammiileen Filisxeem miiliyoona 1.8 ta’an Onkoloolessa 2023 irraa eegalee lola kanaan buqqa’an keessaa muraasni gara qe’ee isaanii kaabaa Gaazaatti deebi’uu danda’u.
Garuu torban kana keessa ammallee Qaxaaritti mariin taa’amaa waan jiruuf - bakka giddu-galeessitoonni Masrii fi Qaxaar bakka bu'oota Israa'elii fi Hamaas gidduu marmaaru - dhimmoonni irra caalaan garuu ammallee hin furamne.
Gabaasni akka agarsiisutti, ammallee lakkoofsa hidhamtoota Filisxeem hidhaarraa gadhiifamanii fi fi lammiilee Israa’el gadhiifamanirratti waldhabdeen jira.
Akkasumas loltoonni Israa’elirra deebiin bobbaafamu ykn Filisxeemonni gara qe’ee isaaniitti akka deebi’anirratti hanga ammaatti waliif hin galamne.
Garuu Hayim Toomer, hogganaan duraanii dhaabbata basaasaa Israa’el Mosaad muuxannoo marii kanaan duraa kan qabu yoo ta’u, marii kanarraa abdii guddaa akka qabu hime.
"Baayyee walitti dhihoo jirra jedheen yaada," jedhe.
"Namoonni butamanii fi hidhamtoonni Filisxeem gadhiifamuu mirkanaa'era jechuu koo miti. Garuu mariin gara fuulduraatti deemaa jira jedheen yaada."
Yaada hogganaan Hamaas kan Qaxaar jiru Ismaa’eel Haniyaa kenne kaasuun, gareen kun waliigalteerratti ejjennoo isaa laaffisuu akka malu Roobii darbe eere.
"Marii kana keessatti ejjaannoo keenya laaffisaa kan jirru wareegama ummata keenyaa eguu fi waraana garajabumaa kanarratti dararaa fi wareegama kaffalan xumuradha" jedhan.
Obbo Haniyaan itti fufuun Hamaas yoo barbaachisaa ta’e lola ittifufuuf qophii ta’uu ibsuun, Filisxiinonni Weest Baankii fi Yerusaalem keessa jiran Israa’el diduun Ramadaanaa keessa masjiida al-Aqsaa Yerusaalemitti akka hiriira bahan dhaaman.