Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Diraamaa Shaampiyoonsi Liigii Saansiiroo fi Itihaaditti eegamu
Boru Peep Gaardiyoolaa fi Erliingi Haalaandiif gammachuu addaa ykn gadda laphee cabsu fiduun waan hafu miti.
Dhugaan jiru mootii Shaampiyoonsi Liigii kan tahe Riyaal Maadirid erga waancaa Laaligaa dhabee Shaampiyoonsi Liigii salphaatti gadi dhiisaa? kan jedhu ilaaluudha.
Maan Siitiin harka tokkoon waancaa Piriimer Liigii harkaan qabateera.
Seenaa kilabichaa keessatti takkaa mo'atee kan hin beekne garuu Shaampiyoonsi Liigiidha.
Abbootiin qabeenyaa Maanchister Siitii fi akkasumas kilaba michuu isaanii tahee fi abbootii qabeenyaa wla fakkaataa jala jiran PSG Shaampiyoonsi Liigii mo'achuu hin dandeenye.
Xiyyeeffanoon Riyaal Maadirid guutummaan Shaampiyoonsi Liigii irra yoo tahu, Gaardiyoolaan waan ittiin of ceepha'u Shaampiyoonsi Liigiis xiyyeeffannoo guddaan taphata.
''Waan hunduu Maanchisteritti xumurama. Waan darbe irraa muuxannoo guddaa arganneerra'' jedhanii ture Peep Gaardiyoolaan.
Haalaandi Waldaa Kubba Miilaa Ingiliziin taphataa cimaa bara kanaa jedhamuun filameera.
Waggoota shan keessatti taphataa sadaffaa Maanchister Siitii badhaasa kana argatu taheera.
Torban darbe ammoo waggaa 11ffaa Kun Aguweeroon daqiiqaa xumuraatti galchii QPR irratti lakkoofsisuun waancaa itti argatan ture.
Taphataa jabaa kilabichaa kan ture Yaayaa Tureef ammoo guyyaa dhaloota isaa waggaa 40ffaadha.
Garuu Maan Siitiin Riyaal Maadirid hin mo'atu taanaan akkasumaan tahuu isaati. Riyaal tapha Getafee waliin taasisan irratti taphattoota carraa taphaa hin arganne akka Eden Haazaardi fa'aaf carraa kenneera.
Kaarim Beenzeemaan qofaatti shaakala hojjechaa ture.
Badhaasa Ballon dOr bara darbee kan mo'ate Beenzeemaan Haalandi caalaa maal hojjechuu akka danda'u agarsiisuu barbaada.
Toonii Ruudiger tapha marsaa jalqabaa irratti Haalaandiin taphaan ala godheera jechuun danda'ama.
Leenjisaan AC Miilaan Istifaanoo Piyoolii namoota hedduutti fakkaachuu baatullee tapha Inter Miilaan wlaiin goonu mo'achuun xumuraaf ni darbina jedhe.
Marsaa duraan Inter Miilaan 2 fi 0'n mo'ateera.
Taphni deebii har'a Saan Siiroo irratti gaggeeffama. ''Taphattootni koo hammam cimoo akka tahan nan beeka. Tapha gaarii ni taphanna. Xumuraaf ni darbina,'' leenjisaa AC Miilaan.
Raafaa'el Leyoo tapha har'aaf ni gaha jedhamee eegama. Tapha marsaa duraan miidhamee osoo hin taphatiin hafe.
AC Miilaan yeroo torba waancaa Shaampiyoonsi Ligii mo'achuun Inter Miilaan caalaa rikardii gaarii qaba.
Inter Miilaan ammoo Joosee Moohoriinoo jalatti bara 2010 waancaa Shaampyoonsi Liigii moi'ateera.
Dorgommii Serie A Inter Miilaan qabxii shaniin AC Miilaan kan sadarkaa shanaffaa irra jiru caala.
Xumurii waancaa Shaampiyoonsi Liigii Istaanbulitti gaggeeffama. Maan Siitiin Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi FA Cup mo'achuuf carraa qaba.