Giddu-gala gargaarsa Meqedooniyaaf doolaara 700,000 ol walitti qabame

Miidiyaalee hawaasummaa fayyadamuun gargaarsa walitti qabuun kan maqaa gaarii horate Komeediyaan Isheetuun giddugala gargaarsaa Meqedoniyaaf qarshii guddaa walitti qabe

Madda suuraa, Comedian Eshetu

Ibsa waa'ee suuraa, Miidiyaalee hawaasummaa fayyadamuun gargaarsa walitti qabuun kan maqaa gaarii horate Komeediyaan Isheetuun giddugala gargaarsaa Meqedoniyaaf qarshii guddaa walitti qabe
Maxxanfame

Giddu-gala jaarrolee fi namoota dhibee sammuu qabaniif gargaarsa kan taasisu giddugala Meqedooniyaaf biyya keessaa fi alarraa miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun maallaqi guddaan walitti qabame.

Duulli maallaqa walitti qabuu Komediyaan Isheetuu Mallasaa jedhamuun durfamu kun kaayyyoonsaa maallaqa argamuun gamoo giddu-galli kun eegale xumursiisuudha.

Duula maallaqa walitti qabuu kun karaa baankota biyya keessaa, karaa GoFundme, Cash App fi Zelle jedhamaniin gaggeeffamaa jira.

Hanga Wiixata har'aa waareetti birrii miiliyoona 54 ol sa'atiiwwan muraasa keessatti walitti qabameera.

Hanga sa'aatii shan ta'utti karaa GoFundme qofaan doolaara Ameerikaa kuma 700 caalu walitti qaban.

Gamoo giddugalli kun ijaarsisaa jiruuf foddaa fi balbala 1,600 ta'an galchuuf dhaabbileen tola ooltotaa karaa GoFundme doolaara Ameerikaa 5,000 tumsa taasisaniiru.

Duula maallaqa walitti qabuu kana dursaa kan jiru Isheetuu Mallasaan hojii maallaqa walitti qabuu haala kanaan wayita gaggeessu kun isaaf kan jalqabaa miti.

Dhiheenya kana ijaarsa manneen amantii Islaamaa fi Kiristaanaaf maallaqa guddaa walitti qabeera.

Kana malees uummata Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa maallaqaa birrii miiliyoona 10 ta'u dhihoo walitti qabeera.

Meqedooniyaan giddugala jaarrolee fi namoota dhibee sammuu qaban kunuunsudha.

Keessattuu namoota nama isaan gargaaru of biraa hin qabne garuummoo deeggarsa malee jiraachuu hin dandeenyeef da'oodha.

Namoota maallaqa walitti qaban

Madda suuraa, YOUTUBE

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota maallaqa walitti qabuu irratti qooda fudhatan keessaa Artist Abbuush Zallaqaa ni argama

Hundeessaan Meqedooniyaa Biiniyaam Ballaxe Dilbata kaleessaa akka dubbatetti, giddugalli kun waggaa 11 dura akka hundaa'ee fi namoota 7,500 caalaniif da'oo ta'ee akka jiru ibseera.

Namoonni giddugala kanatti da'eeffatanii jiraniif nyaata, uffataa fi wal'aansa fayyaa kennuuf guyyaatti baasiin birrii miiliyoona tokko caalu akka barbaachisus kana dura ibseera.

''Rakkoon baayya'ataa jira, namoonni rakkatanii harka namaa eeggatan baay'achaa jiru,'' jedha Biiniyaam.

Kanaafuu hojii giddugala kanaa babal'isuun yeroo kamuu caalaa amma barbaachisaadha jedhe.

Giddugalichi gamoo birrii biiliyoona 2.45 ta'uun ijaarsisaa jiru dhibbeentaa 70 ol xumuruu fi gamoon kun wayita xumuramu namoota kuma 10 qabachuu akka danda'us hime.