Guyyaa tokkotti namoonni 241 Gaazaatti ajjeefaman, waraanni ji'ootaaf akka itti fufu akeekkachiifame

Maxxanfame

Waraana Israa'eliifi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiruun sa'aatii 24 darbe keessatti lammiileen Gaazaa 241 du'uu ministeerri fayyaa Gaazaa beeksise.

Pirezidaantin Filisxeem Mohaammud Abbaas "yakka hamaa uummata kiyyarratti raawwatu" jechuun balaaleffatan.

Ajajaan waliigalaa humna waraana Israa'el Herzi Haleevii waraanni Israa'el Hamaas wajjin gaggeessitu ji'ootaf akka itti fufu akeekkachiiseera.

Kanneen du'aniin alatti namoonni 382 sa'aatii 24 keessatti madaa'uu ministeerri fayyaa Gaazaa dabaluun ibse.

Erga waraanni kun eegalee Filisxeemonni 20,915 ajjeefamuu ministeerichi hime. Isaan keessaa harki hedduu daa'immaniifi dubartoota jedhame.

Pirezidaantin Filisxeem Mohaammad Abbaas, waraana Gaazatti gaggeeffamaa jiru kana badii hamaafi "waraana nama balleessuf gaggeeffamuu oli" jechuun ibsan.

Pirezidaant Abbaas kana kan dubbatan Ramaalatti miidiyaa Masirii tokko wajjin turtii taasisaniin yoo ta'u, erga waraanni eegalee yeroo jalqbaaf miidiyaatti dubbatan.

Seenaa uummata Filisxeem keessatti waanti hamaan akkasii mudatee akka hin beeknes kaasan.

Mancaatii Gaazatti qaqqabeen waan achi keessa jiru adda baasun rakkisaa ta'uu himuun haalli Weest Baank keessa jiru yeroo kamittuu dhohuu akka danda'u akeekkachiisan Abbaas.

Dabaluunis Washingtan yaada furmaata Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dhiyeessu kufaa gochuun waraanni kun lafarra akka harkifatu gooti jechuunis komatan.

Ajajaan walii galaa waraana Israa'el Leetinaant Jeneraal Herzi Aleevii "waraanichi ji'oota hedduuf itti fufa" jechuun gaazexeessitootaf ibsa kennan.

"Dhaabbata shororkeessaa ta'e balleessuu ilaalchisee cichuufi kutannoon [loluun] alatti furmaanni qaxxaamuraa homtuu hin jiru," jechuun yeroo gabaabatti waraanichi akka hin dhumne himan.

Haalli Gaazaa keessatti isaan mudate cimaa ta'uu amanuun, yeroo dheeraa yoo fudhatellee, gaggeessitoota Hamaas to'annoo jala oolchuu ykn ajjeessuf kutannoo qaban ibsa qondaalli waraanaa kun.

Gama biraan ammoo Masiriin yaad-rimee waraana dhaabuu qopheessitee jiraachuu miidiyaalen Arabaafi Israa'el gabaasaniiru.

Akka gabaasa kanaatti yoo ta'e, karoorri araaraa Masiriin dhiyeessite kun Hamaas lammiilee Israa'el butee harkaa qabu hunda gulantaa garaa garaan akka gadi lakkisuufi Israa'el ammoo haleellaa gaggeessitu akka dhaabdu kan jedhuudha.

Jaarsumma Kaatar kanaan dura taasifteen Hamaas namoota butee ture heddu yoo gadi dhiisu, Israa'elis Filisxeemota hiitee turte gadi lakkifte.